Kaaran Maakdogol dubartiin lammataa himannaa Tiraamp keessa eeramte eenyu?

Kaaran DcDougal

Madda suuraa, Getty Images

Himannaa pirezidantii duraanii Ameerkiaa Donaald Traamp kanfaltii taatoon filmii Istoormii Daani'els irratti xiyyeeffata. Haata'u malee, abbaan alangaa maqaa dubartii biraas eeraniiru.

Akka galmeewwan seenaa dubbichaatti, bakka Traamp kanfaltiin dubartii tokkooffaa (Kaaran McDougal)f kanfalamu ragaan agarsiiseera.

Kaaranis akkuma Istoormii moodeela taatoo Playboy duraaniti. Isheenis Traamp waliin baatiiwwan 10'f quunnamtii qabaachu himtulleen, Obbo Traamp garuu ni haalu.

Aaddee Kaaren Hray Indiyaanaa keessatti dhalachuun ijoolluummaan gara Michigaanitti dabarte.

Isheenis yeroo jalqabaatiif hojii moodeelii hojjachuu kan eegalte umurii waggaa 20ffaatti dorgommii uffataa daakaa keessatti ture.

Achinis bara 1998 keessa Playboy makamuun hiriyaashee injifattee turte.

Booda keessa ammoo akka moodeelii sochii qaamaatti hojjachuun, bara 1999 keessa Barruu Sochii Qaamaa Dhiirootaa irratti bahuudhaaf kan jalqabaa taate. Akkasumas beeksiisawwan TV irrattis gahee taatoo xiqqaa waliin mulatee turte.

Kaaran bara 1998tti

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2006 keessa ammoo, barruun Niiw Yoorkar Kaaran Playboy irratti Tin Loos Anjilasiitti wal arguu dubbachuu gabaase. Kunis bakka isheen itti kutaa taba The Apprentice waraabaa turteetti jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boodarra ammoo Traamp kan yeroo sana fuudhee turteetti, ''battalaan na jaaladhu, natti haasa'u itti fufi, attamiin akkan bareedduu ture natti himi'' jechuun barreessiteef.

Aadee Kaaran isheefii Traamp walitti dhufeenya baatiiwwan 10 akka qaban dubbatti. ''Yoo xinnaattee ji'aan yeroo shan wal argaa turre.'' Walitti dhufeenya isaanii kanas akka jaalalaafi hubannoodhaan ture CNN'tti himte.

Bara 2016tti ammoo, yeroo Traamp filannoof dorgomuutti, Kaaran McDougal seenaa dhunfaashee akka dubbattuuf waliigaltee doolaara 150,000 gaazexaa waliin mallatteessite.

Waliigaltichis akka waliitti dhufeenya Traamp waliin qababa jettuu ifatti akka hin dubbannee ishee dhorke.

Haata'u amlee barreeffamichi gonkumaa kan hin maxxanfamiin hafe yoo ta'u isheenis waa'ee walitti dhufeenyichaa akka caliiftuuf gowomfamu kaasaa turte.

Odeessaa bituun kunis ta'e jedhamee dhugaa dhoksuuf jecha kan raawwatme fi waa'ee Traamp irratti odeessaalee hamaa dhorkuuf kan ta'e jechuun gabaase Qorataan Biyyaaleessaa.

Bara 2021 keessaa Komishiniin Filannoo Biyyaaleessa Ameerikaa odeessa argachuun Aaddee Kaaraniif erga kanfalameen booda seenicha gonkumaa osoo hin maxxansiin hafuun seera ilannoo kan cabse ta'un adda baafamee ture.

Mallaqni tibba filannoo pirezidantii bara 2016tti Aaddee McDougal'f kanfalames baasii seeraan ala duula na filadhaati jedhameera. Qorataan Biyyaaleessaas doolaara 187,500 adabameera.

Akka marsariitii mataasheetti, Aaddee McDougal amma akka barreessituu, moodeelii, falmituu mirgaa fi moodeelii ifatti dubbatuutti of ibsiti.

Bara 2018 keessa ammoo haadha warraa Traamp Meelaaniyaa dhiifama gaaffate turre waa'ee Traamp waliin quunnamtii qabaachu ilaalchifte. ''Dhiifama, kun akka narratti raawwatamu hin barbaadu.''

''Bakkan duraan ture yoo yaadadhuu, akka dogongora ture nan beeka. Kanaafis baayyeen gadda. Kana raawwachuun dogongora ta'u nan beeka,'' jette.

Haata'u malee Traamp yeroo hundumaa ishee waliin quunnamtii akka hin qabne dubbata.

Himannaan Traamp amma mudachu danda'u kanfaltii maallaqa Stoormii Daani'els qofa ta'u mala.

Haata'u malee hima abbaa alangaa naannichaa keessatti waa'een Aaddee Kaaran McDougal ammoo dhimmicha waliin akka odeeffannootti dhiyaateera.