Raalf Raanginiik: Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid qacaruuf jiru eenyu?, maal jijjiiruu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Raalf Raanginiik hanga Piriimer Liigiin bara kanaa xumuramuutti leenjisaa Maanchistar Yunaayitid ta'anii qacaramuuf jiru.
Leenjisaan lammii Jarmanii kun leenjisaa Yunaayitid duraanii Olegunaa Solshaayar bakka bu'uun baatilee jahaaf kilabicha leenjisu.
Kontiraata leenjisummaa ji'a jahaa erga xumuranii booda ammoo, gorsaa ta'uun kilabicha waliin waggoota lamaaf hojjechuuf waliigaltee haarawa akka mallatteessan eegama.
Yunaayitiid maaltu akka Raanginiik filatu taasise?, Raanginiik hoo maaliif Yunaayitid leenjisuuf tole jedhe?, Kilabichatti maal jijjiiruu danda'a? Qacaramuun isaa Ronaaldoof maal jechuudha? Gaaffileen hedduun ka'aa jiru.
Torbee darbe Waatfoordiin 4 fi 1n injifatamuu hordofee leenjisaa duraanii kan ari'e Yunaayitid, leenjisaa haaraa qacaruuf xumurarra erga gahee booda qacarriin Raalf Raanginiik kan himame.
Namni ganna 63 kun Jarmanii keessatti leenjisummaan beekamtii gaarii qaba. Amma dura kilaboota akka Istuutgaart, Haanoovar, Hofeneem, Shaalki fi RB Leepzhig leenjiseera.
Amma dura Cheelsii akka leenjisu gaaffiin dhiyaateefi tole hin jenne.
Ingilaand keessatti kan baratee fi achi jiraatee kan beeku Raalf Raanginiik, Piriimer Liigiif jaalala qaba garuu kilabii Piriimer Liigii leenjisee hin beeku.
"Raalf ogeessa guddaadha, waggoota 15-20 darban keessa leenjisoota ciccimoo Jarman omishte keessaa tokkodha" jedha Hofeneemitti waahila isaa kan ture Luutz Fanenistee.
Jarman keessatti 'pirofeesara kubbaa miilaa' jennee waamnaan kan jedhu Luutz, wanti inni amma dura hojjete hundi milkaa'eefii jira, Yunaayitiid tasgabbeessee toora irratti deebisuuf inni nama sirriidha jedha.
Gaazexeessaan Ispoortii Awurooppaa Juuliyaan Loorans gama isaatiin, Raalf waggoota 20 darban keessa namoota waa'ee kubbaa miilaa sirriitti hubatan keessaa tokko jechuun isa ibsa.
Leenjistoota Jarman akka Tukel, Juuliyaan Naagelsmaan, Raalf Haasnhatil fi Yargan Kiloop fa'iif nama fakkeenya ta'edha jedha.
Haata'u malee inni leenjisaa kilaba bu'uura irraa kaasee ijaaruun beekamudha, baatilee jaha gidduutti ammoo sana gochuu hin dandeessu jechuun Yunaayitidiif bu'aa barbaadamu fiduu dhiisuu mala jedha.
Yaadota maddisiisuun kan beekamu Raalf, kubbaa dhiibbaa uumuun taphachuu, garee morkataa mudduu, dogoggora akka uuman dhiibbaa irraan gahuu, ariitiin gara fuulduraa deemuu irratti xiyyeeffatee taphata.
Akkaataan tapha isaa taphattoota Yunaayitid amma qabuuf sirriitti mijataa fi kan deeggartoonni daawwachuuf jaalatanidha jedheen yaada jedha Luutz Fanenistee.
Ifatti kan dubbatuufi sodaa kan hin qabne, maal akka barbaadu kan beekuu fi waan barbaadu sana akka godhan tapahattoota isaarraa kan eegudha.
Leenjisaa lammii Jarman Yunaayitid keessatti seenaa galmeessu ta'uu mala.

Madda suuraa, Getty Images
'Ronaaldoof ...'
Raanginiik gara Yunaayitid kan dhufu kilabichi ganna darbe taphattoota ciccimoo mallatteesisu isaatiin booda.
Kanneen keessaa al shan Ballon d'Or kan injifate Kiristiyaanoo Ronaaldoo isa tokko.
Raanginiik leenjisaa dafee jijjiirama arguu fedhu waan ta'eef taphattootarratti dhiibbaa gochuu mala. Taphattoonni tokko tokko dhiibbaa kanaaf ariitiin deebii yoo kennan kaan garuu mufachuu malu.
Ronaaldoon qooda akkamii garee Raanginiik keessatti qabaachuuf akka jiru arguun waan hawwisiisaadha jedhu ogeeyyiin ispoortii.
Haata'u malee leenjisaan kun Roonaaldoo hin fedhu yoo ta'e rakkoon uumamuu mala sodaa jedhus qabu.
Waliigalteen ammaa baatilee jahaaf qofa kan turu yoo ta'u, sana booda waggoota lamaaf gorsaa ta'ee kilabicha waliin turuuf waliigalaniiru.
Raalf Raanginiik wayita ammaa dhaabbata gorsaa kubbaa miilaa ofii isaa hundeeffatee kilaboota, federeeshiniiwwan kubbaa miilaa fi direektaroota ispoortii waliin hojjechaa jira.














