Olimpiika Tookiyoo: Leenjistuun Jarmanii farda bunyaan dhawuun dorgommii keessaa ari'amte

Madda suuraa, Getty Images
Leenjistuun biyya Jarmanii fardi dorgommii keessa ture gufachiisa utaaluu didnaan bunyaan erga rukutte tapha Olimpiikiirraa ari'amte.
Leenjistuun Kim Raisner jedhamtu dorgommii taphoota garagaraa hammatu 'modern pentathlon' jedhamurratti gocha kana raawwatte jedhame.
Dubbii leenjistuun kanaa TV irratti akka dhagahametti, atileetii farda guluftu Annika Schleu fardi didee boonyaan ''haalaan rukuti' wayita jettuunii dhagahama. Annikan dorgommii gaafa Jimaataan farda maqaansaa 'Saint Boy' jedhamu to'achuu dadhabdee wayita boossu mul'atteetti.
Guluffii fardaa kana dura Annikan taphicha qabxii waliigalaan dursaa kan turte oggaa tahu, dorgommichaan dura atileetonni fi fardi gulufan akka walitti madaqaniif daqiiqaan 20 ni kennamaaf - farda amma dura gulufanii hin beekne gulufu.
Qaamni tapha 'modern pentathlon' hoogganu UIPM akka jedhetti, viidiyoo jedhame kana irra deebin akka ilaale ibseera. Kanaanis leenjistuun ammaafi dorgomtuun Olimpikii 2004 Aadde Raisner, fardicha bunyaan wayita rukuttu argineerra jedhe.
''Gochaan ishee kun seera dorgommii UIPM kan cabse tahee arganne. Qajeelfamni kun dorgommiiwwan 'modern pentathlon' beekamtii qaban, Olimpika dabalatee hojiirra oola,'' jedhe UIPM ibsa baaseen.
''Boordiin olaanaa UIPM leenjistuu garee Jarmanii kan taate Kim Raisner'f kaardii gurraacha itti agarsiiseera. Kanaanis Tapha Olimpika Tookiyoo 2020 hafanirratti hin hirmaattu.
''Boordiin olaanaa murtee kana guyyaa har'aa Istaadiyomii Tookiyootti, dorgommiin 'modern pentathlon' warra dhiirootaa eegalamuun dura murteesse.''
Fardi 'Saint Boy' jedhamu kun dorgommii gosa kanaa gaafa Sambataa kan dhiirootaan gaggeeffame irratti hin hirmaanne.
Farda kana Annika Schleu wayita guluftu gufachiisa afur irra darbuun isa shanaffaa utaaluu diduun, inumaa itti bu'e. Annikaan irra deddeebitee yaaltus hin sarmine - kanaanis atileetii kana qabxii 300 argachuu maltu keessaa zeeroon galche.
Ishee qofaa hin turre, Saint Boy dorgomtuu biraa Gulnaz Gubaydullina jedhamtus akkasuma rakkisaa ture.















