Yukireen xiyyaara basaasaa Raashiyaa A-50 jedhamu ji'a keessatti yeroo lammataaf rukuttee buuste

Yukireen ji'a tokko keessatti xiyyaara basaasaa waraana Raashiyaa A-50 jedhamu yeroo lammataaf qilleensarratti rukuttee kuffisuu himte.

Maddeen waraana Yukireen akka ibsanitti xiyyaarri kun adda waraanaa irraa fageenya kiilomeetira 200 irratti bakka magaalota Rostov-on-Don fi Krasnodar gidduutti argamutti rukutamtee kufte.

Hojjettoonni tajaajila balaa tasaa naannawa sana turan naannawa Kaanviskooy jedhamutti caccabaa xiyyaarattii arguu fi abidda xiyyaarattiitti qabate dhaamsaa akka turan himan.

Raashiyaan taatee kanarratti hanga ammaa yaada kennite hin qabdu.

Raashiyaan erga weerara bal'aa Yukireen irratti eegalte Sambati har'aa (Guraandhala 24, 2024) waggaa lammaffaasaati.

Ajajaan humna qilleensaa Yukireen Miiykoollaa Ooleshtuuk Jimaata kaleessaa xiyyaara waraanaa kana rukutanii qilleensarraa buusuu keessatti qaamolee isaan tumsan fi basaastota humna waraanaa bira dhaabbatan galateeffatan.

Taateen kun sagantaa ayyaana humna waraanaa Raashiyaatiin walirra bu'uus ibsan.

Wayita taateen kun mudate viidiyoon waraabame xiyyaarattiin qilleensarratti erga rukutamtee booda abiddi itti qabachuun lafatti wayita kuftu agarsiisa.

Tajaajilli balaa yeroo tasaa Raashiyaa xiyyaarattiin kuftee abiddaan gubachuu malee taateen kun akkamiin akka mudate odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Gama kaaniin fuulli Telegiraamii waraana Raashiyaan hidhata qabu tokko xiyyaarattiin haleellaa ormaan osoo hin taane balaa michuudhuma isheen mudateen kuftee caccabuu ibse.

Fuulli Telegiraamii Fighterbomber jedhamu kun ''battala sanatti xiyyaara waraanaa kana maaltu akka rukute hin beekamne ture,'' jedhe.

Yukireen xiyyaara waraanaa Raashiyaa A-50 jedhamu kana kanaan duras jalqana Guraandhalaa irratti rukuttee qilleensarraa buusuu ibsitee turte.

Kan ammaa kun torbanoota keesatti yeroo lammataaf ta'uusaati.

Ministeerri Ittisaa UK bara darbe Raashiyaan xiyyaarota A-50 ja'a bobbaastee akka jirtu ibsee ture.

Xiyyaarri basaasaa waraana Raashiyaa A-50 jedhamu kun haala qilleensa keessa jiru to'achuun jeettonni waraanaa Raashiyaa qiyyaafannoosaanii akka rukutaniif haala mijeessa.

Xiyyaara kana tokkoonshee hojjechuuf doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu nama baasisa.