Waa'ee dooniiwwan gurguddaa ajaa'ibsiisoo addunyaa kana beektuu?

Doonii guddicha addunyaa kanaa

Madda suuraa, ROYAL CARRIBEAN

Dooniin Icon of the Seas jedhamtu wayita imalashee jalqabaa ifatti eegaltu, doonii addunyaa kanaa isa guddichaa taati.

Dheerinni doonii kanaa meetira 365 yoo ta'u, kunis dheerina atobisiiwwan 35n wal qixxeedha. Ulfaatinni isaa ammoo toonii 250,800.

Akkasumas darbiiwwan 20 kan qabu oggaa tahu, kutaawwan imaltoota 7,600 dabalatee, namoota hanga 10,000 ta'an keessummeessuu danda'a.

Kana qofaas miti - dooniin kun wantoota ajaa'ibsiisoo ta'a hedduu qaba. Mee dubbifadhaa.

Bidiruu guddicha addunyaa galaanarratti paarkii bishaanii qabu

Dooniin kun bakka bashannanaa bishaanii jaha, bakka daakaa torbaa fi 'whirlpool' sagal qaba.

Akkasumas dooniin kun fincaa'aa dheeraa doonirraa fi paarkii biqiltuuwwaniin guutamellee ofkeessaa qaba.

Dooniin The Icon kun Amajjii 2024'tti Galaana Kaaribiyaan irra imala ishee ifatti akka eegaltu eegama.

Doonii fe'umsaa guddicha

Doonii fe'umsaa guddicha

Madda suuraa, JW SHIPPING PHOTOGRAPHY

MSC Loreto - dooniin fe'umsaa guddichi kun paarkii bishaanii hin qabu. Garuu ammoo doonii guddittii Icon of the Seas caalaa fayidaa kan qabudha.

Dooniiwwan konteeyinaraa jechuunis dooniiwwan fe'umsa konteenaroota guddina hanga konkolaatawwanii qaban baataniidha.

Konteenaroonni kunneenis haala salphaatti akka konkolaatawwan kanneen akka konkolaataa fe'umsaa fi baabuuratti dabarfamaniitti kan hojjataman.

Dooniin fe'uumsaa kunis mala ijoo mi'i garaa garaa addunyaa guutuutti ittin fe'amaniidha.

Dooniin fee'umsaa MSC Loreto jedhamu kun safartuu TEU 24,346 baachuu kan danda'udha. Kana jechuunis konteenaroota meetir iskuweerii 14 ol tahan, 24,346 geejjibsiisuu danda'a jechuudha.

Dheerinni doonii fee'umsaa kanaas meetira 400.

Dooniin kun addunyaarratti doonii fe'umsaa isa guddiicha jedhamuun beekama.

Bidiruu bashannanaa guddicha addunyaa

Doonii bashannanaa guddicha

Madda suuraa, LÜRSSEN

Bidiruun Azzam jedhamtu bidiruu bashannanaa (yacht) guddicha addunyaa kanaa yoo taatu, dheerina meetira 180.65 qabdi.

Bakkeen bashannanaa doonichaa, haalawwan dooniin tun bashannanaaf kan mijatu taasisan keessaa tokko.

Abbaan qabeenyaa dooniin bashannanaa gatiinshee doolaara miiliyoona 600 baastu tanaa, bulchaa (emir) Abu Daabii, Mohaammad bin-Zaayid Al Naahyaan.

Yeroo baay'ee saffisni doonii tanaas akka saffiisa lafarratti yoo ilaalame, sa'aatiin gara maayiliis 34 ta'a.

Mootari isaa afur keessaa lamaan isaanii tarbaayinii gaaziin kan hojjatan yoo ta'u, kan hafan lama ammoo boba'aadhaan hojjatu.

Doonii waraana galaanaa guddicha

Doonii waraanaa guddicha addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Dooniin HMS Queen Elzaabeet jedhamus doonii waraanaa galaanaa mootii (Royal Navy's biggest ship) guddicha addunyaa kanaa jedhamun beekama.

Kutaan isaas dheerina meetira 280 fi bal'ina meetira 70 kan qabu yoo ta'u, kunis bakka tapha kubbaa miilaa sadiif gahuun qixa jechuudha.

Dooniin kunis ulfaatina toonii 65,000 kan qabu yoo ta'u, kunis ulfaatina harboota 16,000tiin wal qixxeedha.

Kana malees, dirree balaliinsaa doonii kanaarratti jeettiiwwan waraanaa 40 al tokkichaan yoo qubatan eddoo gahaa qaba.

Akkasumas bakka jiimii (Gym) keessatti hojjatamu shan, bakka kadhataa tokkoo fi jidduugala wallaansaa tokko qaba.

Bidiruu diraagoon guddicha

Bidiiruu guddicha addunyaa

Madda suuraa, GUINESS WORLD RECORDS

Kaamboodiyaan bidiruu diraagoon dheeraa (Longest dragon boat), bara 2019'tti hojjachuun rikardii addunyaa kan cabsite yoo ta'u, bidiruun kunis dheerina meetira 87.3 qaba.

Bidiruun diraagoon kunis humna namaatiin kan bishaaniirra akka socha'u taasifamuun hojjatame yoo ta'u, ka'umsi isaas Chaayinaa irraayi.

Chaayinaan bidiruu diraagoon fesitivaalaa ykn kabaja qophii Duanwu Festival jedhamuutiif ooluu fi the Dragon Boat Festival jedhamu sirna bashannanaa yeroo ayyaanaatiif oolu hojjatte.

Haata'u malee Federeshiniin Gamtaa Dargaggoota Kaambodiyaa (UYFC), akkasumas bulchiinsii Prey Veng fi Prey Veng keessaa malawwan aadaatti fayyadamun bidiruu tana tolchan.

Bidiruun kunis mala aadaatiin kan tolfame yoo ta'u, qarqara hundarraa mataa dragon qaba.

Bidiruun kun kan bara 2016tti Chaayinaadhaan hojjatameefi kan dheerina meetira 77.8 qabu caaluudhaan galmee Giinas addunyaarratti bidiruu dheeraa addunyaa kanaa ta'un galmaa'eera.