Raashiyaan akkamiin qondaala Jarman irratti yaalii ajjeechaa taasifte?

Madda suuraa, Reuters
Yaalii ajjeechaa Raashiyaan hogganaa dhaabbata Jarman meeshaa waraanaa oomishu irratti taasifte jedhuun Jarman akka malee mufachuu himte.
Armiin Paapperger hogganaa dhaabbata teeknoloojii guddicha Jarman meeshaa waraanaa oomishuu 'Rheinmetall' jedhamuuti.
Gabaasni CNN akka jedhutti Ameerikaan gita ishee Berlin jiran waa'ee yaalii ajjeechaa Raashiyaan karoorsitee jedhamee kana dursitee himuun eegumsi hogganaa kanaaf taasifamu cimsame.
Ministeerri dhimma biyya keessaa Jarman dhimma kana irratti yaada kennuu hin barbaane. Ministirri Dhimma Alaa Jarman, Analenaa Beerbook ammoo dhugaa tahuu mirkaneessan.
''Raashiyaan waraana wal makaa fi hamaa tahe gaggeessaa jirti'' jechuun kan dubbatte Analenaan waa'ee yaalii ajjeechichaas wal gahii Nato irratti mirkaneessiteetti.
Dubbii himaan Kiremliin Dimitirii Peeskoov garuu ni haalan.
Dhaabbanni Rheinmetall ibsa bal'aa kennuu hin barbaanne. Garuu Jarman keessatti hogganaan dhaabbatichaa Paapperger nama eegumsa guddaa fi adda tahe qabu tahuu barameera.
Faayinaanshal Taayimsitti akka himetti ammoo ''qondaalonni Jarman eegumsa akkaan jabaa tahe akkan argadhu taasisaniiru'' jedhe.
Kaampaaniin inni hogganu adunyaa irratti isa akkaan guddaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa tahan oomishudha.
Dabalataan kaampaanichi Yuukireeniif konkolaatota waraanaa ammayyaa, meeshaa waraanaa fi deeggarsa waraanaa kaan taasisa.
Dhiyeenya ammoo Yuukireen keessatti gidduugala suphaa taankotaa baneera. Ji'a darbe deeggarsa Yuukireeniif taasisu kana caalaa dabaluuf waliigaltee mallatteesseera.
Dabalataan waliin tahuun meeshaalee waraanaa oomishuuf waliigalaniiru.
Obbo Paaperger yeroo dhiyootti konkolaataa waraanaa loltootni lafoo fayyadaman 'Lynx ' jedhamu yeroo jalqabaaf Yuukireeniif akka kennan himan.
Dbalataan konkolaaticha Yuukireen keessatti oomishuu akka jalqabanis himaniiru.
Chaansilerri Jarman Olaaf Shoolzi waa'ee yaalii ajjeechaa jedhamee irratti yaada kennuu baatanis, karaa hedduu yaaddoo nageenyaa Raashiyaaf saaxilamneerra. Ija irra kaawwachuun hordofaa jirra jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Dhimma biyya Keessaa Naansii Faayizer ''yaaddoo nageenyaa Raashiyaan nurraan gahaa jirtuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hordofaa jirraa'' jette.
Torban darbe qondaalli NATO Raashiyaan Awurooppaa keessa ''oppireeshinii dhoksaa fi hamaa tahe gaggeessaa jirti'' jedhan.
Shira, yaalii ajjeechaa fi meeshaalee waraanaa fayyadamaa jirti jedhan.
Kun ammoo deeggarsa Yuukireeniif taasifamu dadhabsiisuuf jechuun himan.
Ministirri Dhimma Alaa Jarman biyyoonni Baaltik tooftaalee Vilaadmir Putin fayyadamaa jiran adda baasaniiru jette.
Isaan keessaa dhiibbaa gochuu, biyyoota ollaa keessa akka hin qubanne gochuu fa'aa akka tahe eeran.
"Haleellaawwan warshaalee irra gahan argineerra. Hamma danda'ametti nuyi biyyoonni Awurooppaa ofirraa qolachuu qabna. Wallaalaa tahuu hin qabnu'' jette.
Balaan abiddaa shiraan raawwachuu hin hafne jedhaman warshaalee gurguddaa Jarman, Poolaandii Lutaaniyaa keessatti mudataniiru.
Eebla darbe mooraa mana jireenyaa Paaperger keessatti balaan abiddaa mudate. Kun raashiyaa waliin wal qabachuun isaa beekamuu batus dafanii to'ataniiru.
Qondaalonni paartii warra konzervaatiiv Chaanselerri Jarman ifatti bahuun yaaddoo nageenyaa Raashiyaan dhaqabsiiftu hammam jabaa akka athe uumatatti beeksisuu qabu jedhan.
Tiki Jarmanii haalaan jabaachuu akka qabuu fi haga biyyoota ollaatti qindoominaan hojjechuu akka barbaadu himan.
''Waan kana cimsinee ilaaluun akka barbaachisaa isaatti of qopheessuu qabna'' jedhan.
Hogganaan koree humna ittisa biyyattii Maarkas Faaber, yoo yaalii ajjeechaa Raashiyaan taasifte jedhame dhugaa tahe kan itti aanu dippilomaatota achi jiran waamuudha. Itti aansuun ajaja to'annoo jala oolchuu idil-adunyaa tahe baasuudha jedhan.












