Bara 2021 keessa magaalota jireenyaaf mijaatoo ta'an

Madda suuraa, Getty Images
Madaalli wagga waggaan biyyotaafi magaalaa jireenyaaf mijatoo ta’aniif keennamuun sadarkaan ni baha. Yeroo koronaavayirasii kanatti ammoo magaalaan Niiw Zilaand kan taate Ookland jireenyaaf tokkoffaarratti filatamtuu taateetti.
Gareen Tika Dinaagdee (EIU), magaalota 140 kan maadale uulagaalee akka tasgabbii, ijaarsa, barnootaa i sirna fayyaa irratti hundaa’uunidha.
Weerarri koronaavaayirasii garuu madaalli bara kanaa adda taasiseera.
Kana jechuun, magaalotni Awurooppaa sadarkaan isaani xiqqaate kan Awustiraaliyaa, Jaappaan fi Niiw Ziiland ammoo ol dabaleera.
Biyyootiin odola ta’an kun weerara koronaavayirasii akka gaaritti to’achuun, lakkoofsa namoota hubamanii hir’isuufi dhorkaa kaa'ame laffisuu danda’aniiru.
Biyyootiin Gamtaa Awurooppaa garuu gama isaaniin, raabsaan talaaallii isaanii barfatee, biyyotiin hedduunis dhorkaa cimaa waan ka’aniif madallii bara kanaa irraatti dhibbaa uumeera.
Madallii baranaan Ooklaand 1ffaa yoo taatu, itti aanuun magaalaan Osakaa, Jaappan; Adelayid, Awustraaliyaan; Wiiligtan, Niiwilaandiifi magaalaan guddittii Jaappaan Tookiyoo sadarkaa duraafi duubaan qabataniiru.
Magaalaa UK keessaa kan sadarkaa 1-10 keessa galan hin Jiran.

Madda suuraa, Getty Images
“Ooklaand sadarkaa tokkoffaatti kan dhufuu dandeesseef, sochii to’annno koronaavayirasii isheen hawaasni bilisaan akka socho’u gochuun, magaalittin qabxii guddaa akka argattu taasiseera,” jedha EIU’n.
“Madaalli bara kanaan magaaloti Awurooppaa qabxii gadi aanaa qababaniiru,” jedha.
Fakkeenyaaf, Viyeenaan sadarkaa tokkoffaa irraa gara 12ffatti kufte. Magaalaan guddittii Oostiriyaa kun waggootii hedduuf sadarkaa tokkoffaa, magaalaa Meelboorn waliin qabattee turte.
Magaalaan Kaaba Jarman Hambaurg garuu kufaatii guddaa agarsiise – sadarkaa 13ffaa irraa garaa 47ffaatti gadi bu'e.
“Magaaloti addunyaa hedduun sababa koronaavayirasiin akka duranii jireenyaaf mijatoo miti, nannoon akka Awurooppaa ammoo caalaatti akka miidhaman agareerra,” jedha EIU’n.

Madda suuraa, Getty Images
Sadarkaa gara oliirra kan jiraniif jijjiiramni jiraatus, sadarkaa gadiirra kan jiran garuu jijjiramaa badaa hin mul’isne jedha qorannoon kun.
Damasqoon magaalaa jireenyi caalaatti ulfaataa keessatti ta’e akka taateen itti fufteetti, sababni inni guddaan waraanaa wal waliini Sooriyaa itti fufee jirudha.
Magaalootni sadarkaa gadi aanaarra jiran hedduun isaanii sababa waraanaan ijaarsi isaaniifi sirni fayyaa isaanii kan miidhamedha.
Bara 2021tti magaaloota jireenyaaf mijatan olaanoo kurnan
- Ooklaan, Niiw Ziilaand
- Osaakaa, Jaappaan
- Adelayidee, Awustiraaliyaa
- Weelingitan, Niiw Ziilaand
- Tookiyoo, Jaappaan
- Peerzi, Awustiraaliyaa
- Zuuriik, Siwiizarlaand
- Jeneevaa, Siwiizarlaand
- Meelboorn, Awustiraaliyaa
- Birisbeen, Awustiraaliyaa
Bara 2021tti magaaloota jireenyaaf mijatoo hin taane kurnan
- Damaasqoo, Sooriyaa
- Leegoos, Naayjeeriyaa
- Poort Moresbii, PNG
- Daakaa, Bangilaadesh
- Aljeers, Aljeeriyaa
- Tiriipoolii, Liibiyaa
- Karaachii, Paakistaan
- Haraaree, Zimbaabwee
- Duwaalaa, Kaameeruun
- Karakaas, Venizuweelaa














