Humni addaa Amaaraa Shireefi naannoosaa keessaa baafaman

Humni addaa naannoo Amaaraa kan waraana mootummaan federaalaafi humnootiin Tigraay jidduutti gaggeessaa turan keessatti mootummaa waliin hiriiruun lolaa turan Shireefi naannoo ishee keessaa baafamuu Raayyaan Ittisa biyyaa beeksise.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa toora miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen, ‘‘humna addaa Amaaraa Shireefi naannoo isheetti dirqama irra turaniif gaggeessaan taasifameefiira’’ jedheera.

Waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaa fi Keeniyaatti taasifame hordofee hojiiwwaan hedduun raawwatamaa jiru.

Haaluma kanaanis humnoonni Tigraay bakka taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa argamaniitti guyyaa Roobii Amajjii 11, 2023 meeshaalee waraanaa jajjaboo raayyaa ittisa biyaatti kennuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Wal harkaa fudhuun meeshaalee waraanaa gurguddaa marsaa jalqabaa kunis naannoo Tigraay kaampii Agulaa jedhamuufi Maqalee irraa fageenya kiilo meetira 36 irrattti argamtutti ture.

Mootummaan federaalaafi humnoonni Tigraay waraana waggoota lamaaf gaggeesuun badii qabeenyaafi lubbuu hedduutiif sababa ta’e karaa nagaatiin furuuf waliigaltee nagaa irra kan gahan baatii lama dura ture.

Waliigalticha hordofunis waraannii dhaabachuun alatti, buuraaleen miseeonaa Naannoo Tigraayiitti adda citanii turan kan akka tajaajila ibsaa, telekoomii, baankiifi balaliinsi xiyyaaraa naannichaatti deebii’ee tajaajila kennuu eegaluun gabaafameera.

Akkasumas humnoonni Tigraay meeshaa waranaa gurguddaa marsaa lammaffaa raayyaa ittisaatti kan kennan torbanuma kana keessa ture.

Humnoota Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkachuuniifi humnootiin raayyaa ittisa biyyaa ala ta’an naannicha keessa bahun walfaanaa kan gaggeeffamu akka ta’e waliigalticha irratti kaa’amee ture.

Haaluma kanaanis humni addaa naannoo Tigraay keessaatti bakka qabatee ture Shireefi naannoowwashee keessaa baafamu raayyaan ittisaa beeksiiseera.

Gaggeessaan humnoota addaa naannoo Amaaraa kunis Ittaanaan Itaamaashoor ShumiiRaayyaa Ittisa biyyaa Janaraal Abbaabbaa Taadasaa fi qondaaltoonni izziichaa bakka argamaniitti ta’un ibsameera.

Qondaaltoonni human addaa bahaa jiruutis aarsaan hanga amaatti kanfalame nagaa walootiif jedhamee waan ta’ef haaluma waliigaltee nagaa taasifameetiin ajaja mootummaan naannicha keessaa bahaa jiraachu dubbachun raayyaan ittisa biyyaa himeera.

Haata’u malee humni Ertiraa bakkeewwan naannoo Tigraay to’atee jiru keessaa bahu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa irraa hanga ammaatti kan dhagahame hin jiru.

Raashiyaatti Ambaasaddarri Ertiraa loltoonni isaanii naannoo Tigraay keessaa akka bahaniif gaafachuu kan qabu mootummaa Itoophiyaati malee qaama biraa miti jechuun isaanii ni yaadatama.

Humni addaa fi milishaan naannoo Amaaraa fi loltoonni Ertiraa badiiwwan naannoo Tigraay keessatti tibba waraanaatti raawwatamaniif naannichaan ni himatamu.