Juntaan Nijeer ambaasaaddarri Faransaayi sa'aa 48 keessatti biyyaa akka bahan ajaje

Hooggantoonni fonqolcha mootummaa Nijeer ambaasaaddarri Faransaayi sa'aatii 48 keessatti biyyattii dhiisee akka bahu ajaja dabarsan.

Hariiroon biyya lixa Afrikaa kanaafi Faransaayi haalaan hammaachaa dhufeera.

Juntaan aangoo biyyattii harkaa qabu, ambaasaaddar Siilviyaan Itee ministira dhimma alaa Nijeer wajjin walarguuf waamicha godhameef dide jedhan.

Biyyi koloniin Nijeer bulchaa turte Faransaayi gamasheen "jarri humnaan aangoo qabatan kun, aangoo biyyaa hari'uu hin qaban," jette.

Faransaayi fonqolcha mootummaa Adooleessa keessa raawwate cimsitee kan balaaleffattu ogguu tahu, Pireezidantiin aangoorraa gugsaman Mohaammad Baazum aangootti deebiyuu qabu jetti.

Ajajni gaafa Jimaataa kun, ministira dhimma alaa juntaan (qaama waraanaa aangoo biyyaa humnaan fudhate) muudameen dabre.

Oduun kun kan dhagahame ibsaafi mormiiwwan garagaraa Faransaayi balaaleffatan dhagahamuu hordofeeti.

Ministeerri haajaa alaa Faransaayi gamasaan, "waan jarri humnaan aangoo qabatan kun jedhan dhagahuu," ejensiin oduu AFPn gabaaseera.

"Qaamni humnaan aangoo qabatan kun ajaja kana dabarsuuf aangoo hin qaban. Ambaasaaddarichi kan simataman aanga'oota Nijeer seeraan muudamaniin qofa," jedhe ministeerri dhimma alaa.

Dureen juntaa Nijeer Jeneraal Abduraahmaan Chiyaanii, biyyasaanii waggaa sadii keessa hooggansa siiviiliitti deebisuuf torban dabre keessa himan.

Kana kan dubbatan kanneen jaarsummaan Ecowas irraa dhufan wajjin, magaalaa guddoo Niyaametti erga mari'atan booda ture. Ecowas gamtaa biyyoota Afrikaa Lixaatti argamaniiti.

Fonqolcha mootummaa kanaaf, yoo mariin furmaati hin argamu taanaan, gamtaan biyyootaa kun waraanaan gidduu seenuuf dhaadateera.

Hoogganaan juuntaa waan jedhe, Nijeer waraana hin barbaaddu. Tahus jiddu-galtummaan alaa kamuu jiraannaan, ofirraa qolachuuf duubatti hin deebitu jedhan.

Yaaliin biyyoonni ollaa taasisan kun biyyoota akka US fi Faransaayin kan deeggarame ogguu tahu, biyyoonni lamman kun Nijeer keessaa buufata waraanaa qabu.

Buufataaleen waraanaa kunniin, gareelee jihaadistootaa naannoo Saahel jedhamee beekamu keessa socho'an to'achuuf kan oolanidha.

Biyyoota ollaa Burkinaa Faasoo fi Maalii keessattis, dhiyeenya fonqolchi mootummaa raawwateera.

Dhiibbaan Raashiyaan naannawa Saahel keessa qabduus, gama garee Waagniirin dabalaa dhufeera.