Immigireeshinii: 'Bara haaraa dhufutti tajaajila paaspoortii manaa manatti kennuu jalqabuuf'

Aadde Salaamaawit Daawit

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa, kanaan dura tajaajilawwan akka paaspoortii, viizaa, heeyyama jireenyaa, ragaalee bu’uuraa lammiilee fi kaan maamiltootaaf kennuurratti komatamaa ture, bara dhufaatti tajaajila paaspoortii mana manatti kennuu akka eegalu beeksiise.

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa maamiltoota hedduu keessumeessuus yeroo garaa garaatti haala kenniinsa tajaajilasaa irratti komiin ka'aa ture.

Komii hawaasni dhaabbaticharratti qabu furuufi tajaaajila inni kennu fooyyessuuf Rifoormiin taasifaaame amma waggaa tokkotti dhihaateera.

Qaama riifoormii kanaa kan turee fi tajaajila dhaabbatichi kennu irratti kanneen madda komii uuman jedhaman hojjettoonni dhaabbatichaa fi faddaaltonni hariiroo waliin qaban namoota 244 ta’an irratti tarkaanfiin fudhatamees ture.

Tajaajilichi hojiiwwan waggaa tokko raawwate kana keessatti hojjete ilaalchisuun Finfinneetti midiyaaf ibsa kenneera.

Ibsa kanarratti kan argaman hojii gaaggeessituu Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammumma Aadde Salaamaawit Daawit, Rifoormii erga eegalamee waggaa tokko guutaa jiru Kanaan rakkoolee amma dura turan fooyyessuu dubbatan.

Kana keessaas sababa hanqina maxxansa Paaspoortiitiin waggaa tokkoo fi ji’oota shanii oliif osoo hin kennamin dhaabbatee kan ture paaspoortii kennuun xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetame akka ta’e himan.

“Paaspoortii kennuu irratti kuufamatu ture. Kana furuuf jecha waggaa kana keessa waraqaa Paaspoortii miliyoona 1.5 biyya alaatti maxxansiifamee seene keessaa Paaspoortiin miliyoona 1.1 ta’u ragaan itti guutamee maamilootaf kennameera” jedhan.

Dandeettiin Paaspoortii irratti ragaa maamilootaa maxxansuu guyyaatti kuma lama ture gara guyyaatti kuma14tti guddachuus himan.

Gama biraatiin ammoo bara dhumaa jiru kanatti lammiilee biyya alaa kuma 800 caalaniif viizaan seensaa fi bahiinsaa akka kennamee fi kanneen kuma 34 ta’aniif ammoo heeyyama jireenyaa yeroo fi dhaabbii kennuus himan.

“Lammiilee biyyoota alaa kuma 18 ta’an kanneen viizaa sobaa, heeyyama jireenyaa sobaa fayyadamuun biyya keessa turan adda baasuun tarkaanfiin fudhatameera” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tajaajilichi bara bajataa kanatti galii Birii biliyoona 14.7 walitti qabuus ibseera.

Bara 2017 dhufu kanatti tajaajila E-passport kennuu akka jalqabu kan himame yoo ta’u paaspoortiin kuni ofeeggannoo fi teeknolojii ammayyaatiin kan hojjetame waan ta’eef ragaalee sobaa kana dura fakkeeffamanii hojjetaman kan hambisu akka ta’es himan.

“E-Passport bara haaraa dhufu kanarraa kennuu nijaalqabna. Amma diizaayiniin isaa hojjetamee xumurameera. Paaspoortiiwwna kuni keessa isaatti ‘Microchips’ kan awwaalame waan ta’uuf ragaa gadi fagoo qabata. Fakkeessanii hojjechuunis hin danda’amu” jedhan.

Dhorkiiwwaan kan ilaaleenis namootni dhuunfaa baraa 1986 irraa eegaluun dhorkiin irra ture dhaabbilee dhimmi isaa ilaalu waliin hojjechuun namoota kuma 10 ta’an dhorkii jalaa baasuunis ibsameera.

Tajaajilichi dameewwaan amma qabu 12 dabalatee bara itti aanu dhaqabummaa isaa dabaluuf kutaalee biyyattii garagaraatti dameesaa gara 26tti akka guddisus himameera.

Kana malees Tajaajila kenna paaspoortii guutumaan karaa dijitaalaa qofa gochuuf akka hojjetaa jiruu fi tajaajila manaa manaa kennuu jalqabuuf akka jirus himame.

“Bara dhufu Fulbaana irraa eegalee VIP fi namoota paaspoortiin isaanii manatti akka dhufuuf barbaadaniif tajaajila manaa manaa kennuu nijalqabna. Namni tajaajila kana barbaadu ragaa barbaachisu hunda erga guuteen booda kaffaltii barbaachisu raawwachuun paaspoortiin manatti geeffaamaaf” jedhan.