Maanchistar Yunaayitid Ole Gonaar Solshaayer leenjisummaarraa kaase

Maanchistar Yunaayitid erga gaafa Sambataa 4fi1'n Waatfordiin injifatamee as leenjisaa kilabichaa Ole Gunaar Solshaayer leenjisummaarraa kaase.

Kilabichi taphoota torba booda kana taphate keessaa tokko qofa yoo injifatu kilabii Pirimiyeer Liigicha dursaa jiru Chelsiirraa qabxii 12'n caalamee sadarkaa torbaffaarra jira.

Leenjisaan garee duraa kilabichaa Maaykil Kaarik yeroof kilabicha ni leenjisa jedhameera.

''Murtee kanarra gahuu keenya yoo ibsinu gaddi nutti dhagahamaati,'' jedheera kilabichi ibsa baasen.

''Torban muraasa darban mufachiisaa ta'anis, bu'uura waggoota sadan darban ijaaraa ture dhoksuu hin qabani.''

Bakki kilabichi isaaf qabu yoomuu hin jijjiiramu jedheera kilabichi.

Yunaayitid gaafa Kibxataa Kaarikiin durfamaa tapha Chaampiyeens Liigiif dirree Vilaariyaal dhaqee morkata.

Tapha xumuraa Solshaayer

Leenjisaan Maanchistar Yunaayitiid dhiibbaa guddaa keessa jiru Ole Gonaar Solshaayer gaafa Sambataa ture Waatford dhaqee olaantummaan harkaa fudhatamee 4fi 1'n kan mo'ame.

Boqonnaa dura tapha qindaa'aa jara Waatford ijoolleen Solshaayer ofirraa deeffachuu hin dandeenye.

Karra eegaan Yunaayitid Deevid de Hiyaa ''qaanessaadha'' jechuun haala tapha kaleessaa taphatan ibse.

''Akkaataan tapha walakkaa dura taphanne sadarkaa kilaba kanaafi taphattoota qabuun kan gitu miti,'' jechuun hime.

Tapha kana irratti taphataan Yunaayitid Solshaayer abdatee tureefi dursaan taphattoota isaanii Haari Maaguweer kaardii diimaan dirree keessa baheera.

Galchii takkittii Yunaayitidiif kan galche Van De Beek yoo ta'u kunis tumsa Kiristiyaanoo Ronaaldoon taasiseefiini.

Ta'us, jarri Yunaayitid galchii kana caalaa galchuu hin dandeenye.

Durumaa dhiibbaa jala jiraatus Waatfordiin injifatamuun immoo ittuu hammeessa.

Kilabiin isaan injifate Waatford immoo qabxii afuriin isaan biraa fagaatee sadarkaa 16ffaarratti argama.

Torban lama dura erga Maanchsitar Siitiidhaan mo'amanii booda lammiin Norweey Solshaayer akka rakkoon walfakkaataa hin mudanne ''waan tokko tokkorratti hojjenneerra'' jedhee ture.

Garuu qabxii sadii kilabichi barbaadu ijoollee Kilaawdiwoo Raaniyeeri irraa argachuu hin dandeenye.

Solshaayer ka'uu dura xiinxalaan BBC Ispoortii Saayiman Istoon maal jedhe?

Maanchistar Yunaayitid Ole Gonaar Solshaayer bakkaa kaasuu mala yaadni jedhu guddataa jira jedhee Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Saayiman Istoon barreessee ture.

Taphattoonni fi kaan kilabichatti dhihoo jiran Solshaayer bakka ni buufama jedhanii yaadu.

Qondaaltonni olaanoo kilabichaa walgahii atattamaaf walitti dhufaniiru jedhamee odeeffamuus garuu kilabichi dhugaa miti jedhe.

Haalli Yunaayitid itti jiru ni fooyya'a jedhamee hogganoota kilabichaan abdatamuus qabxiifi ga'umsi mul'atu garuu gaduma deemaa jira.

Kanaanis, Solshaayer deeggartoota dhiifama gaafatee ture.

Yeroo boqonnaa idil -addunyaa kilabachi solshaayer tursuus torban sadii dura Antoniyoo Konteen yeroo Totanhaam seenanis hin sochoone.

Sababa kanaaf, yoo Solshaayer bakkaa kaafame eenyuun akka fiduu danda'u ifa miti.

Zinaddiin Ziidaan amma hojiin ala jira. Birendaa Roojars kan Leestar, leenjisaan PSG Mowrisiyoo Pochettiinoo, fi Ayaakis kan leenjisu Erik ten Haag kontiraata qabu.

Hojii isaanii dhiisanii bahu jedhanii mirkaneessuunis hin danda'amu.