Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haarii Maguwaar ''fakkeenya dhugaa'' taphatoota Maan Yuunaayitid, jedhe Soolshaayer
Haarii Maguwaar ''fakkeenya dhugaa' taphattoota Maanchister Yuunaayitid jedhe leenjisaan kilabichaa Soolshaayer. Qeeqxota isaas akka isaan dogoggoraan gahumsa isaa ceepha'an ni mirkaneessaaf jedhe.
Maan Yuunaayitid taphoota Piriimer Liigii jaha keessaa afur mo'ame. Kun kan Liiverpuul 5 fi'0n ji'a Onkoloolessaa keessa mo'ate dabalateeti.
Dursaan taphattoota kilabichaa 'Haarii Maguwaar erga miidhama irraa deebi'ee gahumsa isaan ceepha'amaa ture.
Soolshaayer Haariin ''nama yaaliif jedhee of dhoksu yookaan dhiifama qofa jedhee darbu miti,'' jedhe. Tapha biyya isaa Ingilaandiif tibbana taasise irratti ammoo Albaaniyaa fi Saan Maariinoo irratti galchii lakkoofsiseera.
Taphataan Yuunaayitid duraanii Roy kiin haalli itti 'Haarii Maguwaar gammachuu isaa ibsate ''jibbisiisaadha'' jedhe. Haariin namoota isa qeeqaa turaniif deebii akka tahutti gammacuu isaa ibsate ture.,
Har'a Yuunaayitid Waatfoordi waliin taphata. Tarii Soolshaayer har'as qabxii kan gatu taanaan hoggantootni kilabichaa isa gaggeessuun leenjisaa haaraa fiduu danda'u jedhama.
Pool Poogbaan gara Dubaayitti imaluun achitti miidhama irraa bayyaannachaa jira. Waggaa haaraatti deebi'uu akka danda'u Soolshayer himeera.
Leenjisaan Leester Siitii, Bireendaan Roojers, kan Ayaaksi Amisterdaam, Erik Taan Heeg fi Ziinadiin Ziidaan kanneen Soolshayer bakka bu'u jedhamee maqaan isaanii dhahamaa jirudha.
Ziidaan erga dorgommiin bara kanaa xumuramee malee gidduutti akka jalqabuu hin barbaanne himera jedhu gabaasotni tokko tokko tokko.
Leenjisaan Leester Bireendaan Roojersi nama jalqaba irratti Yuunaayitid barbaadu akka tahe ammoo ni himama. Leenjisichi garuu ammatti Leester Keessatti gammadaadha, kaniin hojjechaa jirus asumati jechuun deebii kenneera.
Taphootni cicimoo har'a eegaman keessaa Chelsiin liigicha dursaa kan jiru Leester Siitii waliin morkata.
Chelsiin Roomeluu Lukaakuu fi Maatew Kovachik miidhamaan dhabeera. Tiimoo Werner fi Mason Maawont deebi'aniiru.
Leester Siitiin taphataa cimaa sarara gidduu isaa Tiilemaansi torbanootaaf miidhamaan dhabeera.
Taphni jabaan biraa eegamu Arsenaalii fi Liiverpuul gidduutti kan gaggeeffamudha. Liiverpul taphattoota akka Rooberti Fermiinoo, Jeemsi Miilner,Naabii Keetaa, Kurtis Joonsii fi Joo Goomez miidhamaan dhabeera.
Arsenaaliif ammoo Toomaas Paarteen deebi'eera. Saadiyoo Maaneenis Liiverpuulif deebi'eera.
Arsenaal taphoota kudhan dhiyeenya gaggeesse irratti hin mo'amne.
Liiverpuulis barana liigicha injifachuuf warreen dorgommii cimaa keessa galan keessatti argama.
Maayik Arteettaan jalqaba erga gareen isaa mo'amaa turee jabeessuun amma garee morkataa gaarii tahe ijaaraa jira.
Sadarkaa 3ffaa irratti kan argamu West Haamis Woolvis waliin ni morkata. Gareen Deevid Moyes bara kana gahumsa guddaa irratti argamu.