Kooriyaan Kaabaa wagga jaha keessatti maaraatoonii addunyaa jalqabaa gaggeessite

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa waggoota jaha keessatti yeroo jalqabaaf Maraatoonii Idil-addunyaa Piyoongiyaang gaggeessitee. Kanaanis hirmaattoota biyya alaa gara 200 ta'an daandii magaalaa guddoo biyyattii kanaa irratti simatteetti.
Maraatooniin bara 1981 eegalame kunis waggaa waggaan ji'a Eblaa keessa kan gaggeeffamu yoo ta'u, guyyaa dhaloota hogganaa hundeessaa biyyattii kan Kim Il Sung kabajuuf ture.
Maraatoonii Dilbata darbeetiin dura dorgommiin kun yeroo dhumaatiif bara 2019tti kan gaggeeffame yoo ta'u, lammiileen biyya alaa 950 irratti hirmaatanii ture. Kooriyaan Kaabaa waggaa itti aanutti, weerarri Covid-19 mudachuu horoofee karra cufte.
Kooriyaan Kaabaa ergasii booda deebistee biyyattii banuuf harkifataa kan turte yoo ta'u, bara darberraa eegalee turistoonni Raashiyaa qofti magaalaa guddoo ishee akka seenan hayyamteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni akkuma waan yeroo weerara vaayirasii koronaa dura tureettu, qaama garee daawwannaa qindaa'ee ta'uudhaan gara biyyattii seenuun dirqama ture.
Dhaabbanni imala Beejiing keessatti argamu 'Koryo Tours' jedhamu kan marsariitii sagantichaa irratti "michuu addaa" jedhamee ka'ame, balalii gara Beejiingii dhaquu fi Beejiing irraa deebii'uu dabalatee, daawwannaa maaraatoonii guyyoota jahaatiif Yuuroo 2,195 (Doolaara 2,406)n dhiyeessa.
"Maaraatoonii Piyoongiyaang namoota biyyattii waliin walqunnamuuf carraa waan kennuuf muuxannoo garmalee adda ta'e kenna," jechuun ejensichi marsariitii isaa irratti barreesse.
Maraatooniin daandii irraa kaleessa gaggeefame kunis hirmaattota karaa istaadiyeemii Kim Il Sung, 'Arch of Triumph' kan Kim Il Sung bulchiinsa Jaappaan mormuuf gahee qabu yaadachuuf ijaaramee fi daandii 'Mirae Future Scientists' Street' kan naannoo mana jireenyaa saayintistootaa fi injinarootaa ta'uu himame dabalatee, mallattoolee magaalattii keessa jiran biraan qaxxamure.
Suuraaleen toora interneetii irratti mul'atanis istaadiyeemii bakka atileetoonni fiigicha irraa jalqabaniifi itti xumurani, kan daawwattootaan guutame yoo ta'u, namoonni istaadiyemicha keessa turan baayyeenis gammachuun alaabaa waraqaa halluu warqee qabu mirmirsaa mul'atu.
Atileetiin Kooriyaa Kaabaa, Paak Kum Dong dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himanitti: "Ijji ummanni keenya narra waan jiruuf dadhabbii natti dhaga'amu hundatti akkan dandamadhu na gargaareera."
Bu'aa dorgommiichaa irratti odeeffannoon ummataaf ifa ta'e omtuu hin jiru.
Kooriyaan Kaabaa uggurawwan Covid-19 salphisaa adeemuu walakkeessa bara 2023 ibsitee turte.
Ji'a Guraandhalaa keessa turistoonni warra lixaa muraasni magaalaa fagoo, bahaa Raason jedhamtutti akka seenan kan hayyame yoo ta'u, torban muraasa booda garuu daawwannaawwan biyya seenuu addaan kute.












