Maanchistar Yunaayitid: Zinaddiin Zidaan 'leenjisaa Yunaayitid haaraa tahuuf fedhii hinqabu' jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaayitid kilabicha akka leenjisuuf Zinaddiin Zidaanif gaaffii dhiyeessuus, ammatti gara Old Trafford deemuun leenjisuuf fedhii akka hin qabne maddeen isatti dhiyaatan himan.
Maan Yunaayitid guyyaa Sambataa goolii 4 fi 1n Waatfordiin erga mo'ameen booda, Olee Gunar Solshaayer hojiirraa gugsan.
Leenjisaa duraanii Riyaal Maadrid kan ture Zidaan, Caamsaa dabre keessa kilabicha gadhiise
Turtiisaa kilaba biyya Ispeen kana wajjin 2016 irraa kaasee walitti fufinsaan waancaa Chaampiyoons Liigii sadii kaaseera.
Bara 2018 kilabicha erga gadhiisee booda, takka turee debi'uun waancaa Laa Liigaa fi Suppar Kaappii mo'achuu danda'eera.
Maddeen isatti dhiyeenya qaban kunniin dabaluun, Zidaan ammatti hojii malee taa'aa kan jiru tahus, gara Ingiliiz imaluun Yunaatid leenjisuuf fedhii hin qabu jedhan.
Taphataan gameessi Firaans fi Riyaal Maadirid duraanii kun, leenjisummaa garee biyyaalessaa Firaans fi kilaba Paris St-Germain wajjin maqaansaa irra deddeebiin ka'aa ture. Zidaan carraan kunniin argamnaan isaaniif dursa akka kennus himu maddeen kun.
Leenjisaan lammii Arjentiinaa Mauricio Pochettino, leenjisaa Yunaayitid isa ittaanu tahuu mala jedhamuun irra deddeebiin maqaansaa kahus, amma inni PSG leenjisaa jira. Kilabichis gahumsa leenjisaa kanatti amantii cimaa akka qabaniifi Zidaaniin bakka buusuuf sochii omaatuu akka hin taasifnes himama.
Maanchistar Yunaayitid taphoota torba booda kana taphate keessaa tokko qofa yoo injifatu kilabii Pirimiyeer Liigicha dursaa jiru Chelsiirraa qabxii 12'n caalamee sadarkaa torbaffaarra jira.
Leenjisaan garee duraa kilabichaa Maayikil Kaarik yeroof kilabicha ni leenjisa jedhameera.
''Murtee kanarra gahuu keenya yoo ibsinu gaddi nutti dhagahamaati,'' jedheera kilabichi ibsa baasen.
''Torban muraasa darban mufachiisaa ta'anis, bu'uura waggoota sadan darban ijaaraa ture dhoksuu hin qabani.''














