Ruwaandan xayyaara waraanaa daangaa ishee lixetti dhukaasnaan gocha waraanati jette DR Koongon

Ruwaandaan xayyaara waraanaa daangaa ishee lixetti dhukaasuun "gocha waraanaati" jechuun himatte DR Koongon.

Mootummaan Ruwaandaa gama isaatiin tarkaanfin fudhatame "tarkaanfii ofirraa-ittisuuti" jette, Dimokiraatik Rippaablik (DR) Koongon garuu ni haalte.

Xayyaarri waraanaa Ruwaandaan itti dhukaaste nagaadhaan qubatus, waraana DR Koongoo keessatti ji'ootaaf gaggeeffamaa jiru irraa kan ka'e biyyoota lamaan gidduutti gaarreeffannaan tureera.

Haa ta'u malee hariiroon biyyoota lamaanii kun kan hammaateera. Baha DR Koongootti loltoota mootummaafi hidhattoota M23 jedhaman gidduutti lola gaggeeffamuun namoonni 400,000 qe'ee isaanirraa buqqa'aniiru.

DR Koongoo, USfi UN hidhattoota M23 gargaarti jechuun Ruwaandaa himatu.

Ruwaandaan gama isheen waraana Baha Koongoo bakka albuudaan badhaadhetti gaggeeffamu kana keessaa harka akka hin qabne irra deddeebiin waakkatti.

Bara 1990 keessa Ruwaandaan si'a lama loltoota ishee gara biyyattiitti ergitee ture.

Miidiyaa hawaasaa gubbaatti suura qoodamee ture irraa akka mul'atutti xayyaarri waraanaa Sukhoi-25 jedhamtu DR Koongoo magaala Goomaafi Ruwaandaatti kan argamtu magaala Gisenyi gidduu osoo gadi siqxee balaliituu itti dukaafame.

Suurri biraa ammoo xayyaarittiin buufata xayyaara Goomaa erga qubatteen booda abidda xayyaarittii karaa mirgaatin itti qabate bishaan osoo itti naqamuuyi.

Mootummaan DR Koongoo ibsa baasen Ruwaandaan waliigaltee dhiyeenya taasifame diiguuf akka raawwatte beeksise.

Ruwaandan ammoo xayyaaronni waraanaa DR Koongoo daangaa ishee sarbanii seenuun taatee mudate kana wajjin si'a sadaffaa akka ta'e ibsuun biyyoonni ollaa "qoccolloo kana akka dhaabsisaniif" gaafatte.

Bara darbe ji'a Sadaasaa keessa xayyaarri waraanaa DR Koongoo Sukhoi-25 jedhamtu daangaa Ruwaandaa kan taate magaala Gisenyi qubattee turte. Mootummaan Koongoo garuu dogoggora uumameen ta'uu beeksisee ture.

Taateen kun waraanatti geessuu malaa?

Waggoota dhiyoo Ruwaandan xayyaara DR Koongotti dhukaasun ishee kan jalqabaati.

Wal garreeffannaafi shakkiin biyyoota lamaan gidduu jiru duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandatti sanyii Tuutsii irratti raawwateen wal qabata. Yeroo sana namoota 800,000 oltu ajjeeffame.

Kanneen duguuggaa sanyii rawwaachuun shakkaman ammoo Ruwaandaa irra gara DR Koongotti baqatanii turan. Duguuggaan sanyii erga raawwateen booda hidhattoonni Tutsii Pool Kaagameen durfamaa turan aangoo qabatan.

Ruwaandaan akka jettutti loltoota ishee gara DR Koongotti kan ergitee kan turte haleellaa milishoonni Huuttuu gaggeessan dhaabsisuuf akka ture beeksifti. Loltoonni Ruuwaandaa ammoo albuuda DR Koongoo hedduu saamudhaan himatamu.

Wal garreeffannaan kun osoo furmaata hin argatin hanga ammaatti itti fufeera. Dhiyeenya kana ammoo inumaayuu hammaatera.

Ruwaandan hidhattoota M23 hedduun isaanii sanyii Tuutsii ta'an deeggarti jedhamuun hamatamti. Gama biraan ammoo pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamen namoonni maaliif waa'ee hidhattoota DR Koongotiin deeggaramanii hin dubbanne gaafatu.

Hidhattoonni M23 Ruwaandaarraa deeggarsa argatu jedhaman baha Dimookiraatiik Rippaabliik Koongoo keessatti bakkeewwan heddu to'atanii turan.

Haa ta'u garuu, jalqaba ji'a kanaa hidhattoonni M23 magaalotaafi daangaa qabatanii turan keessaa bahuuf walii galanii turan.

Haa ta'u malee, xayyaarri DR Kongoo osoo daangaa Ruwaandaa hin seeniin dura Kibxata ganama waraanni hidhattoota M23fi loltootaa Koongoo gidduutti eegalee ture.