Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Har'a K Roonaaldoon Ooldi Tiraafordi irratti Maan Yuunaayitidiif ni taphata
Kiristaanoo Roonaaldoon har'a tapha Maan Yuunaayitid Niw Kaastil waliin godhu irratti hiriiruun ni taphata
Guyyaa jijjiirraa xumuraa irra gara kilaba isaa duraaniitti kan deebi'e Roonaaldoon tapha internaashinaalaa gulaallii Waancaa Adunyaa Poorchugaal qabdu ture sababa adabbin adda kutuun shaakalatti deebi'ee ture.
Deeggartootni Maan Yuunaayitid CR7 haalaan eegaa jiru. Edisan Kaavaaniin lakkoofsa Daaniel Jeemsi iffataa ture 21 fudhate. Kaavaaniin biyya isaa Uraagayiif yeroo taphatus hidhannoo lakkoofsa 21 uffata.
Roonaaldoon tapha jalqabaa irratti ni hiriira jedheera Ole Guna Soolshaayer. Roonaaldoonis boqonnaa fudhaachuufan as jira miti.
Tapha kamiifuu qophiidha jechuun osoo shaakala irra jiruu taphataa maan Yuunaayitid duraanii Wes Biraaawonitti himeera.
Hidhannoo lakkoofsa 7 ofirraa qabu 'CR7' erga Roonaaldoon Yuunaayitiditti deebi'ee gurgurataan sadarkaa 1ffaa irra ture.
Kan Biruunoo Fenaandez akkasuma taphattoota Piriimer Liigii keessaa haalaan gurguramaa jira.
Tapha Maan Yuunaayitid Niw Kaastil waliin godhan irratti Jadon Saanchoon hiriiru danda'a. Tapha Ingilaandiif taphachaa ture irratti miidhama xiqqaa isa mudateen gara dirree shaakala Maan Yuunaayitiditti deebi'ee ture.
Maak Toomineen tapha kanaaf gaha jedhama. Aleksi Teles miidhama irraa bayyaanatus har'a taphachuuf ariitii taha jedhama.
Gama Maan Yuunaayitidiin Kalum Wiilsanii fi Riyaan Fireezer miidhama isaan mudateen taphicha irraatti hin hirmaatan.
Leenjisaan Niw Kaastil Istiiv Biruus Miguweel Almiiroom har'a ni taphata jedhera. Garuu kilabni isaa tapha internaashinaalaa biyya isaa Paraguwaayiif waan hin ergineef guyyoota shaniif adabuu danda'a jedhama.
Akkasumas Soolshaayer sarara gidduu irratti Fireediin taphachiisuun hin baramne. Har'a taphootni Piriimer Liigii hedduun gaggeeffamu.
Arsenaal bara kana ammallee qabxii tokko kan hin arganne Noorwich Siitii waliin taphata.
Chelsiin Aston Viilaa waliin morkata. Tapha sadan jalqabaa kan mo'ate Tootenaaam ammoo Kiristaal Paalas waliin taphata.
Taphni Maanxhister Siitiin Leester Siitii waliin godhanis haalaan eegama.