Gaanaan Poorchugaal injifachuun akkuma Saawud Arabiyaa seenaa hojjettii laata?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Maanchisterii fi lammii Poorchugaal Buruunoo Fernaandez Roonaaldoo waliin taphachuun ‘’abjuukoo’’ ture garuu yeroo dheeraaf hin turre jedhe.
Kontiraatni Roonaaldoon Maan tuunaayitid waliin qabu waliigalteedhaan addaan citeera.
Tapha har’a Poorchugaal biyya Lixa Afrikaa Gaanaa waliin qabdu irratti waa’een Roonaaldoo kun dhiibbaa akka hin qabnes dubbateera.
''Dhimma kana irratti homaa hin dubbanne, xiyyeeffannoon keenya waa’ee garee biyyaalessaa fi Waancaa Adunyaa irra jira,’’ jedhe.
Buruunon jaallannus jibbinus murtee Roonaaldoo kabajuun dirqama jedhe.
Leenjisaan Gaanaa Ootoo Addoo morkattootni saanii waa’ee Roonaaldoodhaan hin miidhaman hundumtuu mo’achuuf wana taphatuuf jedhan.
''Dhimmakoo miti, kun rakkoo keenya waan hin taaneef, ammoo rakkoo guddaadha jedhee hin yaadu’’ jedhan.
Dursaan taphattoota Gaanaa Andiree Ayyuun Poorchugaal garee isanaii keessaa mo’attee darbuuf carraa guddaa akka qabdu himeera.
Poorchugaal waraqaa irratti waancicha injifachuuf carraa qabdi, nuy ammo dirree keessatti agarsiifna jedhe dursaan taphattoota Gaanaa Andiree Ayyuun.
Kaameeruun v Iswiizerlaandi
Leenjisaan swiizerlaandi Muuraat Yaakin garen biyyaalessaa ammaa kun ‘’isa kana duraa kamiyyuu caalaa isa baay’ee cimaadha’’ jedhan.
Biyyattiin waancaa Adunyaa afur darban hirmaatte irratti yeroo sadii gara marsaa itti aanu [biyyoota 16tti] darbuu dandeesseetti.
Garee G keessatti har’a Kaameeruun waliin morkii cimaa gaggeessu.
''Waan baay’ee fooyyesineerra, amma yerootti seenaa galmeesinudha’’ jedhan leenjisaan Iswiis.
Kaameeruun adunyaa irraa sadrkaa 43ffaa irratti argamti. Iswwizerlaandi irraa sadarkaa 28 gadi bu’uun jechuudha. Garuu leenjisaan Gaanaa Riigooberti Soongi gareen isaanii istaadiyeemii Al Januub irratti injifannoo galmeesuuf taphatu jedhan.
Taphataan duraanii Liiverpuul amma ganna 46 tahe Waancaa Adunyaa kana irratti ganamumaan waan ajaa’ibsiisaa hin eegamne akka tahe argineerra jedhan.
Har’a Biraazil Serbiyaa walii, Uraagaay ammoo Kooriyaa Kibbaa wlaiin morkatu.















