Halluun fincaan keenyaa waa'ee fayyaa keenyaa maal hima? Halluu akkamiitu yaaddoodha?

Yeroo baayyee fincaan namaa halluu bishaan qulqulluu qabaata. Yeroo garii ammoo keelloo fakkaata. Darbee darbee kan diimatus jira.

Halluuwwan biroos fincaan keenyarratti arguu dandeenya.

Qaama keenya keessatti dhangala'aan hin barbaachifne fincaaniin ba'a.

Pirotiiniin erga daakamee booda naayitiroojiiniin kan gara alaatti ba'u karaa fincaaniiti.

Halluun fincaan keenyaa waa'ee fayyaa keenyaa waan nutti himu qaba. Kanaaf ogeeyyiin fayyaa ''halluun fincaan keetii akkami?'' jedhanii gaafatu.

Sababa kanaaf haala fayyaa keenyaa itti dhiheenyaan hordofuuf halluu fincaan keenyaa ilaaluun ogeeyyii fayyaatti beeksisuu barbaachisa.

Halluuwwan ijoo fincaan keenyarratti mul'atanii fi waa'ee fayyaa keenyaa maal akka himan haa ilaallu.

Diimaa

Halluun fincaanii diimachuun dhiigaa jiraachuu keenya mul'isa. Dhiigi kun ammoo ujummoo fincaanii, kalee fi kutaalee qaamaa fincaan keessa darbu keessaa dhangala'uu danda'a.

Dhiigi kun hammeentaa ykn baayyina isaarratti hundaa'uun halluuwwan garaagaraa qabaachuu danda'a.

Yoo baayyinaan dhiiguun jiraate halluu wayinii diimaa qabaata.

Dhibeewwan akka cirracha kalee, kaansarii fi madaa'uu ujummoo fincaanii garmalee dhiiguuf nu saaxiluu danda'u.

Haata'u namoonni yeroo baayyee hundee diimaa sooratan fincaan isaanii halluu diimaa qabaachuu danda'a.

Halluuwwan burtukaanaa fi keelloo

Yeroo baayyee fincaan gosa halluuwwan keelloo qabu naga qabeessa jedhama.

Kunis hamma dhangala'aa gara qaama keenyaatti fudhannee agarsiisa.

Yoo hammi dhangala'aa dhugnuu muraasa ta'e fincaan keenya halluu keelloo gara gurraachaatti dhihaatu qabaata.

Yeroo garii halluu burtukaanaa qabaachuu danda'a.

Qaama keenya keessa bishaan ga'aan yoo jiraate ammoo halluun fincaan keenyaa keelloo ta'ee baayyee qulqullaa'a jechuudha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

Halluun fincaan keenyaa keelloo kan ta'u seelonni dhiiga diimaa hojiisaanii xumuran qaama keenya keessaa wayita dhabamsiifamaniidha.

Adeemsi kun afaan saayinsiin bilirubin jedhama. Seelonni dhiigaa diimaan hojiin ala ta'an fincaaniin, kaan ammoo karaa mar'imaanii dhabamsiifamu.

Hadhooftuun (bile) tiruun keenya oomishu soorata soorannu bulleessuuf kan gargaarudha.

Seeliin dhiiga diimaa ujummoo fincaaniitti seenuun wayita gara alaatti ba'u halluun fincaan keenya ni gurraacha'a.

Qorichoonni hedduun halluu fincaanii keenyaa gara halluu burtukaanaatti geeddaruu danda'u.

Magariisaa fi cuquliisa

Fincaan keenya halluu magariisaa fi cuquliisa qabaachuun yeroo baayyee kan mudatu ta'uu baatus darbee darbee ni mul'ata.

Fincaanni halluuwwan kunneen lameen qabaate jechuun rakkoon fayyaa cimaan tokko mudachuu agarsiisa.

Yeroo garii soorata yookiin dhugaatii halluu magariisaa fi cuquliisaa waan baayyisneef mudachuu danda'a.

Sababa qorichootaa fi vaayitaaminoota anaesthetics fi antihistamine jedhamiin halluun fincaan keenyaa magariisa yookn cuquliisa fakkaachuu danda'a.

Yeroo tokko tokko ammoo ujummoon fincaanii madaa'uu kan nutti agarsiisu ta'uu danda'a.

Kanaafuu halluun fincaan keenyaa magariisa yookiin cuquliisa fakkaate jechuun rakkoon fayyaa wayii mudateera jechuudha.

Kanaafuu osoo hin barfatin hakiima dubbisuun fala itti barbaaduun dirqama ta'a.

Halluu wayinii

Fincaan halluu wayinii qabaachuun kan baratame miti. Fincaan bifa kana akka qabaatuuf sababi tokko dhibee sanyiin darbu- Porphyria kan jedhamudha.

Dhibeen kun gogaa fi sirna narvii miidha.

Sababi biraan Purple urine bag syndrome (PUBS) jedhama. Kun ammoo dhibee baakteeriyaan dhufuudha.

Dhibee gogiinsa fincaanii Caterer jedhamu namoonni qaban halluu fincaanii bifa wayinii qabaachuu danda'a.

Halluu hundee diimaa

Hundee diimaa soorachuun fincaan keenya halluu kana akka qabaatu taasisa.

Ogeeyyiin fayyaa damee kanaa akka jedhanitti fincaan keenya halluu diim-adii (rose) qabaachuu danda'a.

Hundee diimaan soorachuun dhiigi keenya halluu diimaa akka qabaatu gochuu danda'a.

Halluuwwan biroo

Fincaan keenya halluu sabbata waaqaa qabaachuu danda'a.

Yeroo garii magaala'ee gara halluu bunaatti siquus danda'a.

Ogeeyyiin fayyaa halluu dhugaatii lallaafaa- Coka Colla waliin wal fakkaachuu danda'a jedhu.

Kun hanqina pirootiinii Myoglobin jedhamuun dhufuu danda'a.

Namoonni dhibeen itti cime qorichoota hedduu wayita fudhatanis mudachuu danda'a.

Yeroo garii ammoo bilirubin irraa madduus danda'a. Bilirubin finaan keenya gara gurraacha'uuttillee geessuu danda'a.

Madaa'uun kalee fi dhibeewwan kaanis fincaan keenya gara halluu gurraachaatti akka geeddaramu gochuuf humna qabu.

Fincaan halluu homaa hin qabnes dhibee akka qabnu mul'isa. Dhibeen shukkaaraa yookiin dhugaatii alkoolii baayyisuun fincaan keenya hallu-maleessa taasisuu danda'u.

Halluuwwan fincaanii armaan olitti eeramana kunneen dhibee qabaachuu yookiin fayyaa ta'uu keenya guutummaa guutuutti nutti himu jechuu miti.

Garuu fincaan keenya akkaataa duraan turerraa halluu geeddarannaan ilaalamuu qabna.