Taatonni fiilmii Romiyoo fi Juliyeet qullaan keenya mul'ateera jechuun waggaa 50 booda beenyaa gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Taatonni filmii beekamaa- Romiyoo fi Juliyeet, Liiyonaardii fi Oliiviyaan filmiicha keessatti qaamni qullaa keenya mul'ateera jechuun waggaa 50 booda beenyaa doolaara biiliyoona walakkaa akka kanfalamuuf gaafatan.
Taatoowwan kunneenis beenyaa kana akka kanfaluuf kan himannaa irratti banan dhaabbata filmii hojjatuufi Paaraamaawunt Piikcharsi jedhamu irratti.
Taatoowwan bekamoon kunneen bara 1968 keessa ture kan filmii irratti jaalalleewwan walii ta’uun filmicha keessatti hojjatani.
Yeroo sanattis reefu guddattoota umuriin waggaa 15 fi 16 turan.
Lammiilee Ingilizii kan ta’an taatoowwan kunneen waggaa 50n booda himannaa akka bananii dhimmi isaan taasisees, hayyama isaanii malee fiilmicha irratti qaama qullaansaanii gabaadhaaf dhiyaateera jechuun.
Yeroo sanatti daareektara fiilmichaa kan turan Firaankoon Zifirelii erga ‘‘qaamni qullaan keessan hin mul’atu hin sodaatiinaa nuun jedheen booda, filmiicha irratti garuu qaamni keenya hanga tokkoo hayyama keenya malee qullaa mul’ifameera’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Kanaafuu ijoolluummaa keenyatti qaamni keenya ittiin daldalli hojjatameera kan jedhan taatoowwan kunneen lamaan, waggoota kana hundaaf fiilmicha irraa galii olaanaa argata jechuun dhaabbanni Paaraamaawunti beenyaa doolaara biiliyoona walakkaa nuuf haa kanfalu jedhan.
Isitudiyoon kubaaniyichaa garuu hanga yoonaatti deebii hin kenniine.
Haata’u malee daareektarri filmichaa kan du’e bara 2019tti ture.
Himattoonni kunneen akka jedhaniitti yoo ta’e, daareektarri fiilmichaa osoo filmiin hin waraabamiin dura qaamni isaanii akka hin agarsiifamne waadaa galeefi kan ture ta’ulleen, fiilmichi wayita bahuutti garuu waadaan sun hin eegamne jedhan.
Waraabbii filmichaa kutaa ciisichaa keessatti qaamni teessuma koo hanga ta’e mul’ateera yoo jedhu Liiyoonaard, Oliiviyaan ammo harmikoo agarsiifameera jechuun himatte.
Boodarras daarektarichi kan milkooftan akka taataniif, amma xiqqoo qaamnii qullaa keessan mul’achu qaba, yoo akkas ta’e malee fiilmicha kisaaraatu mudata jechuun nutti dubbatee ture jechuun waggaa 50 booda himannaa dhiyeessan.
Yeroo filmiin sun warraabamuutti dargaggoo waggaa 16 kan ture Liiyoonaardi amma yeroo himmannaa kana dhiyeesseetti gaheessa waggaa 72 ta'aniiru.
Oliiviyaanis akkasumas wayita fiilmichi waraabameetti shamarree waggaa 15 kan turte amma dubartii wagga 71'ti.
Galmeen himannichaa akka mul’iseetti, himannichi miidhaa saal-quunnamtii, qoccollaa fi waliin dhahu hammata.
Taatoowwan maanguddoon lamaan kunneenis filmichi qaama keessan mul’isu isaatiif miidhaa hamlee nurraan gaheera, qor-qalbiidhaanis hubamneerra jechuun dubbatan.
Filmiin Roomiiyoo fi Juuliyeet jedhamu kunis hojiiwwan Shikispiir irratti bu’urreeffachuun dalagame. Yeroo bahettis beekkamtii olaanaa argate ture.
Waggoota dheeraafis ilaalamaa kan turedha. Filmii kunis yeroo afuriif badhaasa Oskaariif kan kaadhimame yoo ta’u, yeroo lama injifateera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himannaan taatoowwan kanneeniin waggaa 50n booda dhiyaatee kunis Ameerikaa Kaaliiforiniyaa keessatti.
Taatoowwan kunneen dhiibbaan qor-qalbii olaanaan nurra gaheera jechuun himannaa haa dhiyeessan malee, gaaffii fi deebii barootaaf kennan keessatti dhimma kana ilaalchisee komii dhiyeessanii hin beekan ture.
Fakkeenyaaf taatuu Oliiviiyaan bara 2018tti af-ggaaffii taasiftee turte irratti, daarektara filmiichi akka milkaa’uf isaan gargaare galateeffattee turte.
Itti dabaluunis, isheedhaan dura dubartiin ija jabduun qullaa taatee filmii sadarkaa sanaan hojjattee kan biraa akka hin turree boonaa dubbachuu isheetiin oliitti, qaamni ishee hanga tokko qullaa ta’unsaa ‘‘galtee barbaachisaa’’ akka ta’e dubbattee turte.
Af-gaaffii gara biraa TV Fox waliin taasifteen ammo, filmicha irratti hanga tokko qaamni ishee saaxilamunsaa, yeroo sanatti Ameerikaa keessatti aadaa ‘‘qaanii’’ ta’ee haasa’amee ture erga jetteen booda, ‘‘dhimmichi hangas maras cimaa hin turre’’ jechuun kaafte turte.
''Liinaard baayyee qaanneeffata ture. Wayita waraabamnaa turreetti, gutummaattuu akkan uffata hin uffannee dagadheen ture'' jettee turte.












