Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoota Yunvarsitii MIT Ameerikaarraa dhufanii dargaggoota Itoophiyaa ‘AI’ barsiisan
Yowaanaa Tururaa Yunivarsitii addunyaarratti beekamaa ta’e Massachusetts Technology Institute’tti barattuu hubannoo nam-tochee (Artificial Intelligence/AI)’ti.
Yowaanaan dhiheenya kana karaa sagantaa Dhaloota Ifaa (Brighter Generation) jedhamuutiin gara Itoophiyaa dhufuun barattoota Itoophiyaatiif leenjii kennan keessaa tokko.
Isheeniifi lammiilee Itoophiyaa gara biraa MIT barataa jiran yeroo darbe barattoota sadarkaa lammaaffaa Fifinneefi naannawaashee irraa dhufaniif barnoota kennaniiru.
‘‘Barattootaaf waa’ee Paayitaniig Pirograaming irratti leenjii kennaa jirra’’ jetti Yowaanaan.
Yowaanaafi hiriyoonni ishee leenjii Amajji 16- Bitooteessa 4 turu qopheessanii dhufan.
Barattoonni boqonnaa yeroo Gannaasaaniitti fayydamuun, kan ofiisaanitiif baratan guudattoota ykn ol adeemtoota lammiilee Itoophiyaatiif qooduuf Ameerikaarraa gara Itoophiyaa imalan.
Dhaloota Ifaa (Brighter Generation)
Brighter Generation kan hawaasa diyaasporaatiin hundeeffameefi dhaloota egeree Itoophiyaa gabbisuuf sagantaa leenjii kennudha.
Hundeessitoonni sagantichaas qorataa Naasaa kan ta’e saayintist Dr Birhaanuu Bulchaa fi Dr Tsaggaa Salamooniidha.
Saayintistoonni lamaan Muddee 2021 gara Kaaba Itoophiyaatti imaluun waan hubataniin kakka’umsa ummachuun, sagantaa kana akka hundeessan dubbatu Dr Birhaanuu Bulchaa.
‘‘Nuti maal gochuu dandeenya jennee akka gaaffanu nu taasise. Gumaachi keenya baayyee deemuu baatulleen, warra kaan hirmaachisuu qabna jechuun eegalle.’’
Lammiileen Itoophiyaa addunyaa mararratti argaman biyyasaanii deeggaruu barbaadu kan jedhan Dr Birhaanuun, haata’u malee maallaqa erguu bira darbuun deeggarsa kana fakkaatu gochuudhaaf filannoowwan akka hin jirre dubbatu.
Qorataan Naasaa kun akka jedhaniitti, dhaloota lammaffaa (eScond Generation) kan jedhamaniif Itoophiyaanoti biyya alaatti dhalatan deeggarsa dhunfaasaanii taasisuuf qophiidha.
Haata’u malee, kun akka ta‘uuf filmaatawwan qopheessuun akka barbaachisu himu. ‘‘Waltajjiin diyaasipooraan ittiin dhaloota ittaanu ittiin gargaaru mijataa miti,’’ jedhan.
Sagantaan Brighter Generation filamaata leenjii lama kan hammateedha. Innis leenjii karaa viidiyootiin alaalarraa kennamuufi kan qaamaan kennamuudha.
Leenjiin karaa viidiyootiin fageenya irraa kenamus mana namnni addunyaa kamuu ta’un kan barattoota Itoophiyaatti argaman ittiin barsiisudha.
“Haaluma waliigaltee Itiyoo-Telekoom waliin irra geenyeen biroodibaandii kampaanichi nuuf dhiyeesseetti fayyadamuun barsiifna."
Sagantaan leenjii lammaffaan ammoo qaamaan argamun kan kennamu yoo ta’u, Yowaanaa fi hiriyooonishees karaa sagantaa kanaatiin Finfinneetti argamuun leenjii kennuu eegalan.
Afaan Kompitaraa
Yowaan yeroo gara itoophiyaa dhuftu kann yeroo jalqabaa isheeti.
‘‘Yeroo baayyee gammachisaan dabarse. Jireenyi asi jiru kann bakka itti guddadheetiin adda. Baayyee nama gammachisa.‘‘
Yoowaan barattoota manneen barnootaa adda addaa irra filatamaniif afaan kompitaraa paayitan jedhamu barsiifte.
‘‘Kan barsiifne afaan kompitaraati. Afaan komitaraatti fayyadamuun attamiinrakkoon akka furamu gochaan barsiifneen.’‘
Yuuwaan guddattoonni kunneen beekumsa nama barnootaatti argatan gara gochaatti geedaruuf filannoowwan hedduu akka hin qabne hubattee jirti.
Afaan komitaraa barsiisuun salphaa ta‘u baatulleen, barattoonni guyyaadhaa gara guyyaatti fooyya’insa cimaa agarsiisuu dubbatti.
Yuuwaan fi hiriyyoonni ishee afaan kompitaraatiin alattis ogummaawwan kompitaraa biraas barsiisaniiru.
‘‘Attamiin pirojaktiidhaaf karoora ‘proposal’ barreeffamuun danda’ama? Attamiin namoota kaan waliin komunikeetii gochuun danda’ama? Attamiin naamusa hojii gabbifatama? Attamiin rakkoof furmaata barbaaduun danda’ama? Kann jedhaniifi kaan irratti barsiisaniiru.
“Barnoonni isaan barsiifnu isaaniif qofaa osoo hin taanee hawaasa isaanitifis kann fayyadu akka ta’u barbaadna‘‘ kann jettu Yuuwaan, barattoonnis haalli isaani itti barnooticha fudhatan gaarii ta’u himti.
Dr Birhaanuun sagantaan kun lammiileen Itoophiyaa koolleejjii baratan gara itoophiyaa dhufuun leenjii kennu qofa osoo hin taane, waa’ee biyyasaanirratti beekumsa argachuun akka deebii’an akka ta’uf hawwii qabu.
Barattoonni 130 Finfinnee keessaa filatamanis Ammajjii 16- Bitooteessa 4tti leenjii’aa turan.
Karoota fuulduraa
Barattoonni Ameerikaarraa gara Itoophiyaa dhufuun barattoota Itoophiyaatiif leenjii kennan kunneen yeroo boqonnaasaaniitti fayyadamuu akka ta’e dubbatu.
‘‘Yeroo baayyee gabaabaa ta’e qabu. Biyya keenya tajaajilla jedhanii wayita dhufan, dhalattoonni Itoophiyaas isaan irraa biyya tajaajilu baratu jennee amanna,’’ jedhu.
Leenjicha qopheessuuf qophiin baatii afur kan taasifame yoo ta’u, tokkoo tokkoo barattootaatiif af-gaaffiin taasifamuu kan filaman ta’uu dubbatu saayintistiin kun.
“Barattoonni filanne kan kutaa 11ffaa fi 12ffaa baratanidha. Yunivarsitiidhaaf qophaa’aa jiru. Tokko tokko tarii fedhiisaanii beekuu dhiisuu danda’u ta’a. Barattoonni MIT muuxaanoosaanii yoo qoodaniif barnoota bira darbuun kaka’umsa akka itti umuu amantaan qaba.’’
Yowaanan barattoonni diyaasporaa hedduun leenjii walfakkaataa guddattootaaf kennuuf fedhii akka qaban dubbatti.
‘‘Sagantaan kun caalaatti guddachuun waggoota ittaananiitti akka leenjiwwan garaa garaa hammatuuf barbaadna,’’ jetti.
Barattoonni baayyeen manasaanii keessatti karaa intarneetiin ykn dhiyeessitiin kompitaraa osoo hin qabaanne waa’ee Kompiitar Pirogiraaming barachuun salphaa akka hin taane dubbatti.
‘‘Gara fuulduraatti yoo nuuf milkaa’e, dhufne wiirtuu tajaajilawwan itti argatan uumuu barbaadna.’’
Dr Biraanuu Bulchaa ittaanee Haarvaard, Istaamfordiifi yunivarsiiwwan gurguddaa biraa irraa walitti fiduun, barattoota Itoophiyaa gara biyyaatti dhufanii akka barsiisan akka taasifamutti sagantaan akka qophaa’u himan.
Hundeessaan sagantaa Bright Generation sagantaa isaanii ittaanuun, leenjii karaa viidiyootiin Ganna dhufaatti Itoophiyaa eegalamu akka ta’e dubbatan.
‘‘Kanaan dura Finfinnee, Gondar, Affaar, Jigjiggaa, Dirre Dhawaa, Dabra Birhaan…waliigalatti giddugalawwan sagal irratti leenjii karaa viidiyootiin (virtual) kennineera. Yeroo ittaanuutti ammoo, kun gara gidduugalawwan 50 ykn 60tti bal’isuun, Adooleessaa hanga Onkolooleessatti leenjii kennuuf qophii ni eegala.’’