Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Gammachuun saal-qunnamtii kennaa Waaqayyooti’- Poop Firaansis
Phaaphaasiin mana amantaa Kaatolikii, Poop Firaansis gammachuun saalqunnamtii ''kennaa Waaqayyoo'' waan ta'eef ''obsaan safuu isaa eegamuu qaba'' jedhan.
Phaaphasiin kun poornoogiraafiin '' gammachuu otoo hariiroo jaalalaa sirrii ta'e hin qabaatiin argamuufi araadatti nama geessuu danda'uudha jechuun akeekkachiisan.
Phaaphaasichi Amajji 17, 2024 darbe kana Vaatikaanitti hawaasatti dhimma kana kallattiin dubbatan.
Haasaan kun qaama lallaba hammeenyaafi qajeelummaa ilaallatu yoo ta'u, kan Phaaphaasichi "jinnii fedhii saalqunnamtii" jedhanii ibsanirratti kan fuulleffate ture.
Phaaphaasichi fedhiin saalqunnamtii daangaa darbe ''hariiroo namoota gidduu jiru balleessa'' jechuun, haleellaa saalaa oduu guyyaa guyyaa ta’e jedhan akka fakkeenyaatti eeran.
"Hariiroon jaalalaa haala gaariin jalqabe meeqatu boodarra hariiroo hamtuutti geeddarama?" jedhanii gaaffii gaafatan.
Phaaphaasichi yaada kana kan kennan erga itti gaafatamaan barsiisa amantaa isaanii haaraan Kaardinaal Viktor Manu’eel Fernáandez kitaaba xumura bara 1990 keessa barreessaniifi maxxansaniif qeeqamanii guyyoota muraasa boodadha.
Kitaabni amma maxxanfamaa hin jirre kun waa'ee saalqunnamtii namaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, yeroo saalqunnamtii raawwatamu muuxannoon saalqunnamtiin dhiiraafi dubartiin walgammachisuu maal akka fakkaatu ibsa bal'aa kenne.
Maxxansa onlaayinii Kaatolikii ‘Crux’ jedhamu waliin haasaa taasisaniin, Kaardinaal Fernaandeez kitaabicha yeroo dargaggummaa isaaniitti akka barreessan ibsuun, amma otoo ta’ee akka hin barreessine beekamaadha jedhan.
Warra 'Konsarvaatiivii [leellistoota] 'keessaa namni yaada kenne tokko Kaardinaal Fernáandez barsiisa amantiichaaf nama sirrii miti jedhee qeeqe.
Poop Firaansis ykn Kaardinaal Fernaandeez irratti hordoftoonni hawaasa Kaatolikii warreen 'Konsarvaatiivii' ta’an mufii yeroo dhiyeessan kun yeroo jalqabaaf miti.
Muddee keessa Kaardinaal Fernaandeez barreeffama, boodarra Phaaphaasii Firaansisiin raggaasifame, qajeelfama luboonni jaalalleewwan saalawalfakkaataa gaaʼelaa dhaabbatan akka eebbisan eeyyamu baasuun kan yaadatamu.
Hariiroon akkanaa ammayyu akka barsiisa mana amantichatti akka cubbuutti ilaalama.