Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu hin milkaa’iin hafnaan Angolaan loltoota DR Koongootti erguufi
Lola jiru dhaabuuf waligalteen dhukaasa dhaabuu hin milkaa’iin hafe guyyooti muraasa booda, Angoolaan humna waraanaa gara lixa Rippaablika Dimokraatawaa Koongootti akka ergitu beeksiste.
Qaamni laamaanuu waldhabdee keessa yeroo jiranitti, gartuun finciltootaa M23 fi loltoonni mootummaa waliigaltee dhuukasa dhaabuu cabsuu Kibxata eegaleen wal himachaa jiru.
Dhiiyeenya kanas, naannoo albuudan dureetti taatee fi hidhattoota hedduu qabdu kanatti humni waraanaa Baha Afrikaas bobbaafamaniiru.
UN akka jedhutti sababa waldhabdee kanaan namootni 300,000 ta’an ji’a darbe keessa qe’ee isaanirra buqqa’uf dirqamaniiru.
Kun kan uumame bulchiinsa Kaaba-Kivuu, kan daangaa Ruwaandaa fi Yugaandaa irratti argamtu keessattidha.
Naannoon kun misoomaaf tolaa fi gaarreenin kan guute yoo ta’u, yeroo dheeraaf gartuuree wal morman adda addaan jeeqamaa tureera.
Lola hanga ammaatti itti fufee jiru kanaan, rakkoon namoomaa uumamaa jiru yaaddoo guddaa fidaa jira.
Gamtaan Awurooppaa, dhaabbileen gargaarsa namoomaa humnaa ol itti ta’eera jechuun, hojii gargaarsaa gara magaalaa gudditti DR Koongoo, Gomaatti xiyyaaraan erguu eegaleera.
Wajiirri pirezdaantii Angoolaa akka jedhutti, loltoonni gara naannichaatti kan bobbaafaman, naannoolee gartuu finciltootaa M23’n to’ataman eeguu fi hojii dhukaasaa dhaabuu tumsuufidha.
Loltoonni Keeniyaa, miseensa Humna Waraanaa Hawaasa Naannoo Baha Afrikaa ta’anis gara naannichaatti bobbaafamaniiru.
Finciltoonni, Ruwaandaatiin deeggaramu jedhaman, yeroo muraasa dura gandoota to’atan hedduu gadhiisanii akka ba’an himanii turani.
Mootummaan Koongoo loltoota Angoolaa finciltoota kana loluuf gargaaran ni simata.
Ta’us garuu kun waldhabdee idiladdunyaa bal’aa ta’uu danda’a kan jedhu irratti yaaddoon jira.
Waggoota 20 dura humnootni waraanaa yoo xiqqaatee biyyootii Afrikaa saddeet DR Kongoo keessatti waraanarra turaniiru. Lolli Waraana Addunyaa Afrikaa jedhamuun kun namoota nagaa hedduu irratti miidhaa guddaa uumee ture.
Waggootii dheeraaf angaa’ootii Koongoo finciltoota Huttuu – kan gariin isaanii duguuggaa sanyii Ruwaandaa 1994 waliin hidhata qaban – hidhannoo hiiksisuu dadhabaniiru jechuun Ruwaandaan ni himattiini.
Mootummaan Ruwaandaa gartuu M23 waggaa darbe keessa naannoolee hedduu to’achuun, gara Goomaatti siqaa jiru deeggaruu isaa haaleera.