Jarman meeshaa waraanaa Israa'eliif dhiyeessuusheetiif himanni duguuggaa sanyii irratti dhiyaate

Madda suuraa, Reuters
Jaraman dhiyeessii meeshaa waraanaa Israa'eliif taasiftu akka dhaabsisuuf Nikaraaguwaan Mana-murtii Olaanaa UNtti himata bante.
Jarman meeshaalee waraanaa Israa'elitti erguun seera konveenshinii duguuggaa sanyii UN cabsiteetti jechuuni Nikaraaguwaan Jarman irratti himata bante.
Biyyattiin himannaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti irratti dhiyaate balaaleffachuun deebii gahaa kennun qaba jechuun kaleessa Ebla, 8 beeksifte.
Bara 2023tti Israa'el bittaa meeshaa waraanaa gaggeessite keessaa dhibbeentaa 30 Jarman irraa bitte. Kunis maallaqaan dolaara miliyeena 326tti herreegama.
Himannaan "duguuggaa sanyii" Gaazatti gaggeeffamu dhiyeessii meeshaa waraanan deeggaraa jirti jechuun Jarman irratti dhiyaate kun Israa'el meeshaa waraanaa Jarman irraa argattuun Gaazatti namoota nagaa ajjeesaa jirtu kan jedhuuni.
Ji'a Amajjii keessas Afrikaan Kibbaa himannaa duguuggaa sanyii Israa'el irratti bantee turte. Abbootin alangaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaas Israa'el gochaa duguuggaa sanyii hambisuuf "of-eeggannoo barbaachisu hundumaa akka taasistu" jechuun ajajee ture.
Akkasumas manni murtichaa Hamaas lamiilee Israa'el butee harkaa qabu akka deebisu ajaja kennee ture.
Gaazatti waraanni erga eegalee namoonni 33,000 haleellaa Israa'el gaggeessituun ajjeefamuutu himama.
Nikaraaguwaan himannaa banteen Jarman Israa'elif meeshaa waraanaa dhiyeessiti jette. Himannaa kana keessatti Jarman bara 2023tti dhiyeessin meeshaa waraanaa Israa'elif taasifte kan bara 2022tin wal-bira qabamee yoo ilaalamu dachaa heddu ta'a.
Jarman meeshaalee sirna ittisaa haleellaa qilleensarraafi kan qunnamtii fa'aa Israa'eliif dhiyeessun beekamti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas Jarman biyyoota lixaa 15 fandii deeggarsa namoomaa UNtti Ejansii Baqattoota Filisxeem (UNRWA) taasifamaa ture addaan kutan keessaa tokkoodha.
Kunis hojjattoota deeggarsa namoomaa kana keessaa muraasni isaanii haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti hirmaate irratti hirmaataniiru kan jedhuun addaan cite.
Himanni Nikaraguwaan dhiyeessite akka jedhutti Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa Barliin dhiyeessii meeshaalee waraanaa Israa'elif taasistu akka dhaabsisuufi fandii deeggarsa namoomaa Ejansii Baqattoota Filisxeemif godhamu addaan kutte akka itti fuftu ajajuu qaba kan jedhuudha.
"Jarman duguuggaa sanyiif haala mijeessaa jirti, akkasumas duguuggan sanyii akka hin gaggeeffamne ittisuuf itti gaafatamummaashee bahataa hin jirtu," jedha imanni Nikaraaguwaan dhiyeessite.
Jarman gamasheen himannaan Nikaraaguwaan narratti dhiyeessite bu'uura kan hin qabneedha jechuun waakkatte.
Kanneen Nikaraaguwaa qeeqan ammoo biyyattiin ofiifuu sarbama mirga namaa heddu osoo raawwatuu biyya biraa himatti jedhu.
Mootummaan Nikaraaguwaa Pirezidaant Daani'eel Orteegan hogganamu, namoota siyaasafi mormitoota heddu hidhee hiriirri akka hin gaggeeffamneef dhorkaa kaa'e jechuun hamatama.












