Israa'eel qabsaa'aa Paalistaayiin, Kaarim Yuunis waggaa 40n booda hidhaa gadhiifte

Kaarim Yuunis simannaan yeroo godhamuuf

Madda suuraa, EPA

Israa'eel namticha qabsaa'aa Paalistaayiin Kaarim Yuunisiin waggaa 40 booda mana hidhaa gadi lakkifte. Kunis ammoo nama Paalistaayiin waggaa dheeraaf hidhame isa taasisa.

Kaarim Yuunis bara 1983 loltuu Israa'el Avii Biroombarg jedhamu ugguruun ajjeese jedhamee ture hidhaan kan itti murtaa'e.

Mana hidhaa erga seenee booda barruulee siyaasaa barreessuufi Israa'el wajjin waliigalteen akka taasifamu waamicha gochaa turuu isaatin gurra guddaa horateera.

Kaarim Yuunis nama lammummaa Israa'el qabu ta'us, ministeerri biyya keessaa Israa'el garuu lammummaan isaa akka irraa haqamuuf waamicha dhiyeessera.

Pirezidaantin Paalistaayiin Mohaammud Abbas, "Yuunis cichoomina isaatin mallattoo uummataPaalistaayiinii fi bilisummaa uummata addunyaati" jechun leellisan.

Miidiyaan Israa'el akka gabaasanitti, Kaarim Yuunis namoonni walgahuun gammachuu isaanii akka hin ibsanne gochuuf jecha osoo maatitti hin himiin har'a Amajjii 5, 2023 gadi lakkifamte.

Boodarra mandara isaa Ara jedhamutti maatiifi hirriyoota isaatin simannan godhameefira.

"Waggoonni 40 darban seenaa hedduun kan guutamedha, seenaa namoota mana hidhaa jiranii, tokkoon tokkoo isaanii seenaa biyyaa ta'u," jechuun dubbate Kaarim Yuunis.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabaluunis, "Warra Paalistaayiiniif warra aarsaa kaffalan keessaa tokko ta'uu kootti nan boona, kaayyoo Paalistaayiiniif aarsaa kana caalu kaffaluuf qophiin turre" jedhe.

Kaarim Yuunis osoo mana hidhaatii hin bahin dura Paalistiinota mana hidhaatti isa biraa hafaniif akka gaddu barreesse.

Warreen isa biraa mana hidhaatti hafan keessaa eessuma isaa Maher Yuunis tokko yoo ta'an, akkuma isaa nama ugguree ajjeesudhaan himatamee itti murtaa'ee ture; garuu ji'a tokko booda gadi lakkifama jedhame.

Obboleettin loltuu Isra'el ajjeefame jedhamee kan taate Adah, "namoonni akkasii gadi lakkifamanii nu keessa deemaa, kolfaafi gammadaa jiraachun isaanii waan hin yaadamneedha" jechuun miidiyaatti himte.

Pirezidaanti Abbaas ammoo lammiilee Paalistaayiin manneen hidhaa Israa'el kessaa akka gadi lakkifaman gochuun "kaayyoo uummata Paalistaayiin hundaati" jedhe.

Akka gabaasa garee mirgoota namoomaa Paalistaayiinitti, yeroo ammaa Paalistaayiinoota 4,700 ta'antu manneen hidhaa Israa'el keessatti argama.