Tibbana Itoophiyaatti hidhamanii kan turan Obbo Tashitaa Tufaa eenyu?

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa
Ameerikaa kutaa biyyaa Minisootaatti abbaa qabeenyaa kan ta'anii fi namoota hedduuf carraa hojii uumuun beekamtii fi kabajaa kan qaban Obbo Tashitaa Tufaa, Mudde 30, 2022 Itoophiyaatti hidhamanii guyyoota muraasa booda gadhiifamuu maatiin ibsaniiru.
Akka maatiin karaa miidiyaa hawaasummaa ibsanitti Obbo Tashitaan haadhasaanii waggootaaf hin argin turan dubbisuuf biyya galanii osoo gara Ameerikaa gara maatiisaaniitti deebi'aa jiranii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti qaamolee nageenyaa mootummaan butamanii achi buuteensaanii dhabamee ture.
Obbo Tashitaan gara-laafessaa fi nama gargaaruun kan beekaman ta'uu ragaa kan ba'an maatii fi namoonni kaan, akkasaan hiikaman gaafachuun miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa turan.
Landan Yuniversitii Kiil keessatti seera kan barsiisan fi siyaasa Itoophiyaa kan xiinxalan Dr Awwal Aloo, Obbo Tashitaa Tufaa siyaasa osoo hin taane uummata bal'aa tumsuun nama beekamuudha jedhan.
Namni jiruu namoota hedduu utubuun beekaman osoo maatiin karaa eeganii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti humnoota tikaa mootummaa Itoophiyaan wayita butaman Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru callisuun daba jedhan.
Obbo Tashitaa Tufaa nama carraa hojii namoota hedduuf uumuun beekamtii guddaa argateedha kan jedhan Dr Awwal, ''namni kun gartuu siyaasaa tumsan hin qaban, ta'us garuu kanneen isaan hidhan ajandaa siyaasaaf ta'uu dhiisuu hin danda'u,'' jedhan.
Obbo Tashitaa Tufaa eenyu?
Obbo Tashitaa Tufaa maqaansaanii yeroo ka'u yeroo mara waan waliin ka'utu jira- Saanii miiccuurraa gara miliyeenaraa (From Dishawasher to millionaire) kan jedhuudha.
Bara 1992 Itoophiyaarraa gara Ameerikaa kan imalan Obbo Tashitaan, Minisootaatti mana nyaataatii saanii miicuudhaan hojii eegalan, amma abbaa qabeenyaa beekamaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Tashitaa Tufaa Godina Arsii Lixaa ganda baadiyyaa Aanaa Arsii Nageellee keessatti dhalatan.
''Hawaasa hojii jaallatuu fi kabaju keessatti dhalachuun koo ijoollummaarraa akkan hojii jaallachaa guddadhu na gargaareera,'' jedhan.
Ijoollummaatti maatiin hojii fi barnoota walfaana barsiisuu kan dubbatan Obbo Tashitaan, ''baadiyyaatti hojii qonnaallee hojjetaa barnoota baradhe,'' jedhan.
Ijoollummaasaaniitti kubbaa miilaa akkaan jaallachuu kan himan Obbo Tashitaa Tufaa, hiriyootasaanii waliin kubbaa taphachuuf jecha dafanii hojii itti kenname xumuraa akka turan, kunis hojiisaanii ammaaf ka'umsa akka ta'eef dubbatan.
Barnoota sadarkaa lammaffaa Shaashamanneetti baratan, akkumas mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuraniin gara Zimbaabwee imalanii digiriisaanii waggaa afur baratan.
Barnoota yuuniversitii Zimbaabweetti erga xumuranii booda biyyatti deebi'uun magaalaa Finfinnee, Aqaaqii keessatti kan argamu mana barumsaa advantistii waggaa lamaaf barsiisan.
Mana barumsaa- Yemen Community School jedhamu kan naannoo Markaatootti argamu keessas barsiisaniiru.
Achiin booda gara Ameerikaa deemuun Yuuniversitii Minisootaatti digirii barachuun erga xumuranii booda akkuma nama kaaniitti hojii eegalan.
Barnoota siyaasaan akkamiin biizinasii keessatti milkaa'an?
Obbo Tashitaan barnoonni isaan hordofan hedduun siyaasaa fi hariiroo dippiloomaasii ta'uu amma dura gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin dubbatanii turan.
''Namni digirii hedduu walitti qabeef waan baayyee hojjeta jedhee hin amanu,'' jedhu.
''Ani barnoota hariiroo dippiloomaasiiti kanan baradhe. Durumarraa dippiloomaatii ta'uun barbaadan ture. Saayinsii siyaasaatiin baradheera. Siyaasa keessatti nama guddoo hirmaatu ta'uun fedhan ture, hirmaataan tures.''
Addunyaan siyaasaa biyya Itoophiyaa siyaasaan deemamnii bu'a qabeessa ta'uuf kan carraa banu hin turre kan jedhan Obbo Tashitaa Tufaa, ''waa'ee biizinasii koorsii tokkollee osoo hin baratin akkamiin akka damee biizinasii keessatti milkaa'an akkanaan gabaabsanii muuuxannoosaaniirraa himan.
''Hojiin kiyya irra-jireessi biizinasii keessatti marii fi waliigaltee uumuu (Negotiation and Burgaining) irratti. Kunimmoo hojjaa dippiloomaasiiti,'' jedhan.
Damee barnootaa biizinasiitiin digirii waan barataniif qofa biizinasii keessatti hin milkaa'an kan jedhan Obbo Tashitaan, barnoota dippiloomaasii biyya faranjiitti baratan caalaa muuxannoon jireenyaa isaanii akka isaan fayyade himan.
''Handaara magaalaa Shaashamanneettti kan argamtu Kuyyeeratti dur wayita huccuu bitannu guraagoti waan birrii lamaan sitti gurguruu barbaadan birrii 17 siin jedhani. Nama birrii 17 siin jedheen attam gootee birrii lama kennitaaf? Birrii kudha lamafaa kennitaaf. Sanaanis si didanii akkati dhiiftee deemtu godhu. Ergasii koottu fudhu siin jedhu. Adeemsa biizinasii keessatti akka kanaa koorsiin na fayyade hin jiru,'' jechuun waan muuxannoo guddaa isaaniif ta'e himan.
''Kan gabaa Kuyyeeraa keessatti baradhe koorsii Yuuniversitii Ameerikaatti baradhe naaf caala,'' jedhan.
Dhaamsa dargaggootaaf...
Obbo Tashitaa Tufaa hojiisaaniin fakkeenya ta'aniiru, jiruu fi jireenya nama hedduus utubaniiru.
Kun hunduu yeroo qabnutti qixa sirrii ta'een fayyadamuurraa argama jechuun madda milkaa'inasaanii himan.
''Dargaggoonni ammaa yeroosaanii irra-jireessaan miidiyaa hawaasummaarratti wayita dabarsanin arga. Miidiyaan hawaasummaan akkuma waan gaarii qaba waan badaallee hedduu qaba,'' jechuun dargaggoonni yeroosaanii qisaasessuurraa akka of-qusatan dhaaman.
''Kan hojjaa akka tuffannu nu barsiise diina keenya,'' kan jedhan Obbo Tashitaa Tufaa, ''hojii tuffachuun egeree namoota keenya hedduu balleesseera,'' jedhu.
''Dargaggoonni yeroosaanii hojjaatti akka balleessan nan gorsa. Carraa hojii jiru hundatti fayyadamanii akka hojjetan nan jajjabeessa.''
Yoo mootummaan yookiin warri biizinasii nama qacaruu didan magaalaa keessaa ba'anii baadiyaadhaa hojii hojjechuu qabu dargaggoonni jedhan.
Obbo Tashitaa Tufaa barattoonni mana barnootaatti waan egereesaaniif isaan fayyaduu fi carraa jiruusaaniif fiduu danda'u xiinxalanii barachuu akka qabanis gorsan.
''Barnoonni akka bara keenyaa gabatee gurraacha irraa noottii qabatanii galanii isaa qofa dubbisanii maatirikiif qophaa'anii miti. Yeroo ammaa kana waan hedduurraa barachuutu danda'ama. Kana hundatti sirnaan fayyadamuu feesisa,'' jedhan.
Itoophiyaa keessatti carraan hojii lakkoofsa uummataa akkaan dabalaa jiruun walmadaalu uumamuu dhabuurraa yeroo baayyee humni hojjetee jijjiirama fiduu danda'u daandiirratti argama jedhan Obbo Tashitaan.
Kanaafuu mootummaanis ta'e jaarmiyaaleen biizinasii humna hojii lafatti badaa jiru kanaaf carraa hojii uumuun uummatas biyyas fayyduu qabu jechuun dhaaman.
''Yoo uummanni hin jiraanne biizinasiin hin jiru. Yoo biyyi hin jiraanne hojjaan hin jiru, kanaafuu warri qabeenya qaban hawaasa guddisuu, biyya guddisuuf dirqama qabu,'' jechuun muuxannoo biyya faranjii eeran.















