Wixineen seeraa baqattoonni hojii lammiileen Itoophiyaa hojjatan mara akka hojjatan hayyamu qophaa’e

Madda suuraa, IOM
Baqattoonniifi kooluugaltoonni Itoophiyaa keessatti argaman dameewwan hojii lamiillen Itoophiyaa hojjatan hunda akka hojjataniif wixineen labsii qophaa'e.
Wixinichi dhaabbanni koolugaltuu ykn baqataa mindeessuuf barbaade, osoo namni mindeeffamu sun ‘‘dandeettii addaa qabaachuu hubachiisuun hin barbaachifne’’ hayyama argachuuf kan hayyamuudha.
Wixinee haaraa kan ALI bara 2012tti baheefi amma hojiirra jiru bakka bu’uuf qophaa’e, Tajaajila Baqattootaafi Baqarraa deebiitootaa, kan dhimma baqattoota kuma 900 Itoophiyaa keessatti argamanii hordofuutiin.
Qophii wiixinee kanarrattis waajiraaleen Ministira Galiiwwanii akkasumas Hidhata Qaxanaafi Daldalaa, Hojiifi Ogummaa kan ‘‘dhimmisaa kallattiidhaan ni ilaalata’’ jedhaman akka hirmaatan ibsameera.
Wixiineen sirna baqattoonniifi koolugaltoonni Itoophiyaa keessatti argaman ittiin hojiirratti hirmaatan diriirsu kunis, Itoophiyaa keessatti ‘‘baqattoota kaampii keessa fi ala jiran’’ kan ilaalatu ta’uu maddi dhaabbatichaa BBCtti himeera.
Wixineen kun kan qophaa’e, qajeelfama hojiirra jiru ‘‘irratti qaawwa turan sirreessuun barbaachisaa ta’e waan argameef’’ akka ta'e dhaabbatichi beeksiseera.
Qaawwa Tajaajilli Baqattootaafi Baqaa Deebiitootaa mul’ataniiru jedheen keessaa tokko labsii dhimma baqattootaa ALI bara 2011tti bahe irratti, ‘‘mirgoonnii’’ baqattootaafi koolugaltootaaf kennaman hundi itti qabsiifamu dhabuudha.
Mirgawwan kanneen keessaa tokko damee hojii gaafattoonni koolugaltummaa fi baqattoonni qajeelfamni hojiirra jiru beekkamtii kenneef akka irratti bobba’an hayyameef akka ta’e maddi BBCtti himeera.
Labsiin dhimma baqattootaafi koolugaltootaa waggaa shaniin dura bahe, yoo qacarriinis ta’e hojii dhunfaarratti bobba’an, akka ‘‘mirga lammiilee biyya alaa caalu’’ argatan akka taasifaman labsa.
Labsichis baqattoonniifi kologaltoonni hojiirratti akka hirmaataniif hayyamuf illeen, waajiraalee dameewwan adda adaa keessatti mindeeffamu akka danda’an labsa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Labsichaan dhorkaan kaa’ame, ‘‘raayyaa ittisaa, dhimma nageenya biyayafi biyya alaa fi waajiraalee motummaa siyaasa wal fakakatu keessadha.’’
Labsii kana hordofuun qajeelfama bahe garuu haala qaccarrii yoo ibsuu, garuu baqattootafi koolugaltoota akka lammii biyya alaatti ilaale jedhu maddi BBC Amaaraatti dubbate.
‘‘Baqattoonniifi koolugaltoonni lammiilee biyya biraa ta’an illeen, kan gara biyya keessaa dhafan haala hin yaadamneen buqqaafamaniiti,’’ jechuun kanneen viizaafi paasportii argatanii dhufaniin adda ta’u kaasu.
Qajeelfamni duraa, baqataan ykn koluugaltummaa namni gaafatu tokko hayyama hojii argachuudhaaf ‘‘hojiin hayyamni itti gaafatame sun kan lammiilee Itoophiyaatiin hin haguugamne’’ ta’un yoo mirkanaa’e ta’u kaa’eera.
Mindeessitoonnis nama akkasii mindeessuuf hayyama kan argatan ‘‘damee hojii Itoophiyaanotaan haguguun hin danda’amnerratti’’ jechuun ibsa.
Kutaan qajeelchichaa hojii dhunfaarratti bobaa’u ibsu ammo, baqattoonniifi koolugaltoonni dhunfaafi gareen hayyama baafatanii hojjachu kan danda’an ‘‘dameewwan hojii lammiileen biyya biraa hojjachu danda’an’’ irratti jedha.
Wixiineen qajeelcha haaraa amma Tajaajilli Dhimma Baqattootaafi Baqaa Deebiitootaa qopheessees daangaa bobbaa hojii dhuunfaarra ture geeddareera.
Kana malees haala hayyama baqattootaafi koolugaltoota irratti wiixinee haaraan kun jijjirama taasiseera. Kan seera duraanitiin haal duree ‘‘Itoophiyaanootaan kan haguugamu hin danda’amne’’ jechuun kaa’ame ture amma wixinee haaraadhaa keessatti hin hammatamne.
Wiixinichis baqattoonniifi kolugaltoonnii beekkamtii qabaniifi ‘‘dameewwan hojii labsichaan hin dhorkamiin irratti mindeeffamuun hojjachuf gaafatan ‘‘ministeera hojiifi ogummaa ykn qaama bakka bu’umsi kennameef kan biraarraa hayyama baafachuu’’ akka danda’an ibsa.












