Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin jalqabaa Naamibiyaa ganna 95tti du'aan boqotan
Pireezidantiin jalqabaa Naamibiyaa bilisoomtee, Saam Nujoomaa waggaa 95tti magaalaa guddoo biyyattii Wiindihookitti du'aan boqochuu hogganaan biyyattii ammaa beeksisaniiru.
Nujoomaan bara 1990 keessa qabsoo bilisummaa Afrikaa Kibbaa irraa gaggeessaa ture, kanas warraaqsa bilisummaa South West Peoples' Organisation (Swapo) jedhamu bara 1960 michoota isaa kaan waliin hundeessuun booda.
Bilisummaan booda bara 1990tti Nujoomaan pireezidantii biyyattii tahuun hanga bara 2005tti tajaajileera.
Nujoomaan torbanoota saddeen darbaniif dhukkuba ''irraa bayyanachuu'' hin dandeenyeen hospitaala ture,jedhan pireezidantiin biyyattii Naangooloo Imbuumbaa du'a isaaniis ''gadda guddaan'' ibsa jedhan.
''Ol jennee miilaan akka dhaabbannuufi abbaa lafa bal'aa akaakilee keenyaa akka taanu nu kakaaseera,'' jedhan pireezidantichi.
''Yeroo uummata biyya jaalatuu tajaajilaa turetti jireenya umrii dheeraafi hiika qabu,'' jiraate.
Nujoomaan bara 2005tti sooruma haa bahuyyuu malee paartiisaa hamma bara 2007tti hogganeera.
''Abbaa uummataa,'' mallattoo bilisummaa Naamibiyaa akka tahe kan himamuuf Saam Nujoomaan karaa baayyee maqaa isaaf kennameen ol jiraateera.
Fuula ifaafi kokkolfaa qabaachuunsaa jaalatamaa fi namni salphaattii kan itti dhiyaatu isa godheera.
Naamibiyaan qabsoo hidhannoodhaan mootummaa Afrikaa Kibba sanyiin loogu irratti qabsaa'uun hamma walabummaa biyyattii dhugoomsuutti gahuun waggaa 40 booda waggaa 95ffaatti lubbuun drabeera.
Namni eenyumma Naamiibiyaaf bu'uura tahe kuni qaawwa muraasni qofti guutuuf abdatan dhiisee deeme.
Naamibiyaan duraan Kibba Lixa Afrikaa jedhamuun beekamti biyyattiin harka warra Awurooppaan saamichaafi haleellaa koloniin gidiraa keessa dabarteetti.
Bara 1904 irraa kaasee koloneeffattoonni Jarman lammiilee Naamibiyaa kumaatamaan lakkaaa'aman ajjeesaniiru. Kunis ''duguuggaa sanyii addunyaa irraanfatame'' jedhameera.
Qondaaloti Jarman lammiilee Afrikaa gurraacha akka bineeyyii yaalii qorannoo oolanitti itti fayyadamaniiru, boodarra Naaziinis yeroo Hoolokost haala kana irra deebi'eera.
Naamibiyaan bara 1884 hanga 1915 hamma Jarmaniin Waraana Addunyaa Jalqabaa mo'amtutti kolonii jala turte.