Magaalaa dhiirri keessatti dhalachuu dide

Magaalaa xiqqo Kibba Polaanditti waggoota dheeraan asitti dhiirri dhalachuu diduun yaaddoo uumeera.
Kanarraa ka'uudhaan kantiibaan magaalattii abbaa warraafi haadha warraa ilmoo dhiiraa argataniif badhaasa akka kennu beeksiseera.
Magaalattiin erga dhiirri keessatti dhalatee waggaa kudhan guutaa jiraachuun bulchiinsa magaalattii yaachisuun isaa hin hafne.
Magaalaan Miyeesiich Adirvaansikii jedhamtu kun kanaan dura hedduu hin beekamtu ture. Amma garuu dhiirri akka dhalatuuf jajjabeessuuf jecha tarkaanfiin isheen fudhachaa jirtu mata duree oduu ta'uun akka beekamtu taasiseera.
Magaalaan manneen dhibba tokko ta'an qofa qabdu kun lafti qonnaa baayyee baballaa ta'an keessatti argamu. Magaalaan kun daa'imman guddisuudhaafillee bakkawwan mijatoo ta'an akka qabdu amanama.
Haata'u malee, waggoota darban keessa wanti jiraattota naannoo sanaa yaaddesse daa'imman dhalatan dubartoota qofaa ta'uu isaaniiti.
Magaalattii keessatti dhala argachuun baayyee sadarkaa gadi aanaarra kan jiru yommuu ta'u, ilmoon dhiiraa kan dhumaa erga dhalatee amma dargagoomaa jira.

Madda suuraa, New York Times
Dhimmi lakkoofsi dhiirotaa xiqqaachuu bal'inaan magaalattii keessatti kan xiyyeeffannoo argates, yeroo magaalattiin garee dorgomtoota dargagoota tol-ooltummaan balaa ibiddaa ittisuu keessatti qophaa'uuf miseensa dubartoota ta'e qofa ergan ture.
Gareen magaalattii miseensa dubartootaa qofa qabu kun dorgommii sana erga mo'atanii booda erga gaazexeessaan gaaffii gaafatee xiyyeeffannoo guddaa argateera
Akka The New York Times kantiibaa magaalattii waabeffachuun gabaasetti, saayintistoonni baayyeen maaliif ijoolleen durbaa qofti akka dhalatan qorannoo gaggeessuudhaaf fedhii agarsiisaniiru.
Kantiibaan kun akka jedhanitti, doktoroonni guutummaa biyyattiirraa bilbiluudhaan akkamitti akka ilmoo dhiiraa ulfaa'uun danda'amu irratti odeeffannoo kennaniiru.
Kantiibaan kun Dorktora soorama bahee giddu-gala Polaandii keessa jiraatu gaafadheen jedhan, saalli daa'imaa sirna soorata dubartii irratti hundaa'a naan jedhe jedhu. Sooranni kunis, dubartiin ilmoo dhiiraa argachuu barbaadde tokko soorata Kaalshiyeemiitiin badhaadhoo ta'an soorachuu qabdi.
Jiraattonni maaliif akka ilmoon dhiiraa magaalaa isaanii keessatti dhalachuu dhabe hin beekan; garuu baayyeen isaanii waan akkuma carraa uumamedha jedhanii amanu.

Madda suuraa, New York Times
Sababiin isaa qorannoo kan barbaadu ta'us, kantiibaan magaalattii maatiifi dhiira itti aanee dhalatuuf badhaasa qopheessuun jajjabeessaa jiru.
"Waa'ee keenya miidiyaaleen hedduu dubbachaa jiru. Ilmoo dhiiraa dhalatuuf maqaa isaatiin daandiin akka moggaafamuuf yaadaan jira. Badhaasa baayyee gaarii ta'es ni argata. Maqaa isaatiin odaa dhaabnees isaan moggaafna," jedhan.















