Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee marii mootummaa federaalaafi TPLF abdatamaa jiru hanga ammaa maal beekna?
Mootummaan Itoophiyaa koree nama torba qabu hundeessun humnoota Tigraay wajjin akka mariyachuuf jiru ibsee jira. Mariin kun waraanni qaamota lamaan gidduutti ji’oota 19f deemaa ture karaa nagaatin goolabama abdii jedhu uumee jira.
Ministirri Muummee Abiy Ahmed (PhD) Waxabajjii 14 paarlaamaa irratti haasaa taasisaniin Muummee Ministiraa Itti aanaa kan ta’an Obbo Dammaqaa Makonnin koree Adda Bilisa Baasaa Tigraay wajjin mariyatu akka hoogganu dubbatanii turan.
Miseensonni koree kanaa kan biroo Geediyoon Ximotewos (PhD), Tamasgeen Xirunaa, Ambasaaddar Reedwaan Huseen, Letinaant Generaal Birhaanuu Baqqalaa, Getaachoo Jambar (PhD) fi Ambasaaddar Hasan Abdulqadir fa’i.
Waraanni lubbuu heddu galaafatee, dhiiga dhangalaase nageenya biyyattii goole karaa nagaatin furamuufi oduun jedhu namoota heddu biratti simatamus itti bahi isaa ammayyuu soda hedduun kan marfameedha.
Maddi dippiloomaasii amanamaan tokko, “dhuguma torbanoota muraasa darban keessatti mallattoolee nagaaf carraa kennuu agarsiisan gaarii ta’antu ture. Qaamoleen kunneen murtee isaanii kabajanii garaagarummaa siyaasaa qaban karaa nagaa akka fixatan abdii qabna” jechuun BBCtti himan.
Jaarsi araaraa marii nagaa kanaa eenyudha?
Mootummaan Itoophiyaa mariif kan taa’u jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin yoo ta’e jechuun ibse. Kuni ammoo TPLFf waan liqimfamu hin fakkaatu, sababni isaa TPLF tattaaffii Gamtaan Afrikaa taasisaa ture qeequn pireezidantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa naaf wayya jechaa ture.
Bara 2021 kaasee waraana Tigraayitti deemsifamaa ture dhaabsisuuf Gamtaan Afrikaa karaa pireezidantii Naayijeeriyaa duraanii Oluseegun Obasaanjotiin yaalii gochaa ture.
Obasaanjon yeroo heddu Finfinnee fi Maqalee gidduu erga deddeebi’aniin booda walii galtee waraana dhaabuu namoomaa Bitootessa keessa taasifame akka milkaa’u taasisanii turan.
Uhuuruu Keeniyaatan gama isaanitiin qilleensi nagaa Itoophiyaatti akka deebi’uuf US, EU fi Saa’udii Arabiyaan deeggaramuun tattaaffii guddaa taasisaa turan.
Pireezidant Uhuuruun Ministira Muummee Abiy Ahmad si’a heddu Naayiroobitti simachuun waraanni karaa nagaatin akka xumuramuuf itti wawwaachaa turan.
Dubbii himaan TPLF Getaachoo Raddaa Obasaanjon “michuu Abiy Ahmadii” jechuun komatanii jaarsummaaf mootummaa Keeniyaa akka amanan dubbatanii ture.
TPLF Taanzaaniyaa irraas amantaa akka qabu ibsullee, maddoonni akka jedhanitti gaheen Tanzaaniyaa bakka mariin itti gaggeeffamu haala mijeessuu qofa.
‘Crisis Group’ tti qorataa kan ta’e Wiiliyaam Deevisan akka jedhutti fedhiin TPLF Keeniyaan marii akka hoggantuu fi adeemsawwan wal-fakkaatoon biraa akka hin adeemsifamne of-eeggannoo gochuudha.
"Yeroo mariif qophaa’an kanatti adeemsi marii Obasaanjo fi Keeniyaadhan durfamu wal-faana hojjachuu qaba. Lamaan isaanii gidduu dorgommiin uumamnaan balaa guddaadhaf balbala bana…” jedha Wiiliyaam.
Marii keessatti wantoonni falmisiison maalidha?
Qaamolee lamaan waraana irra turan gara mariitti fidanii lammiilee Tigraay miliyeenan uggura jala jiraniiif boqonnaa laachutti dabalataan, marii kana keessatti dhimmoonni ijoon lammiilee biyyattii yeroo dheeradhaaf gargar dhiibaa dhufanis qabxii marii ta'u jedhamee eegama.
Qabxiilee falmii marichaa ta’u jedhamanii eegaman keessaa inni angafni dhimmaa abbummaa lixa Tigraayidha. Naannon kun nannoo qabeenya uumamaan badhaadhe fi hanga lolli kun jalqabutti Tigraay jala tureedha.
Amma Naannoon Amaaraa abbummaan isaa kan kooti jechaa jira. Abbummaa naannoo falmii kaase kanaa ‘seera qabeessummaan’ naannoo Amaaraa jala galchuuf hojiin akka jalqabamee ture pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Yiliqaal Kaafiyaale ibsanii turan.
Mootummaan itoophiyaa gama isaatin marii kana irratti fedhii biyyoolessaa tokko iyyuu mariif akka hin dhiyeessine kakatee jira.
Wal-amanuu dhabuun qaama lamaan gidduu jiru “adeemsa marii rakkisaa” taasisuu danda’a jechuun Deevisan akeekkachiisa.
Gaheen Eertiraa maalidha?
Biyyi ollaa Eertiraan yeroo lolaa sana mootummaa Itoophiyaa irra goruun loltoota ishee TPLF irratti bobbaastee waraanicha keessatti gahee guddaa taphatteerti.
Mariin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti godhamu Eertiraatti toluu dhiisuu mala. Jibbi guddaan Isaayyaas Afawarqii fi hoggantoota TPLF gidduu bara dheeraf ture marii kanaaf gufuu ta’a jedhamee eegama.
Akka Wiiliyaam Deevisan jedhutti qaamolee biroo kanneen akka Naannoo Amaaraa, Affaar fi mootummaa Eertiraa marii kanaaf fedhii gaarii hin agarsiisan yoo ta’e mariin godhamuuf jiru danqamuu mala jechuun yaaddoo qabu ibsa Wiiliyaam.