Haleellaa konkolaataa Jarman gabaa ayyaanaa irratti raawwateen namoonni du'an

Magdeburgi bakka haleellichi itti raawwatame

Madda suuraa, Getty Images

Baha Jarman, magaalaa Magdeburgi keessatti gabaa ayyaana Gannaa(Christmas) irratti konkolaataan namoota hedduu walitti qabame keessa bahuun daa'ima dabalatee namoonni lama du'uu fi hedduun miidhamuu qondaaltonni himaniiru.

Qondaaltonni akka jedhanitti namoonni 68 madaa'uu isaanii fi isaan keessaa 15 haala hamaadhaan kan miidhaman ta'uu himaniiru.

Ministeerri kutaa biyyaa Saxony-Anhalt, Rainer Haselof bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamuun akka gaazexeessitootaaf ibsanitti, shakkamaan qabame kun lammii Sa'udii ganna 50 yoo ta'u, bara 2006 gara Jarman dhaquun doktora ta'ee hojjechaa ture.

Qorannoo duraatiin namni haleellicha raawwate garee kam waliinuu hidhata kan hin qabne kan agarsiisu yoo ta'u, baay'ina namoota miidhamaniin lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'ullee dubbataniiru.

Ka'umsi nama haleellaa raawwate jedhame kanaa ifa miti, akkasumas garee finxaaleyyii kamuu waliin walitti dhufeenya ifaa ta'e hin qabu.

Viidiyoon bakka sanarraa argame akka mul'isutti wayita konkolaattonni balaa tasaa achi gahan namoonni hedduun Kukufanii laf ciciisaa turan.

Viidiyoon hin mirkanoofne miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame tokkos konkolaataan tokko bakka gabaa namootni walitti tuuta'anii jiran irra babbahuu agarsiisa.

Dubbi himaan magaalaa Magdeburgi akka jedhanitti hospitaalonni naannoo sana jiran hundi ''taatee miidhaa baay'ee namarra ga'uuf'' wal'aanuuf qophaa'aa akka jiran himaniiru

Qondaaltonni magaalattii akka jedhanitti, namoonni ibidda dhaamsan gara 100 fi hojjettoonni tajaajila baraarsaa 50 bakka balaan kun itti dhaqqabe jiru.

hojjettoota tajaajila lubbuu baraarsaa bakka haleellaan sun rawwatametti argaman

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chaansilarri Jarman Olaf Scholzi gabaasaaleen Magdeburgi irraa dhufan ''waan hamaa akka sodaannu nu taasisa'' jedhan.

Itti dabaluudhaanis: "Yaadni koo namoota miidhamanii fi maatii isaanii,namoota isaan jaallatan waliin jira. Isaanis ta'e jiraattota Magdeburgi hunda waliin dhaabbanna. haala rakkisaa kana keessatti tajaajila hatattamaa kanneen gootan hundi galatoomaa." jedhan.

Gaaffii fi deebii gaazexaa Jarmanii Bild jedhamu waliin taasifteen, Naadiin hiriyyaa ishee Maarkoo waliin gabaa ayyaana Gannaa irra osoo jirtuu konkolaataan saffisaan gara isaaniitti ddhufuu himte

Dargaggeettin ganna 32 kun gaazexaa kanaaf akka himtetti halli konkolatichi itti isan irra bahee oole fi namarra bahaa ture hedduu Sodaachisaa ture." Namootni dhiigaa akka turanis himte

Gareen kubbaa miilaa Magdeburg yeroo taatee kun mudatu Fortuna Dusseldorf waliin taphachaa ture.

Tapha booda taphattoonni garee kanaa deeggartoota isaanii fuulduratti sarara tokko qabatanii tokkummaan deeggarsa isaanii ibsaniiru.

Ibsi kilabichaa akka jedhetti: "Yaadni keenya namoota taateewwan suukaneessaa fi Gabaa Ayyaana Qillee Magdeburgiin miidhaman waliin jira."

Gama biraatiin Baayermuunik fi RB Laayipzig gidduuttis daqiiqaa tokkoof gaddi taasifameera

Taatee Jimaata darbe kun yeroo jalqabaaf namoonni gabaa ayyaana Gannaa Jarmanii irratti haleellaa raawwatan miti.

Bara 2016 lammii Tuuniziyaa Anis Amri Jarmanitti koolu galtummaa dhorkamee fi garee Islaamummaa (IS) waliin hidhata kan qabu, magaalaa Barliin keessatti gabaa keessatti konkolaataa fe'umsaa bakka namootni tuuta'anitti oofuun namoota 12 ajjeesee 49 ammoo madeesse. .

Waggaa lama booda namni qawwee hidhate tokko gabaa ayyaana Gannaa baha Faransaay magaalaa Istiraasbargitti argamutti dhukaasa banuun namoota shan ajjeesee 11 ammoo madeesse. Namni qawwee hidhate kun guyyaa lama booda poolisiin rasaasaan ajjeefame ture

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon taatee Magdeburgi keessatti mudate hordofuun biyyi isaanii ''rakkina ummata Jarmanii qooddatti, tumsa guutuu ishees ibsiti'' jedhan.