Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hunduu gara Wallootti haa yaa'u, haa duulu' jedhe naannoon Amaaraa
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa haaraa baaseen ''hunduu gara adda waraanaa Wallootti'' akka duulu waamicha godhe.
Pireezidantiin naannoo Amaaraa dhiyeenya muudaman Dooktar Yiliqaal Kaffalee ''hunduu gara Wallootti haa yaa'u, haa duulu' jechuun waamicha godhan.
Torban darbe keessa waraanni naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti hidhattoota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti hammaate uummata kumootaan buqqisee, bakki muraasa harka hidhattootaa akka galu sababa ta'eera.
Ammaan tana Kibba Walloo dhiyeenya magaalota Dasee fi Kombolchaatti magaalota lameen to'achuuf godhamu jabaatee akka jiru gabaasaaleen bahaa jiru.
Guyyaa kaleessaa humnoonni Tigraay magaalota Kibba Walloo Hayiq fi Bitsima jedhaman to'achuu himan.
Mootummaan federaalaa ammoo yeroo sadaffaaf haleellaa qilleensarraa Maqaleetti raawwatee buufataalee leenjii waraanaa fi suphaa meeshaa waraanaa barbadeessuu himeera.
Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal ibsa kennan keessatti ''gareen TPLF uummata hedduu ajjeeseera, uummata buqqiseera, bu'uura misoomaa uummatniifi mootummaan ijaaran mancaaseera. Haleellaa kana qolachuun kan danda'amu of gurmeessuufi tokkummaan ka'uunii'' jedhaniiru.
Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaas ''haleellaa nurratti baname qolachuuf falli isaa sosochii qindaa'edha'' jechuun ibsa baaseera.
Guyyoota darban Kaaba magaalaa Kombolchaafi Daseetti sochiin waraanaa jabaan adeemaa akka jiru magaala Kombolchaa kan jiru gaazexessaan miidiyaa NPR Eyder Peralta BBC'tti himee ture.
Gaazexessaan kun ganama har'aas odeessa fuula tiwiitaraa isaa gubbaatti maxxanseen magaalaa Dasee keessatti manneen daldalaa cufamaa akka jiraniifi jiraattotni gariin magaalittii gadhiisanii bahuutti akka jiran arguu himeera.
Magaalittii keessa sochiin namootaa gaashaa akka jiruufi gariin jiraattotaa ''maaliyyuu yoo ta'e qe'ee isaanii dhiisanii akka hin deemne himuus'' gabaaseera.
Dubbii himaan TPLF Getaacheew Raddaa humnoonni isaanii dhiyeenya magaalota Kombolchaafi Daseetti gaarreeniifi bakka murteessaa to'achuu himanis, mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti wanna jedhe hin qabu.
Akkuma guyyoota har'a dura turanii miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi milishoonni hedduun gara adda waraanaatti duulaa akka jiran gaazexessaa Eyder gabaaseera.
Pireezidantiin Naannoo Amaaraa kaayyoon haleellaa kanaa ''Itoophiyaa diiguu Gaanfa Afrikaa hunkuruudha'' jedhanii qabsoon kun kan Amaaraafi Affaar qofa osoo hin taane kan uummata Itoophiyaa hundaa akka ta'e ibsuu sabaa himaa naannoo Amaara, Amaaraa Media Corporation gabaaseera.
Naannichi waamicha duulaa amma dura taasiseen adda waraanaa kaanitti humnoota TPLF ofirraa qolachuun danda'amuu himee, amma humni kun of duuba uummata hiriirsisuun xiyyeeffannaa isaa Dasee fi Kombolcha godhatee haleellaa raawwachaa akka jirus dubbataniiru.
Haleellaa kana raayyaan ittisa biyyaa, Humni Addaa Amaaraa, Faannoofi Milishaan uummata waliin ta'uun qolachuuf qabsoorraa akka jirus ibsameera.
''Diinni ammas uummata hiriirsisee dhufaa waan jiruuf, diina mancaasuuf hunduu waltumsuu qaba'' jechuun dhaaamaniiru Dr. Yiliqaal.
Lammiilee naannoo Amaaraa keessatti sababa waraana kanaa buqqa'aa jiran kan amma kuma 500 olitti tilmaamaan uummatni biyya keessaafi alaa akka deeggaru waamichas godhaniiru.
Magaalotni Daseefi Kombolchaa waraana kana keessatti barbaachisuummaan qaban akkuma jirutti ta'ee buqqaatota naannoo Walloo hedduuf qubannaa ta'anii jiraachuun isaanii waraanichi gaaga'ama namoomaa guddaa uuma jedhamee yaaddahameera.
Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federalaa ibsa isaa keessatti humnoonni TPLF pirooppoogaandaan uummata rifaasisaa kan magaalonni akka to'atamaniitti haasa'u dhugaa mitii jechuun uummatni akka tasgabbaa'uu dhaameera.
Dubbii himaan TPLF obbo Getaacheew Raddaa guyyaa lama dura waayee haleellaa Kaaba Daseefi Kombolchaatti bananii BBC'tti yoo himan ammatti naannolee kanarraa fagoo akka jiran himanii duulli isaanii akkuma itti fufeen magaalota kana to'achuu akka malan akeekanii turan.