Dogogoraa fiilmii keessatti uumameen guyyatti namootni 100 natti bilbilu'

Madda suuraa, BBC/Getty
Namtichi fiilmiin Booliwuud tokko bilbila isaa dogogoraan waraabee fiilmicha keessatti fayyadamee namoota hedduu irratti bilbilaniin dhiphina keessa galuu isaa ibse.
Fiilmii Hindii Arjun Paatiliyaa jedhamu keessatti taatoon fiilmichaa Suunii Liyoon jedhamtu fiilmicha keessatti taatoo kennameef sana yeroo hojjettu lakkoofsa bilbila ishee yeroo dubbattu dogogoraan himte.
Akka carraa tahee lakkoofsi isheen waamte kan nama biraa kan umuriinsaa ganna 26 tahee Puuneet Agarwaal tahee argame.
Erga fiilmichi Adoolessa 26 gadhiifamee guyyaatti fiilmicha ilaalan 100 ol guyyatti natti bilbiluu jechuun BBCtti hime.
Halkan rafee abjuu keessa galuu illee hin dandeenye kan jedhu dargaggoon kun hanga halkan keessaa sa'a 10tti natti bilbilamaa jedhe.
Bilbilli irratti bilbilamaa oolu jireenya isaa waan jeeqeef rakkoo isa mudate kana gara seeratti fudhachuu akka barbaadu himeera. Fiilmicha keessaa gulaaluun balleessuun yoo danda'ames akka sirreessaniif gaafataa jira.
Liyoon taatuu fiilmii poornoogiraafii beekamtuu Ameerikaa duraanii yoo taatu amma indaastirii fiilmii Booliwuud keessa hojjetti.
Kanaafuu dhiirotni Hindis tahe adunyaa guutuu halkanii fi guyyaa bilbila namticha Agarwaal jedhamu irratti yoo bilbilan waan nama dinqisiisu miti. Sababni isaas Liyoon taatuu beekamtuu waan taateef dhuguma bilbila dhuunfaa ishee se'aniiti kan itti bilbilaa turan.
Daarikterri fiilmii Arjuun Patiliyaa jedhamu kanaa Rohit Jugraj jedhamu dhimma kana irratti yaada kennuu hin dandeenye.

Namtichi kun lakkoofsa bilbilaa isaa yeroo dheeraaf dhimma hojii fi biizinesii isaaf itti fayyadamaa ture kana gatuu hin barbaanne.
Lakkoofsichi jireenya koo waliin wal qabata jedhe. Dabalataan rafuus tahe hojjechuu akkasumas nyaata illee gadi taa'ee nyaachuu hin dandeenye jechuun BBCtti hime.
Namni jalqaba naa bilbile artist Suunii Liyoonitti dubbachuun barbaada yommuu naan jedhu dogogrteetta jedhee yoon itti himu aaree narratti cufe jedhe Argawaal.
Bilbiloota jalqabaa yommuun kaasaa ture hiriyyota kootu na gowwoomsaa jirun se'e jedhe.
Garuu ittima fufee yommuu bilbilamu hundinuu gaaffiidhuma wal fakkaataa na gaafataa turan jedhe. Haalichas hubachuu akka hin dandeenye hime.
Hundi isaanii immoo waa'ee fiilmii jedhame kanaa waan dubbataniif haalicha hubachuuf jedheen fiilmicha yommuun ilaalu lakkofsi koo achi keessatti waamamuun dhagahe jedhe.
Kanaaf dogogorri kan namoota naa bilbilanii miti sababni isaas bilbila kootu isaaniif kenname jedhe.

Madda suuraa, Courtesy T-Series/ Maddock Films
Dhimma kana poolisiitti beeksisus namootni bilbilaniif miidhaa ykn yakka irraan gahan waan hin qabneef deebii argachuu hin dandeenye.
Garuu mana murtiitti himata banuun keessaa haqsiisuu akka danda'u natti himan jedhe. Amma himata banee bilbilli isaa fiilmicha keessaa akka bahuufiif gaafachaa jira.
Namtichi kun namoota fiilmicha hojetan hiisisuu caalaa lakkofsi isaa keessaa akka balleeffamuuf barbaada.
Namootni amma daandii irratti isa argan ''Sunii Liyoon ishee Delii'' jechuun akka itti baacan hima.
Tooftaan amma fayyadamaa jiru yeroo namootni naaf bilbilan 'amma kutaa dhiqannaa waan seenteef argachuu hin dandeessan' jedheen deebisaafii jiras jedhe.
Akka waamichi bilbila isaa dhiphisaa jiru dhaabatus abdii qabu himeera.















