Ija keenya ittiin arguu malee akkamiin akka hojjetu hagam beekna?

Iji keenya faayidaa guddaa akka nuuf qabu beekna malee akkaataan hojiisaa baayyee walxaxaa ta'uu namni hundi hin hubatu.

Seelota ifa simachuun akka waa arguu dandeenyutti odeeffannoo oomishan miiliyoona 100 ol kan of keessaa qabu iji keenya, waan addunyaa kanarra jiru hunda arguu danda'a.

Garuu kophaa osoo hin taane sammuu waliin walta'uudhaani. Seelonni narvii (nerve fibres) ija keenya lamaanuu sammuu waliin walquunnamsiisuun akka arginu taasisan miiliyoona tokko ta'u.

Dr Amaaree Atoomaa Galaalchaa Yunivarsitii Jimmaatti ispeeshaalistii ijaa fi barsiisaadha.

Akkasumas ogummaa dhibee baqqaana ijaa isa gidduu miidhu- uveitis and ocular inflammation jedhamutti sab-ispeeshaalistiidha.

Iji kutaa qaamaa keessaa akkaan saaxilamaa, ammoo eegumsi cimaan uumamaan kan taasifamefidha jedhu.

Akkaataa iji itti hojjetu kan dhalli namaa bakka buusuu danda'urraa fagoo fi akkaan walxaxaa ta'uu ibsan.

Iji akkuma shiboo elektirikii keebiliiwwan (seelota) ifa fuudhanii gara sammuu geessan hedduu akka qabuu fi karaa seelota kunneenii sammuutti hidhamee akka jiru dubbatu Dr Amaaree Atoomaa.

Iji namaa boca kubbaa kan qabu yoo ta'u qaamni halluu gurraacha qabuu fi walakkaa ijaatti argamu- pupil jedhamu karaa ittiin ifi alaa gara qaama ijaa gara keessaa seenuudha.

Haala kanaan iji odeeffannoo waa'ee danaa fi halluu wantootaa gara sammuutti erga dabarsee booda, sammuun ammoo odeeffannoo argate gurmeessuun gara suuraatti geeddara, achirraa kaanee waan ilaalaa jirru hubanna.

Wantoonni ija keenya ajaayiba jechisiisan hedduudha, kanneen bu'uura ta'an kunooti.

Iji qaama waliin guddataa deemaa?

Dr Amaaree Atoomaa akkuma qaama kaanii ijis yeroo micireen garaatti uumamurraa kaasee guddataa deema jedhu.

Garuu waggaa torbarraa kaasee guddachuu dhaaba jedhan.

''Fakkeenyaaf daa'imi dhalatte tokko fagootti hin laaltu. Kanaaf akkuma qaama kaanii ijis waliin guddataa deema. Dandeettiin arguu ijaas dabalaa deema. Gaafa waggaa torba ga'an kanuma nama kaaniin walqixa ta'a. Sana booda guddina dhaaba.''

Iji keenya akkamiin hojjeta ykn akkamiin arga?

Iji keenya arguuf ifi kutaalee ijaa adda addaa keessaa darbuun sammuu seenee ergaan achirraa darbuu qaba.

Jalqaba ifa alaa kan simatu qaama ijaa keessaa isa gara alaatti argamu- Koorniyaa kan jedhamudha.

''Koorniyaan ifa alaa walitti qabee (converge) gara keessaa dabarsuu fi ifa tamsaasee (diverge) agartuun keenya bal'isee akka arguuf gargaara,'' jedhan Dr Amaaree Atoomaa Galaalchaa.

''Ifi koorniyaa keessa darbee gara gulantaa ijaa itti aanu- puuppilii (pupil) seena. Achirra darbee gara leensii ijaa seena. Leensiinis ifa gara keessaa seene walitti gurmeessee gara qaama keessoo ijaa- Ratiinaatti dabarsa.''

Ifi alaa gara ijaa seenu Ratiinaa irra erga qubatee booda karaa seelota suuraa simatan (Photoreceptors) seena.

Seelonni kunneen hojiinsaanii ergaa ifaan walqabatee gara keessoo ijaa seenu fuuchuu yoo ta'uy, sammuun isaan fayyadamuun iji akka arguuf deebii kenna.

Dhaamsi seelonni [photoreceptors] qixeessan gara seelota narvii ergaa alaa qaama keessoo waliin walquunnamsiisan- Neurotransmitters jedhamaniitti darba.

''Dhaamsi seelota kunneen irratti qindaa'e gara narvii agartuutti darba. Narvoonni kunneen duuba ratiinaa irraan sammuu waliin walquunnamu. Ergaa fuudhan gara kutaa sammuu gara duubaa kan odeeffannoo waa arguu qindeessu (halluu, sochii fi danaa wantootaa)- Occipital lobe jedhamutti geessu,'' jechuun ibsu Dr Amaaree Atoomaa.

''Narvoonni kunneen sararri (fiber) isaanii duuba ijaarraa ka'uun hanga duuba sammuutti diriiranii jiru. Ratiinaa irraa ka'anii hanga kutaa sammuu bakka odeeffannoon waa arguu itti oomishamu- Visual Cortex bakka jedhamutti diriiranii jiru. Anniisaan ifaa karaa seelotaa gara kutaa kanaa seenee kutaa kana keessatti wantoonni (objects) erga uumamanii booda deebi'ee waan ala jiru akka arginu taasisa.''

Ija jijjiiruun danda'amaa? Yoo jijjiirame akkamiin sammuu waliin walquunnama?

Asirratti qorannoowwan hedduu gaggeeffamaa jiraachuu kan ibsan Dr Amaaree Atoomaa, hanga ammaatti ija guutummaatti geeddaruun hin danda'amne, qorannoonis hin mirkaneessine jedhan.

Garuu kutaaleen ijaa jijjiiramuu danda'an akka jiran ibsan.

''Kutaan ijaa fuuldura jiru, koorniyaan (burcuqqoo ijaa) yoo miidhamte jijjiiruun ni danda'ama. Kanaan achi ija kana guutummaatti buqqisanii kan biraa galchuun hanga yoonaatti hin danda'amne. Ta'ees hin beeku.''

Yoo sababa dhibee moora ijarratti haguuguun jaamina ijaa fidu- Cataracts jedhamuun leensiin ijaa miidhames kan biraatti jijjiiruun ni danda'ama akka ogeessa fayyaa kanaatti.

''Yoo leensiin isheen uumamaa haguugamtee yookiin dhibeedhaan miidhamtee ifa dabarsuu dadhabde (opacified) baasnee kan nam-tolcheen bakka buusuu dandeenya.''

Ijaa fi umrii (dulluma)

Iji akkuma qaama kaanii guddataa deema, qaamaanis ta'e dandeettii arguutiin.

Ammoo wayita umriin namaa deemu ykn dulluma keessa iji namaa ni dadhaba, hammi ijaa xiqqaataa deema, dandeettiin arguus daran dadhabaa deema.

Kanaaf sababi guddaan dhibeen ijaa umrii waliin dabalaa deema jedhan Dr Amaaree Atoomaa.

''Dhibeen ijaa baayyinaan daa'immanirratti miti kan mul'atu. Dhibeen yaalamuu danda'us kan jaamina ijaa fidus dulluma faana walqabata.''

Dhibeewwan jaamina ijaaf sababa ta'an dhibbeentaa 85 kan mudatan umrii namaa waggaa 50 booda ta'uu qorannoodhaan mirkanaa'eera jedhu ogeessi kun.

Addunyaarratti jaamina ijaaf ga'ee olaanaa (dhibbeentaa 50 ol) kan gumaachu dhibee moora ijaati kan jedhan ogeessi ijaa kun, ''sababa jijjiirama umriitiin leensiin ijaa ifa of keessa dabarsuu dadhabdi,'' jedhan.

Dhibeen ija jaamsu kan biraan- Glaucoma jedhamus namoota umriinsaanii deemetti hammaata.

Dhibeen ija miidhuun, darbees jaamsuun daran beekamu kun narviin ijaa fi sammuu walquunnamsiisu- optic nerve akka miidhamu taasisa.

Yeroo baayyee wayita dhangala'aan kutaa ijaa gara alaa irratti kuufamuun keessoo ijaarratti dhiibbaa uumu kan dhufuudha.

Dhibeen kun yoo yeroodhaan bira ga'amee hin yaalamin jaamina ijaa fiduu danda'a.

''Akkuma gogaan keenya akkasumas qaamoleen keenya kaan umrii faana dadhabaa deeman seelonni ijaas dandeettiinsaanii gadi bu'aa deema. Koorniyaa fi seelonni koorniyaatti ergaa dabarsanillee dadhabaa deemu. Kanaaf iji fi umriin hidhata guddaa qaba,'' jedhan Dr Amaaree Atoomaa.

Libsuu fi imimmaan akkamiin ija fayyadu?

Libsuun ijaaf akkaan murteessaadha. Namni tokko daqiiqaa tokkotti giddugaleessaan yeroo 15-20 libsata jedhu Dr Amaaree Atoomaa.

Eegumsa ijaaf akkasumas kutaa ijaa gara alaan jiru kanneen akka koorniyaa fi leensii ijaa qulqulleessuuf libsuun faayidaa guddaa qaba.

''Faayidaan libsachuu inni ijoon qulqullina ija keenyaa eeguudha. Burcuqqoo ijaa nuuf tiksa. Libsuudhaan waan gara ija keenyaa seenu ofirraa qolanna,'' jedhan ogeessi fayyaa ijaa kun.

Yeroo libsannu jiidhina ykn imimmaan ijarra jiru kan xannachi lacrimal jedhamu oomishu ijarra dibuun qulqulleessina.

''Imimmaan kun xuraawaa burcuqqoo ijaarraa dhiqa. Lubbu qabeeyyii xixiqqoo (microorganisms) waan balleessu of keessaa qaba. Iji keenya libsachuudhaan imimmaan ijarra dibee qulqulleessa.''

Imimmaan ijaaf faayidaa qaba yoo ta'e kan yeroo miira gaddaa ykn gammachuu keessa ta'uun uumamu, yookiin ammoo yeroo garii kan akkanumaan ija keessaa roobu hoo akkam jennee Dr Amaaree Atoomaa gaafanne.

''Imimmaan kun gosa lama. Inni kan miira boo'ichaan uumamu maddi isaas iddoo biraati. Akki itti uumamus miira gaddaaf deebii kennuuf. Isheen ija qulqulleessitu kun xannacha lacrimal jedhamurraa madduun ujummoo xiqqoo ittiin gara ijaa dhangalaatu qabdi,'' jedhan.

Imimmaan ija qulqulleessitu kun gara alaatti dhangalaati osoo hin taane, erga hojiishee raawwattee booda karaa xiyyoo ijaatiin funyaanitti gadi dhangalaati.

''Imimmaan ija qulqulleessitu kun erga gara funyaan keenyaatti gadi yaatee booda karaa ujummoo xiqqoo funyaan keessaa jiru- nasal mucus jedhamuun gara sirna dhiigaatti makamti.''

Akka ogeessa fayyaa ijaa kanaatti imimmaan ija jiisuu fi dhiquuf fayyadu kan gara alaatti xuruuru (dhangala'u) wayita ujummoo xiqqoon karaa xiyyoo ijaan gara funyaanii seensistu cufame ykn banaa hin taanedha.

Haalli imimmaan callisee fuularra gadi yaa'u kun afaan saayinsii fayyaatiin epiphora jedhamee beekama.

''Kun yaaliidhaan sirrachuu danda'a. Yoo uraan inni uumamaa cufameera ta'e wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin funyaan karaa biraan uruun garasitti akka yaa'u gochuun ni danda'ama.''

Dr Amaaree Atoomaa akka jedhanitti daa'imman wayita dhalatan uraa funyaanii kana hin qaban.

''Ji'oota muraasa booda banama. Kan ammoo osoo hin banamin hanga waggaa ga'u jira. Sun baqaqsanii wal'aanuudhaan sirrata. Haala kanaan qaawwaan imimmaan gara funyaanii seensisu sun akka banamu gochuun ni danda'ama.''

Kaameeraa fi ija yoo wal dorgomsiisnu

Waldorgomsiisuun ni ulfaata, sababni isaa wanti ijaan arginu daangaa wantoota arguu fi dandeettii qulqullinaan waraabuu (pixels) kaameeraan irratti hundaa'uun kan madaalamu ykn daanga'u miti.

Iji keenya qiyyaafannoowwan irra buufatee argu lama kan qabu yoo ta'u, qorannoon akka jedhutti dandeettiin kaameeraan yoo madaalamu meegaapikselii 576 qabaachuu danda'a.

Dandeettiin waa arguu ijaa kaameeraawwan ammayyaa yeroo ammaa gabaarra jiran shan akka caalu ibsa qorannoon.

Haata'u malee iji keenya qulqulleessee kan argu wantoota fuulduratti ilaaludha, kanneen cinaa bitaa fi mirgaan jiran akka wantoota fuuldura jiraniitti qulqullina olaanaadhaan nutti hin mul'atan jechuudha.

Kanaafuu iji keenya iddoo irra buufatee argu hundatti kaameeraa sadarkaa eeggate (standard) waliin dorgoma.

Halluuwwaniin walqabatee iji keenya wantoota dambalii ifaa gabaabaa (naanoomeetirii 400-700) keessatti qofa qulqulleessee argee adda baafata.

Addunyaan kaameeraa fageenya naanoomeetirii 10-400 irratti halluu sirriitti adda basu oomishteetti. Halluuwwan iji namaa adda baasuu hin dandeenye (infrared) ammoo naanoomeetirii 750-15000 irratti kan argu kaameeraan oomishamee jira.

Ija namaa fi kan bineensotaa

Bineensota kaanii fi nama keessaa eenyu akka caalaa arguu baruuf wanti ilaalamu sun ifa qabaachuu fi dhiisuutu murteessa.

Fakkeenyaaf namaa fi adurree keessaa eenyutu caalaa arga? Qorannoon dhihoo gaggeeffame fageenya wanta ilaalamuu fi ifa yookiin dukkana ta'uurrattui hundaa'a jedhe.

Qorattoota Giddugala Fayyaa Beelladootaa Pensalveeniyaa keessaa kan ta'e Nikolaay Lamm dhalli namaa wantoota akkasumas halluuwwan bal'ina fuuldura jiru keessatti arguudhaan beekama.

Ammoo wantoota fuuldura keenyarraa maqanii jiran ykn ilaalcha cinaa (pheripheral vision) arguurratti dhalli namaa hagas mara miti.

Dukkana keessatti waa arguun ilaalchisee ammoo adurreen yeroo saddeet nama caalaa argiti.

Dhalli namaa garuu wantoota fageenyarratti arguudhaan baayyee bineensota caala.

Adurreen ammoo fageenyarratti guddoo hin argitu. Tarii adurreen keessan kanaaf haga isin itti dhihaattanitti isin baruu dadhabdi ta'a. Fageenyarratti adda isin hin baafattu waan ta'eef.

Garuu dandeettiin fageenyarratti waa arguu dhala namaa kan simbirroota adamsitoota ta'aniin yoo madaalamu badaa miti.

Gosoonni simbirrootaa kanneen biro adamsanii nyaachuun jiraatan fageenya kiilomeetira sadi caalurratti sooratasaaniirra ija buufachuun adamoof qajeelu.