Qorattoonni seelii HIVn faalame muranii baasuun nama fayyisuu akka danda'an ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Saayitistoonni seelota vaayirasii HIVn faalaman muranii baasuun milkaa'uu ibsan.
Saayintistoonni kunneen akka jedhanitti seelii vaayirasii kanaan hubame muranii baasuu kan danda'an mala teeknooloojii qaccee sanyii soroorsuun fooyyessu- Crispr jedhamu fayyadamuudhaani.
Teknooloojiin qaccee sanyii-'Gene editing technology' Crispr jedhamu kun badhaasa Noobelii addunyaa mo'ateera.
Meeshaadhuma akka maqasiin ''seelii hin barbaachisne kutuu'' yookiin ammoo akka seeliin vaayirasiin faalame kun hojiin ala ta'uu gochuu akka danda'an himan saayintistoonni kunneen.
Adeemsi itti aanu vaayirasii kana guutummaatti qaama namaa keessaa dhabamsiisuu yoo ta'u garuu kana milkeessuuf hojii guddaan akkasaan eeggatu himan.
Qorichoonni farra HIV/AIDS amma gabaarra jiran vaayirasicha dhaabsisuu malee, akka qaama keessaa badu gochuuf humna hin qaban.
Seelii vaayirasii HIVn faalame muranii baasuun jalqabarratti kan eeraman garee saayintistootaa Yuniversitii Amistardaam.
Gareen kun kora fayyaa tokkorratti sadarkaa irra ga'e wayita ibsu ammallee hojii hedduun akka hafu fi wal'aansa HIV/AIDS irraa nama fayyisu ta'ee addunyaaf dhihaachuuf yeroo akka fudhatu eeraniiru.
Yuniversitii Notiinghaam, teknooloojii stem-cell and gene-therapy jedhamutti akka pirofeesaraatti kan hojjetu Dr Jeemsi Diiksan, argannoo haaraan kun sirriitti sakatta'amuu qaba jedha.
''Namoota HIV qaban irratti wal'aansa akkanaa raawwachuu keenya dura adeemsa hedduu keessa darbuu gaafata,'' jedhe.
Saayintistoonni kaanis teeknooloojii qaccee sanyii gulaaluu fi badhaasa noobelii addunyaa argate- Crispr jedhamu fayyadamuun qoricha HIV irraa nama fayyisu hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaarmiyaan wal'aansa fayyaa Excision jedhamu teeknooloojii kana fayyadamuun namoota HIV qaban sadi irratti torbanoota 48f yaalii erga taasisee booda namoota kunneen irratti miidhaan cinaa hamaan akka hin mul'anne ibseera.
Inistitiyuutii fayyaa Landanitti argamu Francis Crick Institute keessatti qorataa kan ta'e Dr Jonaataan Istooy seelii HIV dhaan faalame muranii baasuun hojii ''akkaan ulfaataa'' ta'uu hime.
''Ammallee kan nu sodaachisu sababa wal'aansa kanaa miidhaan cinaa mudachuu danda'a kan jedhuudha,'' jedhe.
Kanaafuu teeknooloojii haaraa kana fayyadamuun seelii vaayirasii HIVn hubame muranii baasuun guutummaatti hojiitti seenuuf yeroo dheeraa fudhata jedha qorataan kun.
HIVn qaama keessatti ofiisaan of baayyisaa qaama keessatti heddummaachuun qaamni namaa dhibee ofirraa ittisuuf akka humna dhabu taasisa.
Namoonni HIV qaban hedduun umriisaanii guutuu qoricha fudhataa jiraatu.
Qoricha dhaabnaan vaayirasiin qaama keessa tatamsa'uurraa of qusatee ture deebi'ee of baayyisuun qaama weeraruu eegala.
Addunyaarratti namoonni akkaan muraasa ta'an HIV irraa ''guutummaatti fayyuu kan danda'an,'' jiru.
Haalli kun kan mudate namoota kaansarii balaafamaan qabaman yoo ta'u, wayita wal'aansi fayyaa taasifamuuf seeliin HIVn faalame miidhamuu irraa kan ka'edha.
Garuu ogeeyyiin mala kanaan HIV balleessuun ni danda'ama jedhanii hin gorsan.












