Addunyaa irratti biyyoonni guddisa ijoolleef mijatoo ta'an shan kami?

Madda suuraa, Getty Images
Nama biyya jijjiirate jiraachuu fedhuuf biyya gaarii filachuuf rankings of the world's most liveable countries ilaaluun ni gargaara.
Jireenya ijoolleef biyya mijatu filachuun garuu dhimmoota baayyee irratti xiyyeeffachuun barbaachisan waan jiraniif salphaa miti.
Maallaqa argattufi tasgabbii diinagde caalayyuu, qulqullina barnoota, imaammata boqonnaa maati, magariisummaafi kaanis ilalauun barbaachisa.
Unicef dhimmoota kana xiyyeeffannoo keessa galchuun qorannoo gaggeessuun gabaasa "report cards" jedhu qopheesseera.
Gabaasa kana keessatti biyyoota dureeyyii qofatu hirmaate. Ammoo nama biyya guddisa daa'immaniif mijattu beekuu fedhuuf hubannoo laata.
Akka qorannoo kanaatti biyyootni shan jireenya daa'immaniif mijatoo ta'an eenyu?
Jappaan
Akka qorannoo Unicef 2020'tti fayyaa qaamaa ijoolleef biyyi sadarkaa tokkoffaarratti filatamtuu taate Jappaani. Fayyaa qaamaa daa'mmanii madaaluufis du'aatii daa'immaniifi ulfaatina qaamaa hangaa olii xiinxalameera.
Bara 2022'tti ammoo naannoo guddina ijoolleef mijataa ta'e xiinxaluurratti xiyeefate "world around the child" Jappaan sadarkaa lammaffaarratti argamti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ramaddii kana jalatti magariisummaan magaalaa, nageenyi tiraafikaa xiinxalamaniiru.
Jappaan keessatti ulfaatinni qaamaa daa'immanii baayyee xiqqaadha. Duuti daa'immaniis xiqqaadha. Faalamni bishaaniifi qilleensaa daa'imman miidhus akka malee xiqqaadha.
Ta'iin ajjeechaa Jappaan keessa jiru biyyoota Unicef qorate hundarra gad-aanaadha.
Ajjeechaan biyyattii namoota 100,000 keessaa dhibbeenta 0.2. kan US 5.3, kan Kaanadaa 1.8 kan Awustiraaliyaa ammoo 0.8.
Gama nageenya tiraafikaaniis gidduugala magaalaa Tookiyoo keessa daa'imman kophaa daandii qaxxaamuruun mana barnootaa isaanii deemuu danda'u.
Fayyaafii nageenyaan cinaattis Jappaan sirna barnootaa addunyaarratti baayyee gaariidha jedhamu qabdi.
Dhaabbatni Unicef ragaa irraa fudhate OECD jedhamu biyyootaafi naannolee addunyaa 76 ilaale keessaa Jappaan sadarkaa 12ffaarra kaaheera.
Wantootni gaggaariin hundi kun jiraataniis lammiileen biyyattii garuu yeroo komatan dhagahuun baratamaadha.
Estooniyaa
Estooniyaan qabxiilee waliigalaa qorannoo kanaan sadarkaa olaanaarra hin teessu, garuu ammoo biyyoota dureeyyii kamuu caala biyya ijoolleen faalama qilleensaa, faalama sagaleefi faalama keemikaalota farra ilbiisotaa irraa qulquulluudha.
US, Kaanadaa, Awustiraaliyaa, UK fi biyyootabiroo hedduu caala magariisummaa magaalaa guddaa qabdi.
Biyyattiin daa'imman ulfaatina qaamaa eegamuun gaditti qabaachuun dhalatan hangaan baayyee xiqqaa qabaachuun sadarkaa lammaffaa jirti. Kun ammoo hordoffiin yeroo dahuumsa duraa biyyattii baayyee gaarii ta'uu agarsiisa.
Wanti guddaan biyya kanaa nama raaju sirna barnootaa isheeti. Ijoolleen barnoota herregaaa, saayinsii fi dandeettiin dubbisuu, barreessuu, dhagahuufi dubbachuu olaanaa qabu.
Ijoolleen oolmaa daa'imanii jirtu roobooti, ismaart taableetiifi wantoota teeknoolojiin guutan hedduun taphachaa oolu jedhu boordii barnootaafi dargaggootaa damee barnootaa Istooniyaa keessatti hoogantuu piroojektii kan taate Anne-Mai Meesak.
Gabaansi OECD dhiyeenya bahe akka agarsiisutti daa'imni ganna shanii Istooniyaa tokko michoota isaa umrii qixxee biyya UK fi US waliin wal bira yoo qabamu oogummaawwan hawaasummaafi miiraan caalatti qacaleedha jedha.
Haadholiin daa'ima godhatan boqonnaa guyyaa 100 qabu. Abbootiin warraa ammoo guyyoota 30. Achii ammoo maatiin ijoollee hanga daa'mni waggaa sadii guututti kan hojiitti hiikamu waliigalatti hayyama guyyoota 475 qabu.
Ispeen

Madda suuraa, Getty Images
Ispeen qorannoo Unicef'iin haalli naannoo daa'imman keessatti guddatan keessumaa haala tatamsa'ina dhibeef hin saaxilleen sadarkaa gaariirra kaa'amteetti. Qulqullinni bishaaniifi qilleensaa hedduu faalama hin qabus jedhama.
Fayyaa sammuu daa'immaniin byyattiin sadarkaa sadaffaarra kaahamte. qabxiin waliigalaa gama barnoota, tajaajila fayyaa fi hawaasummaan qabdu garuu hedduu gaarii kan jedhamuu miti.
Halkan qixxee daa'ima ofii waliin magaalota keessa socho'uun waan haaraa hin ta'u, mana nyaataafi dhugaatiis akkasuma.
Maatiin tokko gaafa daa'ima argatu ammoo torbanoota 16'f boqonnaa argatu. Miindaan isaanis itti hin bu'amu.
Fiinlaand
Fiinlaand ramaddiiwwan Unicef qorannoo isaa irratti gaggeesse keessaa harka caaluun qabxii olaanaa argatteetti.
Daa'imman dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi dhagahuun akkasumas dandeettii herregaa qabaniin sadarkaa olaanaa argataniiru. Hariiroon maatiifi manneen barnootaas biyyoota kaan caala jabaadha jedhameera.
Du'aatiin daa'immaniis baayyee xiqqaadha jedhama. Maatii daa'iman argataniifis boqonnaan kennamu dheeraadha. Daa'imni hanga waggaa sadii guututti kan qoqqodamee kennamu boqonnaan ji'oota 14 miindaa guutuu waliin ni kennama.
Magariisummaan biyyattii keessumaa ammoo paarkiiwwan jiran irra hedduun kan uumamaa ta'uun biyyoota gama kanaan filatamoo ta'an muraasa keessaa tokko ishee godha.
Neezarlaands

Madda suuraa, Getty Images
Ramaddii Unicef gama nageenya daa'immaniin sarkaa tokkoffaa irra kan teesse Neezarlaands.
Keessumaa fayyaa sammuu daa'immaniin sadarkaa tokkoffaarra teesseetti. Ijoolleen oogummaa qabachuunis addunyaarraa sadarkaa sadaffarra teessi.
Ijoollee waggaa 15, 10 keessaa sagal jireenyatti gammadoo ta'uu isaanii ibsu. Kun ammoo biyyoota Unicef qorannoo kanaan ilaale keessaa isa guddadha. 10 keessaa saddeet ammoo salphaatti hiriyyaa horachuu dandeenya jedhu.
Biyya kanatti maatiin yoo daa'ima godhate harmee deesseef hayyamni boqonnaa torbanoota 16, abbaaf ammoo torban jahaa ni kennama.
Fedha maatii yoo ta'e ammoo hanga daa'imni ganna saddeet guutuutti miindaan hin kaffalamuuf male boqonnaa fudhachuuf hayyama qabu.












