Arjantiinaa mo'achuu hordofee Sa'udi Arabiyaatti bor hojiifi barnootni cufaa akka ta'u murtaahe

Tapha Arjantiinaafi Saawdi Arabiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Sa’ud Arabiyaan haala seenaa Waancaa Addunyaa keessatti kanaan dura hin baramneen dubaa kaatee biyyaa marroo lama waancaa fudhatte Arjentiinaa 2 fi 1’n injifatte.

Injifannoo kana hordofeesManni Maree Ministirootaa biyyattii guyyaan boruu ayyaana ta'ee akka oolu murteessuu Ejeensiin Pireesii Saawdii gabaaseera.

Dhaabbileen barnootaafi manneen hojii seenaa haaraa gareen biyyaalessaa Sa'udii raawwatte kabajuuf akka cufaman ibsameera.

Yaadi kun pirezidantii Mana Maree Ministirootaa biyyattiin kan dhiyaate ta'uun gabaafameera.

Taphni garee lamaan gidduutti otoo hin eeegaliin dura barri kun Li'oonel Messi ta'uuf akka jiru, Arjeentinaan ammoo erga bara 1990 as Waancaa Addunyaa fudhachuu akka maltu haasa'amaa ture.

Sa'ud Arabiyaan ammoo injifatamuurra kan darbe filannoo akka hin qabneetti haasa'ama ture.

Taphni daqiiqaa 90 ammoo haasaa kana guutummaatti geeddare.

Waancaa Addunyaa Kuwaataritti dorgomamu kanaarratti biyyoonni lamaan Garee C tti kan ramadaman yoo ta’u istaadiyeemii Lusayiliyitti taphatan.

Sa’ud Arabiyaan addunyaarratti kubbaa miilaatiin biyya sadarkaa 51'rra kan jirtu yoo ta’u, tapha Arjeentinaan waliin taphatte boqonnaan duraa haala gaarii jedhamurra kan turte ta’ulle, taphataan beekamaan Arjentinaa Li’oonel Messin penaalitiin galchii tokko lakkoofsise.

Taatullee sarbubbuteeyyiin magariisni[Gareen Sa’udii] boqonnaan booda tapha geeddaran. Addunyaa raajan.

Gareen Arjeentinaa addunyaarratti sadarkaa 3ffaarratti kan argamtu yoo ta,'u, dorgommii kanarratti gareewwaan filatamoo jedhaman keessatti kan eeramti, taphoota 36 darban otoo hin injifatamne seensa dorgommii kanatti kan dhufte. Kana qofaayyuu mitii Arjeentinaan COPA Ameerikaa bara 2021 injifatteetti.

Arjentinaan bara 1986 kan injifatte yoo ta’u, erga bara asitii injifannoo abdii qaban kan itti eegsifatani, akkasumallee Messiif Waancaa addunyaa isa xumuraa ga’umsa isaa itti agarsiisu ta’u mala jedhama.

Arjentiinaan Sambata dhuftu Meeksikoo waliin kan morkattu yoo ta’u, Sa’ud Arabiyaan ammoo Poolaand morkatti.