Waraana Gaazaa baatii jaha guute lakkoofsaan yoo ibsamu

Namoota yaaddoo keessa jiran

Madda suuraa, Reuters

Waraanni Israa'eliifi Hamaas erga eegalee ji'i jaha guutera. Ji'oota jahan darban kanneen keessattis badiiwwan labbuufi qabeenyaa hedduun mudateera.

Manni maree nageenya Biyyoota Gamtoomanii baatii darbe keessa Gaazaatti ‘‘atattamaan dhukaasni dhaabbatee haal-duree tokko malee namoonni butataman akka gadi dhiifamaniif’’ gaafatee ture.

Haata’u malee, haleellaan boombii raawwatamaa jiruu hir’ataa hin jiru. Akkasumas baayyiinni lakkoofsa namoota ajjeeffamaniifi miidhaa qaamaatiif saaxilamanis baayyataa jira.

Bu’uraaleen misoomaa Gaazaa keessatti argaman waraanichaan barbada’aaniiru. Jiraattoonni Gaazaas kaaba irraa gara kibbaa magaala Faaraah akka baqatan dirqiisiifamaniiru. Kunis balaan beelaa akka isaan mudatuuf taasisuu gabaasni Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu akeekkachiiseera.

Waraanichis halleellaa cimaa gareen Hamaas Onkololeessa 7 kibba Israa’el irratti raawwate hordofee ture. Haleellaa sanaanis namoonni 1,200 ol ajjeeffamu Israa’el beeksiifte jirti.

Ameerikaa, UK fi Gamtaan Awurooppaa garee Hamaasiin shororkeessaa jechuun farajaniiru.

Tibba haleellaa Hamaas raawwate sanattis namoonni 253 ta’an kan butaman yoo ta’u, kanneen 130 ta’an hanga ammaatti Gaazaa keessatti argamu jedhamee tilmaamama. Kanneen 34 ta’an ammoo ajjeeffamu akka hin ollee aanga’onni Israa’el ni dubbatu.

Onkololeessa 7 asi yoo xinnaate miseensoonni warana Israa’el 600 ajjeeffamaniiru. Kan 256 ta’anis erga duulli lafoo Gaazaa keessatti eegalameen boodadha.

Waraanichi erga eegalee hanga guyyaa 175ffaatti yoo xinnaate namoonni 32,623 ajjeefamaniiru. Kanneen kuma 75 ol ta’an ammoo miidhaaf saaxilamaniiru jechuun, Biyyoota Gamtoomaniitti Waajirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n kan beeksiise.

Akkasumas akka Ministeera Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin durfamuutti, hanga guyyaa 178tti yoo xinnaate namoonni 32,916 ajjeeffamaniiru. Isaan keessaayis irra caalaan dubartootaafi daa’imman.

Du'a Israa'elootaafi Filisxeemootaa

Gabaasa Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii baatii tokkoon dura baaseen, dubartoonni kuma sagaliitti siqan loltoota Israa’eliin Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru. Akka gabaasichaatti, reeffi hedduun jijjigaa jalaa waan hin bahiin hafeef lakkoofsi namoota ajjeeffamanii kanaa ol ta'uu mala jedhamee yaadama.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejansiin Daa’immanii (UNICEF) gamasaatiin erga waraanichi eegale as daa’imman kuma 13 ol Gaazaa keessatti ajjeeffamaniiru jedhe.

Namoonni siyaasaa kan akka pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan jiran tokko tokkoos, duraan lakkoofsa Ministeerri Fayyaa Gaazaatiin dhiyeessu dhugaa ta’usaarratti gaaffii kaasaa kan turan yoo ta’u, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gamasaatiin lakkoofsichi sirriidha jedheet amana.

Guyyaatti konkolataa meeqatu Gaazaa seene

Hir’ina nyaataa sukkanneessaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka beeksiiseetti yoo ta’e, ummataa miiliyoona 2.3 ol ta’u keessaa kanneen parsantaa 85 ta’an sababii waraanaa Gaazaa keessaatiin mana jireenyaasaanii gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.

Dhaabbanni sadarkaa beelaa safaruudhaan odeeffannoo kan baasu Rammaddii Sadarkaa Wabii Nyaata Qindaa’aa (IPC) jedhamu Gaazaatti beelli mudachuun akka hin hafne baatii darbe keessa akeekkachiiseera.

''Wabii nyaataa ilaalchisee Gaazaa keessatti ummanni wallakkaa ta'u (namoonni miliyoona 1.11) ta'an beelli haala cimaan isaan mudachu mala jedhamee eegama'' jedhe.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii odeeffannoo tilmaama sirriin hin taane akka qabate Israa'el ibsite jirti. Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii gargaarsa guyyaan dhufu raabsuu akka hin dandeenyelleen dabaluun kaaseera.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Israa'elitti Kutaan Qindeessaa Dhimmota Siviilii (Cogat) ''ulaa Keerem Shaalon irratti konkolaatawwan fe'umsaa gutummaa guutuun aanga'oota Israa'eliin sakkata'insii irratti taasifame dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa keessa dhaabbataniiru'' jedhe.

''Israa'el bu'aa gaddisiisaa waraanni ummata sivilii Gaazaa irraan gahu ni beekti'' jechuun, itti dabaluun himannaa Israa'el ta'e jettee ummata Gaazaa beeleessaa jirti jiru kuffiisaniiru.

Ulaa Gaazaatti geessuu saaquudhaanii fi hangi gargaarsi gara bulchiinsiichaa seenu akka saffiisuuf waamichi taasifamu dabaleera.

Akka gabaasa Biyyoota Gamtoomaniitti, waraanichaan dura guyyaatti yoo xinnaate konkolaattoota fe'umsaa 500tu Gaazaa seenaa ture.

Gaazaa keessatti gargaarsa olaanaa kan taasisuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejjansiin Baqattoota Filisxeem (UNRWA) akka jedheetti, Bitooteessa keessa jiddu galaan guyyaatti konkolaataan fe'umsaa 161 ni galu turan.

Israa'el gama sheetiin hamma gargaarsa namoomaa Gaazaa keessa seenuurratti daangaa homaatu hin goone jettee jirti.

Ajjeechaa gaazexessitootaafi hojjattoota gargaarsaa

Akka Federeshinii Gaazexessitoota Addunyaa (IFJ)tti gaazexeessitoonniifi oggeessoonni miidyaa Filisxeem 99, kan Israa'el afuriifi lammiileen Leebaanoon sadii ajjeeffamaniiru.

Akkasumas gaazeexessitoonni waraanaa Gaazaa gabaasaa turan 16 madaa'aniiru. Afur ammoo bakka buteensaanii dhabamuufi 25 hidhamu Koreen Ittisa Gaazexessitootaa (CPJ)n gabaaseera.

Du'a gaazexessitootaafi hojjattoota gargaarsa

Gaazexessitoonni Gaazaa irraa gabaasuu barbaadan seenuudhaaf waraana Israa'el waliin ta'uufi haal dureewwan waraanichaan labsaman guutuudhaaf yoo waliigalan qofaadha.

Kunis waraana Israa'el waliin turuufi odeessaalee baasuun dura gulaalii dursaatiif waliigalu dabalata.

Erga baatii Onkololeessaatiin as hojjattoonni gargaarsaa 196 ajjeefamaniiru jechuun, dhaabbanni miidhaa hojjattoota gargaarsaa irra gahan gurguddaa kan galmeessuu fi kan maallaqa Ameerikaatiin deeggaramu, Aid Worker Security Database beeksiiseera.

Waraana baatii jahaan dura eegalee kanaan kan ajjeeffaman irra caalaan hojjattoota gargaarsaa kunneenis hojjattoota dhaabbata UNRWA kan Gaazaatti hojii gargaarsaa guddaa hojjatuu turan.

Yaaddoo duula lafoo

Israa'el torbanoota duraa kaaftee Kibba Gaazaatti kan argamtu Raafaa keessatti duula lafoo akka eegaltu dorsiisaa turte.

Naannoon sunis ammatti Filisxeemoota miiliyoona 1.5 ta'an keessa jiraatu. Isaan keessaayis baayyeen saanii kanneen bakkeewwan biraa irraa buqqaafamuun achitti dahataniidha.

Yoo waraanni Israa'el hedduun darbee Raafaa seene, ''kan eegamuun ol'' badiin namoomaa qaqabuu akka danda'u aanga'oonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yaaddoosaanii ibsaniiru.

Namoota butamanii Gaazaatti argaman hiiksiisuudhaaf akka waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf akkasumas filannoon dursee akka gaggeeffamuuf dhiibbaawwan gaafatan Ministira Mummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahurratti cimeera.

Ummata Gaazaa wallakkaa Raafaa keessa jira

Erga waraanni ka'ee as hiriira nagaa farra mootummaa taasifame guddicha irratti lammiileen Israa'el kuma kudhaniin lakkaa'aman Yarusaaleemiitti bahanii ture.

Mormiitoonni kunneenis haala waraanichaarratti komiisaanii ibsachuun alatti, mootummaan namoota butaman hiiksiisuus ta'e baraaru dadhabusaa qeeqaniiru.