Dawaan HIV ittisu kan gatii salphaan dhihaachuuf jedhu maali?

lenacapavir

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dawaan lenacapavir jedhamu lilmoodhaan kennama

Dawaan haaraan dhibee HIV gatii salphaadhaan dhihaachuuf jedha.

Dawaan kun waggoota lamaan dhufanitti biyyoota diinagdeensaanii gadi aanaa ta'e 100 keessatti ni raabsama jedhameera.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman dawaa kana akka argatan karoorfameera.

Dawaan kun addunyaan dhibee HIV/AIDS qolachuu keessatti tarkaanfii deemte akkasumas fuulduratti milkaa'uufis abdii kan uumu ta'uu kan mul'isuudha.

Dawaan Lenacapavir jedhamuu fi lilmoodhaan kennamu kun xumura bara kanaatti dhihaachuu eegala.

Dawaa kana argachuuf namni tokko waggaatti doolaara kuma 28 kaffala, akkaataa waliigaltee amma irra ga'ameen garuu gatiin dawaa kanaa doolaara 40tti gadi bu'eera.

Hanga bara 2027tti dawaan kun gatiinsaa hir'atee biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qaban 120 keessatti ni raabsama.

Akka saayintistoonni jedhanitti dawaan kun vaayirasiin HIV/AIDS akka of hin baayyisne ni ittisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiileen biyyoota diinagdeensaanii gadi aanaa ta'e keessa jiraatan kanneen HIV qaban gatii salphaadhaan akka dawaa kana argataniif waliigaltee mallattaa'e keessatti Pirezidantiin duraanii US Biil Kilintan qooda olaanaa gumaachaniiru.

Jaarmiyaan Clinton Health Access Initiative jedhamu dhaabbata Geetis Faawundeeshin jedhamuu fi dhaabbata qorannoo Afrikaa Kibbaa Wits RHI jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.

Dawaan kun wayita yaaliif hojiirra ooletti bu'aa ajaayibsiisaa ta'e argamsiisuun isaa ibsameera.

Ji'a lama dura Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dameen Farra HIV/AIDS beekamtii kenneeraaf.

Dawaan kun lilmoodhaan waggaatti yeroo lama fudhatama. Ogeeyyiin dhimma kanarratti hojjetan akka jedhanitti dawaan kun infekshinii haaraan akka hin uumamne ittisuu keessatti ga'eensaa akkaan olaanaadha.

Keessattuu dubartootaa fi dargaggoota akkaan saaxilamoo ta'an, jaallattoota saala walfakkaatoo fi kanneen daldala saal-quunnamtiin jiraataniif dawaan kun qooda olaanaa qaba.

Dawaan haaraan kun yeroo ammaa dawaa HIV hojiirra oolaa jiru PrEP ykn pre-exposure prophylaxis jedhamu bakka bu'a jedhameera.

Namoonni dawaa kana argachuuf dhuunfaadhaan waggaatti doolaara 40 qofa kaffaluutu irraa eegama.

Dawaan kun guyyuu kan fudhatamu waan ta'eef dhukkubsattootaaf mijachuu dhiisuu danda'u ykn miira gaarii uumuufii dhiisuu danda'a.

Yeroo kamuu caalaa akka adda of baasanii turanis kan dirqamsiisu ta'a.

Guyyuu kan fudhatamu ta'uunsaa qorumsa biraas qaba- salphaatti akka hin argamne isa taasisa.

Akka Geetis Faawundeeshin jedhutti namoota dawaan kun isaan qaqqabu qabu keessaa dhibbeentaa 18 qofatu argataa jiru.

Dawaan haaraan kun to'attoota qorichaa Ameerikaa fi Awurooppaa irraa eeyyama argateera.

Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa jaarmiyaan US dawaa oomishu- Gilead jedhamu dawaa haaraa kanarratti qorannoo gaggeesseen harka 100 keessaa 100 bu'a qabeessa ta'uusaa mirkaneesseera.

Ji'oota 18 booda dawaan kun fayyadamtoota bira akka ga'u eegama.

Qorannoon tokko akka mul'isetti dawaan kun dhibbeentaa afur yoo walga'e carraa namoota HIVn qabamanii dhibbeetaa 20n hir'isa.

Dawaan kun namoonni akka vaayirasichaan hin qabamne gochuun alatti kanneen qabaman wal'aanuufis ni tajaajila.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp deeggarsa dhibee HIV/AIDS'f taasisan wayita hir'isanittidha dawaan haaraan kun kan hojiirra oole.

Ragaan UN farra AIDS irratti baase namoonni miiliyoona 40 ta'an vaayirasii kana qabaachuu mul'isa.

Bara 2000 irraa eegalee facaatii HIV/AIDS hir'isuuf sadarkaa addunyaatti tattaaffiiwwan hedduun taasifamaa jiru.

Haata'u malee bara darbe qofa namoonni miiliyoona 1.3 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru. kuma 600 kan caalan vaayirasii kanaan du'aniiru.

Afrikaan Kibbaa biyya dhukkubsattoota hedduu qabduudha. Biyyoota dawaa haaraan kun bal'inaan keessatti dhihaatu keessa jirti.

Ministeerri Fayyaa biyyattii ''biyyoota galii gadi aanaa qabaniif dawaa lubbuu baraaru dhiheessuuf sochii taasifamu ni deeggarra,'' jedhe.