Nama xiyyaara malee biyyoota addunyaa hunda daawwachuuf waggaa 10 joore

Lammiin Deenmaark Thor Pedersen

Madda suuraa, Maxime Champigneulle

Lammiin Deenmaark Toor Pedersen Onkololessa 2013, hojii isaa, jaalalleesaa fi maatii isaa hunda dhiisee biyyoota addunyaan irra deemee ilaala jedhee ka'e.

Imala waggoota 10 ta'uun boodas biyyoota addunyaa kanaa hunda isaanii daawwate.

Wanti nama raaje garuu daawwachuu isaa osoo hin taane, imala isaa kamuu keessatti xiyyaaraan hin imalle.

Toor biyyoota addunyaa kan daawwate miilaan, konkolaataan geejjiba uummataan, baabura, doonii konteenara baatan fa'a keessa taa'uuni.

Namni kun biyyoota addunyaa hunda balalii xiyyaaraa malee dhaqee daawwachuuf guyyoota 3,512 ykn ammoo yeroo waggaa 10 ta'u itti fudhate.

Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii biyyoota 195'f beekamtii kan kenne ta'us namni kun biyyoota beekamtii dhaabbatichaa hin arganne dabalatee biyyoota 203 daawwachuu dubbata.

Toor biyya addunyaa kanaa daawwatee xumuraa jiru magaalaa guddoo Maldeevis Maalee jedhamtu irraa yaada BBC'f qoodeen, bu'aa ba'ii biyyoota kana daawwachuu keessatti dabarse hime.

Kaampanii biyya Deenmaark balfa irratti hojjetu fi innis hojjetaa isaanii ta'eef irraa odola Maaldeviis keessaa tokkotti konteenara mana gaaritti jijjiiramee wanti hundi guutameef irraa tola akka jiraatu hayyamame achi keessaa ji'oota muraasaaf akka jirus dubbate.

''Deenmaark irraa ka'ee guutuu addunyarraa naanna'uuf waggaa sagaliifi ji'a torba jechuunis guyyoota 3,512 natti fudhate'' jedha namni kun.

Waggoota gara 10'tti siiqaniif biyyoota addunyaa mara naanna'u keessatti ta'iiwwan jajjaboo hin daganne keessaa tokko fuudha isa, lamaffaan xiyyaar-samiin dacheerraa samiitti furguggufamuu arguu, osoo galaanarrra imaluu bakakkaa dhiyoosaatti bu'ee fi kan biroo hedduu ibse.

Biyyoota addunyaa itti imale keessaa ''osoon kana beekee itti hin imalun ture jedhu'' yoo qabaate gaafatamee biyya Afrikaa Ikuwaatooriyaal Giinii seenuuf ji'ootaaf danqamuu dubbate.

Ikuwaatooriyaal Giinii galuutu hunda caala dhibaa ture

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Eyyeen dhugumatti Ikuwaatoriyaal Giiniidha. Abdii kutadheen ture. Garuu ammoo abdii kutadhee buufata xiyyaaraa hin geenye. Viizaa argachuuf gara imbasiiwwan biyyoota shan, jahaa dhaqeera. Akka malutti na hin keessummeesine.''

Buufataalee sakattaa daangaa adda addaatti yeroo ulfaataa dabarsuu dubbata.

''Viizaa argadhee Ikuwaatoriyaal Giinii seenuuf ji'a sadii natti fudhate. Booda kaniin hubadhe imaammata namnuu akka biyyaa hin baaneefi biyyattis akka hin galle jedhutu ture.''

Toor Viizaan biyyattii argate kan ji'a tokko qofa ture. Biyya sadarkaa 100ffaarratti daawwate ta'uufi ishee daawwachuuf dararaan arge ni malaf jedhee amana.

''Biyya miidhagduudha. Namootni ani achitti arge baayyee nama mararu.''

Addunyaarra yeroo naanna'u kana yaadannoowwan bakka addaa adda baadhatee bahuuf akka hin yaalle, garuu ammoo kennaa adda addaa namoota hedduurraa argachuu hima.

Namni kun boqonnaa malee konkolaataa geejiba uummataan sa'aatii 54, guyyaa lamaa ol imalee dadhabbii keessa darbe yaadata.

Imala isa keessatti ol jedhee gaafa xiyyaarota balal'ina argu ''jireenya koo kanaan maaluman gochaa jira jedhee fa'a of gaafadhee beeka'' jedha.

Toor imala isaa kana keessatti gameefii, nagahe, biyyakoottin deebi'a jedhee yeroon itti yaade akka tures dubbata.

''Biyya baayyee argeera, nama hedduun bare, nyaata hedduu dhandhame'' jedhee bara 2015 keessa ''nagahe nan gala'' jedheen ture.

Haata'u malee, galma kaawwatee gocha isaa kanaan namootni kaan hamilee akka horatan jajjabeessuu danda'a jedhee amanee itti fufuus hima.

Bara 2019 wayita weerarri Covid 19 addunyaan walitti balbala ishee akka cuftu dirqisiisu, Toor biyyoota addunyaa harka caalu daawwatee na gaha gara jechuuttis dhufee ture.

''Yeroo kanatti kaampaniiwwan geejjiba galaanaa hojjetan ji'oota 10 keessatti gara biyya kootti osoo na deebisani biyyootan osoo hin daawwatiin hafe akka na qubsiisan natti himanii ture. Garuu weerarichi dhalate. Achiis waggoota sadiif na danqe.''

Lammiin Deenmaark Thor Pedersen

Madda suuraa, Thor Pedersen

'Haati warraa koo yeroo 27 bakkan jiru dhuftee na argiteetti'

Haati warraa isaa bakka inni jiru dhaqxee isa laaluuf yeroon viizaa itti dhabde jira. Yeroo isheen qophooftee kaatu ammoo inni iddoo jiruu biyyaa biraatti ce'uunis mudatee beeka.

''Haata'u malee yeroo 27 bakkan jiru dhuftee na argiteetti. Inni rakkisaan garuu isa yeroo ani Hoongi Koongi tureeti'' jedha.

''Hoongi Koong waggaa lamaafin ture. Biyya seera jabaa qabdu. Konteenaraan biyyan barbaadu deemuu hin dandeenye. Biyyootni ani fadhus daangaa isaanii cufatanii ture.''

''Haati warraa koo dhuftee na ilaaluu hin dandeenye. Sababni isaas wal hin fuune, aniis jiraataa biyya sanaa miti. Kanaaf lamaan kana furuutu narra ture. Jalqaba hojii barbaadeen argadhe. Kanaanis jiraataa kan yeroon ta'e. Achiis Online gaa'ila raawwannee. Deenmaarkitti fudhatama kan hin qabne ta'us Hoong Koongitti fudhatama qaba ture.''

Achiis Haati warraa isaa Viizaa argattee torbee sadiif hoteela keessa adda of baastee erga turtee booda guyyaa 100'f Hoongi Koong waliin turuu dubbate.

Namni kun waggoota 10'tti dhiyaataniif addunyaa erga naanna'aa bahee booda Adoolessa 26 bara 2023 biyya isaa Deenmaarkitti deebi'eera.

Ammas Maldeevis irraa xiyyaaraan Deenmaark galuun salphaa ta'us, ''galma koo hin hanqisuu'' jedhee Doonii konteenara fe'u MV Milan Maersk jedhamuun imala galaanarraa guyyoota 33 booda biyya isaa yeroo gahu namootni 150 ta'an bahanii isa simataniiru.

Imala isaa kan milkeessuuf dooniiwwan konteenara fe'an 379, baabura 158, baasii 351, taaksii 219, bidiruu 33 ta'aniifi maaloota kaaniin imale.

Namni kun tola oolaa dhaabbata Fannoo Diimaa Deenmaarki.