Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp hidhaman

Donaald Tiraamp pirezidantii duraanii jalqabaa US himati yakkaa irratti dhihaatedha

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp pirezidantii duraanii jalqabaa US himati yakkaa irratti dhihaatedha

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp himannaa taatoo fiilmii saalqunnamtiif kanfaltii raawwate jedhuun walqabatee hidhaman.

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa yeroo himanni yakkaa irratti dhihaatu kun seenaa keessatti kan jalqabaati.

Donaald Tiraamp mana murtii Manhaataanitti argamutti akka dhihaatan eegama.

Achittis ashaaraa qubaa ni kennu, dhimmoonni waraqaa raawwatamaniis ni jiru.

Eegasii abbaa seeraa fuuldura dhihaatanii himannaan irratti dhihaate guututti ni dubbifamaaf.

Gareewwan abukaatoo Tiraamp kana dura akka himanitti, pirezidantiin duraanii US mana murtii yoo dhihaatan harki isaanii hin hidhamu.

Pirezidantoonni Ameerikaa amma aangoorra jiranii fi kanneen aangoorraa ka’an tajaajilla eegumsa adda ta’e qabu.

Shakkamtoonni harki isaanii hidhamu ni miliqu jedhamee gaafa shakkamedha.

Sababa kanaaf Tiraamp ni miliqu jedhamanii waan hin eegamneef harki isaanii akka hin hidhamne eegama.

Pirezidantiin duraanii qaamolee eegumsa isaaniif taasisan waliin gara kutaa mana murtii adeemuu Niiw York Taayims gabaaseera.

Tiraamp osoo mana murtii hin gahiin dura miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth jedhamu irratti ergaa kana barreessan:

‘’Gara mana murtii Loowar Manhaataan qajeeleera. Waan hin baramne fakkaata – Waaw, na hidhuuf jedhu. Kuni Ameerikaa keessatti ta’a jira jedhee hin amanu.’’

Dhimma hidhaa isaanii irratti Waayit Haawus yaada kennuu hin barbaanne.

Pirees Sekiratarii Waayit Haawus kan ta‘an Kaarin Jiyaan Piyeer ''Pirezidantiin akkuma yeroo kaanii waa’ee ummata Ameerikaarratti xiyyeeffatu,’’ jechuun dubbatan.

Donaald Tiraamp naannawa mana murtiitti

Madda suuraa, JOHN MOORE

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp naannawa mana murtiitti

Yeroo Tiraamp mana murtii gahan helikooptarri samiirra marsaa turte. Deeggartonnii fi mormitoonni ala jiran cookaa turan.

Abbaan Alangee distiriktii Manhaataan Alviin Biraag Donaald Tiraamp irratti nama himannaa bananidha.

Yeroo kutaa mana murtii keessaa bahanii deebi’anii seenan mul’ataniiru.

Himannaan Tiraamp maali?

Dhimmichi filannoo bara 2016 dura kanfaltii taatoo filmiif raawwateen wal qabata.

Taatoon filmii Istoormii Daani’els Tiraamp waliin saalqunnamtii raawwachuu himatti.

Dhimma kana akka hin haasofne waadaa seentee, abukaatoo Tiraamp harkaa doolara 130,000 fudhachuu himte.

Abukaatoon duraanii Tiraamp Maayikil Kohaan dhaddacha mana murtiirratti dhyaatee ajaja Tiraampiin maallaqa kaffaluu amaneera.

Kohaan bara bulchiinsa Tiraamp badii gara garaa raawwateef himatamee waggoota lamaaf hidhaa ture.

Haa ta’u malee, Donaald Tiraamp Istoormii Daani’eelsi waliin saalqunnamtii raawwachuu ni waakkatu.

Qarshiin kanfalamees tajaajila seeraa abukaatoo isaaniif kanfalame akka ta’e himan.

Iccitii Daani'eelsi baafte

Tiraamp taatoo fiilmii saal-qunnamtii Istoormii Daani’eelsi waliin hariiroo qabu jedhame haasa’amu kan eegale A.L.A bara 2018'tti ture.

Istoormii Daani’eelsi maqaan ishee inni sirriin Istifanii Kiliiford yoo ta’u, bara 2006 Tiraamp waliin ciise jettee miidiyaarratti dubbatte.

Bara ittaanu haadha warraa isaanii yeroo ammaa Mileniyaa fuudhan.

Daani’eelsi dorgommii tapha Goolfi deeggarsaaf dorgomamurratti wal baranii, hoteelatti saal-qunnamtii raawwachuu dubbatte.

Yeroo sanatti Tiraamp waa’ee hariiroo keenya hin dubbatiin jedhanii na doorsisaa turan jette.

‘’Dhimmichi waan isaan yaaddesse hin fakkaatu. Of tuulaa turan,‘‘ jechuun dubbatte.

'Doorsisa'

Tiraamp filannoo Pirezidantummaa Ameerikaa bara 2016 filatamuf torban muraaasa dursee waa’ee hariiroosaanii akka hin dubbanneef Tiraamp karaa abukaatoo isaanii qarshii fudhachuu himte.

Maallaqicha kanan fudhadhe ofiii kootis ta’ee, maatii kootiif waanin yaadda’eef jette.

Istoormii Daani’eelsi waa’ee dhimma kanaa akka hin dubbanne qaamaan na doorsisaa turan jetti.

Miidiyaa tokkoorratti dhiyaattee af-gaaffii taasisuf erga kaate booda namtichi tokko isheef daa’ima ishee dorsiisuu himatte.

Donaald Tiraampiifi Istoormii Daani'els

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraampiifi Istoormii Daani'els

Maaliif kanfaltiin yakka ta'e?

Hariiroon namoota gidduu ture yoo addaan cite, akkasuma hariiroon nama dhuunfaafi dhaabbata giddu ture yoo addaan cite akka waa’ee nama sanii hin haasofne callisiisuuf maallaqa kaffaluun yakka miti.

Haa ta’u malee, Tiraamp filannoon pirezidantummaa filatamuuf torban muraasni yeroo hafetti waan ta’eef, tarkaanfiin kun duula filannoo waliin hidhata qaba jedhanii kanneen falman jiru.

Bara 2018 sirna faayinaasii duula filannoo cabsuu dabalatee badiiwwan biroo raawwachuu kan amane abukaatoo Tiraamp kan ture Maayik Kohaan, Daani’eelsi maallaqa kaffaluu mana murtiitti dhiyaate amaneera.

Maallaqicha erga kaffalee booda Tiraamp maallaqa kaffalee bakka buusuufi amane.

Tiraamp hariiroo saalqunnamtii Daani’eelsi waliin akka hin raawwannee fi seera faayinaansi hin darbine jechun falmu.

Abbootiin murtii dhimmicha qorataa turan garuu Tiraampirratti himannii akka banamu eeyyamaniiru.