Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammii Kaataar Sheikh Jassim fi dhaabbanni Ineos, Maanchister Yuunaayitid bituuf gatii isaanii jalqabaa dhiyeessan
Sheekh Jassim bin Hamad Al -Tani, kan amma hogganaa baankii guddicha Kaataar tahan faawundeeshiniin isaanii Maanchister Yuunaayitid bituuf akka gatii dhiyeesse ibsan.
BBC Ispoortiin ammoo dhaabbanni Ineos, kan abbaa qabeenyummaan isaa lammii UK Sir Jiim Raatkilif tahe, Jimaata halkan walakkaa dursee gatii kilabicha ittiin bituu barbaadu dhiyeessuu hubateera.
Biiliyenera kan tahan raatkiliif kilaba ijoollummaa isaanii irraa jalqabuun deeggaraa guddatan bituu akka barbaadan kana duras mirkaneessaniiru.
Maatiin Gileezer Maanchister Yuunaayitid bara 2005 bitachuun erga gaggeessaa turanii amma filannoo biraa ilaaluuf jecha gurguruu akka barbaadan himaniiru.
Sheek Jaasim karaa dhaabbata isaanii dhiyeessan ''kilebicha gara ulfina isaa duraaniitti deebisuuf'' jedhe.
"Gatiin isaan amma dhiyeessan liqaa irraa bilisa kan tahe yoo tahu, kan kaffalamus karaa faawondeeshinii Nine Two jedhamu raawwata. Gidduugala shaakalaa, ijaarsa istaadiyeemii, bu'uuraalee misoomaa bal'aa tahe, deeggartootaa fi hawwaasa kilabichaa irratti investi gochuu akka barbaadu ibsaniiru.
''Mul'atni caalbaasichaas Maanchister Yuunaayitidiin gahumsa kubba miilaan akka irra deebiin haaromu gochuufi adunyaa irra kilaba guddaa gochuufi.''
Dhaabbanni Ineos ammoo ammatti ibsa hin baasne. Garuu lammiin Briitish Raatkiliif kilabichaaf eegumsa kan godhuu fi Maanchisteriin gara ulfina isaa duraatti nan deebisa jedhe.
Abbaan qabeenyaa Ineos lammii Biriitish Raatkiliif yoo tahan ispoortii irratti investi gochuun beekamu. Faransaay keessaa kilabni Nice jedhamu kan isaaniiti. Akkasumas kilabni Iswizerlaandi Luusaanee jedhamus kanuma isaaniiti.
Ienos garee Mercedes Formula 1 jedhamu waliinis michummaa qaba. Akkasumas kilaba saayikiliin beekamu Biriitenitti kan argamu Team Sky jedhamu bara 2019 bitatan.
Umurii isaanii guutuu Maanchisteriin deeggaraa kan jiraatan Sheek Jaasim ilma ministera muummee duraanii Kaataariiti.
Caalbaasiiisaan kilabicha bituuf dhiyeessan meeqa akka tahe ifatti hin ibsamne.
Dabalataan dhaabbileen lama tokko Ameerikaa irraa kan biraa Sawud Arabiyaa irraa Maanchisteriin bituuf gatii isanaii ni dhiyeessuu jedhamee eegama.
Pirezidaantiin PSG Naaser al -Kelaafii karaa kaataar bittaa dhiyaatuuf shoora olaanaa nama bahatan tahuu malu jedhama. Garuu kallattiin dhimma kilabichaa keessa hin galan.
Dhaabbanni Kaatar Ispoortis Investimenti jedhamu kan Al-Kelaafiin hogganan piriimer Liigii keessaa qooda wayii bitachuu barbaadu garuu seera Uefa kilaba baay'ee dhaabbanni tokko qabaachuu dhorkuun daangeffaman.