Liyoneel Mesii: Taphataan cimaa Baarselonaa gatii isaa walakkaan cabsee turuuf waliigale

Madda suuraa, Getty Images
Liyoonel Mesiin kaffaltii Baarseloonaa irraa isaaf kana dura kanfalamu walakkaatti cabsuun hanga 2026'tti kilabicha waliin turuuf waliigale.
Mesiin, ganna 34, erga kontiraanni isaa bara dorgommii tokko paawundii miiliyoona 123 isaaf argamsiisu Waxabajjii 30 xumurame booda bilisa ture.
Taphataan kuni waancaa Koppaa Ameerikaa injifate booda bashannanarra ture. Waa'ee waliigaltichaa gadi-fageenyaan hin ibsamne.
Mesii mallatteessisuun kaayyoo ijoo dura-taa'aa haaraa kilabichaa Yowaan Laapportaa ture.
Dabalataan Baarsaan baasii xiqqeessuuf jifataa isaa Antuwaan Girezimaan jifataa Atileetikoo Maadiriid Saawul Niguwez waliin jijjiiruuf yaada qaba.
Taphattoonni kanneen akka Juniyar Firpo fi lama biroo kilaba biraatti dabarfamaniiru. Kanaan achi taphattoonni maqaa guddaa qabanillee kilabicha gadhiisuu malu.
Mesiin Paaris Sent Jermen yookiin leenjisaa isaa duraanii Pep Gaardiyoolaa bira gara Maanchistar Siitii yookiin gara liigii Ameerikaa qajeeluu mala jedhamaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Mesiin kilaba Baarseloonaa keessa galchiiwwan 672 galchuun riikardii qabateera. Kilabicha waliin waancaa Laaligaa 10 kan ol fuudhe yoo ta'u waancaa Chaampiyeens Liigii afuris irra aaneera.
Waancaa Koppaa Dil Reeyis torba akkasumas badhaasa Ballon d'Or jahaafi rikardii ta'es dhuunfateera.














