Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awustiraaliyaan walabummaa Filisxeemif beekamtii kennuun mala jette
Filisxeem biyya ta'uushee fudhachuu akka maltu Awustiraaliyaan beeksifte. Ministeerri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa akka beeksisetti deemsi gara nagaatti taasifamu akka milkaa'uf biyyattiin walabummaa Filisxeem fudhachuu malti.
Ministiira dhimma alaa biyyaattii kan ta'an Peenii Woong akka jedhanitti, biyyummaa Filisxeem keessaa Hamas gahee qabaachuu akka hin qabnes ibsan.
Paartin mormituu Awustiraaliyaafi Federeeshiniin Zayaanizimii Awustiraaliyaa adeemsi Awustiraaliyaa waan milkaa'u miti jedhan.
Awustiraaliyaa rakkoo Israa'elifi Filisxeem gidduu jiruuf yaadni furmaataa Sirna biyyoota walabaa lama jedhu (two state solution) hojiirra ooluu qaba ilaalcha jedhu deeggaraa turte.
Jalqaba bara kanaa UKn Filisxeem biyya walabaa ta'uu akka qabdu deeggaruu akka dandeessu ibsitee turte. Ministeerri Dhimma Alaa UK Deevid Kameerun deeggarsa Israa'el malee UKn walabummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu dandeessi jedhanii ture.
Dhiyeenya kana, keessumaa erga hojjattootni deeggarsa namoomaa haleella qilleensarraa Israa'elin Gaazatti du'an keessaa tokko kan Awustiraaliyaa ta'uun baramee as, biyyattiin waraana Gaazatti gaggeeffamurratti sagalee mormii dhageessisuu cimsaa jirti.
Ministiirri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa Peenii Woong Kibxata halkan dubbii taasisaniin Israa'elifi Filisxeem marraammartoo rakkoo gidduusaanii jiru keessaa bahuuf lamaansaanituu biyya walabaa ollaa walii jiraatan ta'uu akka qaban himan.
"Qaamoleen hunduu waggoota hedduuf deemsa kana hordofuu dadhabuunsaanii - akkasumas mootummaa Netaaniyaahuu gaaffii walabummaa Filisxeem simatee irratti mariyachuuf fedhii dhabuun- abdii kutannaa uumera," jedhan.
"Kanaaf yaada furmaataa biyya walabaa lama (two state solution) akka galma gahu gochuuf hawaasni idil-addunyaa gaaffii walabummaa Filisxeem fudhachuuf yaadaa jira."
Dubbi Himaa Dhimma Alaa paartii mormituu kan ta'e Saayiman Barminghaam garuu yaada Awustiraaliyaan walabummaa Filisxeem simachuufi jedhu akka hin deeggarreefi mootummaan ministeera muummee Antoonii Albaanis "tarsiimoo hariiroo alaa Awustiraaliyaa waggootaaf ture" kan cabsuudhas jedhan.
"Mootummmaan MM Antoonii Albaanis Filisxeem biyya jechuun beekamtii kennuunsaa...shororkeessitoota waraana balaafamaa amma deemaa jiru kana eegalaniif akka mo'icha guddaatti ilaalama."
Pirezidaantin Federeeshinii Zayaanizimii Awustiraaliyaa Jeremii Leeblar gamasaanin dubbiin waa'ee Filisxeem biyya ta'uu dubbachuun waan hin fakkaanne ta'uu kaasa.
"Dubbiin biyya ta'uu kamiyyuu osoo hin ka'iin dura Hamaas buqqa'ee dhaloonni haaran gaggeessaa Filisxeem ta'an ka'uu qabu- gaggeessitoota malaammaltummaa hin qabne, kan lola hin deeggarreefi Israa'el biyya warra Yihudootaa ta'uushee simatan ta'uu qabu," jedhe.
Miinisteerri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa garuu yaada "Filisxeem akka biyya walabaatti beekamtii kennuufin diina badhaasudha" jedhu dogoggora akka ta'e kaasan. Nageenyi Israa'el yaada furmaataa biyya walabaa lama (two state solution) irratti hundaa'a kan jedha Peenii Woong, inummayyuu walabummaa Filisxeemif beekamtii kennuun Hamaas akka dagatamuufi qophaatti bahu taasisa jedhan.
Addunyaarraa biyyoonni 140 ta'an Filisxeem biyya walabaati jechuun beekamtii kennaniifiru. Biyyoonni akka US, UKfi Awustiraaliyaa fa'aa garuu beekamtii hin laannef.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii torbee kana miseensa dhaabbataa UN gochuuf irratti mariyata. Hanga ammaa Filisxeem miseensa dhaabbataa UN osoo hin taane akka miseensa eeggataatti turte.