Neetaaniyaahuun hoggantoota Hamaas biyyoota alaa jiran haleeluu hin dhaabu jedhan

Madda suuraa, Israel Prime Minister's Office
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu hooggantoonni Hamaas ''bakka jiran hundatti ni adabamu'' jedhan.
Kun aanga'aan Israa'el hooggantoota Israa'el biyyoota alaa jiran irratti haleellaa raawwachuu itti fufuuf karoora qabaachuu agarsiisa.
Neetaaniyaahuun wayita Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin Jerusaalemitti ibsa kennan, biyyi hunduu ''diinasaanii daangaan ala jiran ofirraa qolachuuf,'' mirga qabu jedhan.
Israa'el qilleensarraan wayita michuu US kan taate Kaataar haleelte Pirezidant Doonaald Tiraamp akka mufatan ibsanii turan.
Hamaas haleellaa sanaan namoonni ja'a du'uu ibse, garuu hoogantoonni isaa baraaramuu hime.
Dubbiin Neetaaniyaahuu kun kan dhagahame erga Waayit Haawus Tiraamp ''dachee Qataar irratti lamuu gochi akkanaa akka hin raawwanne,'' mirkaneessuufii ibsee sa'atii muraasa booda.
Neetaaniyaahuun haleellaa sana keessatti hirmaannaan US jiraachuu wayita gaafataman ''ofii keenyaan raawwanne. Kanuma,'' jedhan.
Haleellaan raawwatame hariiroo US Baha Giddugaleessaa waliin qabdu irratti dhiibbaa qabu kan ibsan Maarkoo Ruubiyoo, Waashingitan ''michuuwwan ishee Galoo Galaanaa waliin hariiroo jabaa tolfattee jirti,'' jedhan.
Aanga'oonni lameen wayita sababa haleellaa Israa'el Kaataar irratti raawwatteen muddamni US fi Israa'el gidduutti dhalatee jirutti kan walargan ta'us, ammallee taatu michummaansaanii cimaa akka ta'e agarsiisan.
Israa'el Ameerikaan ala michuu jabaa qabaattee hin beektu jedhan Ruubiyoon.
Neetaaniyaahuu fi Maarkoo Ruubiyoo yeroo hooggantoonni biyyoota Arabaa kora Kaataar bira dhaabbachuurratti xiyyeeffate Dohaatti taa'anitti walargan.
Ministirri Muummee Kaataar hawaasi idiladdunyaa ''seeraa fi murtee haqa qabeessa hin taane akka dhaabuu'' fi Israa'eliif adabbii ishee madaaluu kennuu akka qabu gaafatan.
Tiraamp Israa'el ammas deebitee Kaataar akka hin rukunne wabiin qaban maal akka ta'e wayita gaafataman Neetaaniyaahuu ''Kaataariin hin rukutu'' jechuun irra deddeebiin dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan buufata waraanaa guddaa ta'e Kaataar keessaa qabdi. Kanaaf US waliin michummaa cimaa qabu.
Kaataar marii dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Hamaas gidduutti taasifamuuf biyya jaarsummaan gidduu jirtudha. Kallattiidhaan qaamolee lameenuu quunnamuun waan mariisistuuf ga'eenshee baayyee murteessaadha.
Bara 2012 irraa kaastee Hamaasiif biyyasheetti waajjira banteefii jirti.
Aanga'aan Ministira Dhimma Alaa US tokko Maarkoo Ruubiyoo daawwannaa Israa'el gara Kaataar imalu jedhan.
Neetaaniyaahuu fi Ruubiyoon karoora Israa'el humna waraanaan magaalaa Gaazaa qabachuuf baafatte fi West Baankitti qubsuma babal'ifachaa jirtu irrattis mari'ataniiru ta'a.
Dhuma torbee darbee kana humni waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti manneen jireenyaa hedduu barbaadeessaa ture.
Yeroo ammaa lixa magaalaa Gaazaatti qubsuma haaraa eegaluuf lafa haxaawaa akka jiran miidiyaaleen naannawa sanaa gabaasaniiru.
Humni waraanaa kun jiraattoonni magaalaa Gaazaa gadhiisuun gara kibbaa fi giddugaleessatti akka godaanan dirqamsiisaa jiru.
Hanga ammaa Filisxeemonni kuma 250 ta'an qe'eesaanii gadhiisanii godaananiiru jedhe humni waraanaa Israa'el.
Kumaatamaan kan lakkaa'aman ammallee achuma jiru.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Maarkoo Ruubiyoo fi Neetaaniyaahuun wayita Korri Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii torbee dhufu keessa taa'amuuf jedhutti walargan.
Kora kanarratti biyyoonni michuu US fi Israa'el ta'an kanneen akka UK, Faransaay, Kanaadaa, Awustiraaliyaa fi Beeljiyem beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf jiru.
Beekamtiin biyyummaa Filisxeemiif kennamuuf jedhu kun fedhii fi karoora Israa'el West Baank irratti qabdu qoreera, Israa'elitti gaaffii guddaa ta'eera.
Gartuuwwan mootummaa Israa'el hedduun West Baank kutachuun biyyummaa Filisxeemitti gufuu ta'uu irratti cichanii hojjetaa jiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''Filisxeem akka biyya hin taane waadaa seenne galmaan geenya,'' jechuun dhaadatan.
Jalqaba ji'a kanaa Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaalel Simootirich wixinee karooraa qaama West Baank harka afur shanaffaa qabachuu irratti qabatan ibsaniiru.
Israa'el bara waraana Baha Giddugaleessaa, 1967, booda West Baank keessatti qubsuma 160 ijaaruun Yahuudota kuma 700 ta'an qubsiistee jirti.
Fililsxeemonni miiliyoona 3.3 ta'an Yahuudota kunneen waliin jiraatu.
Akka seera idiladdunyaatti quubsumni Israa'el kun seeraan ala.
















