Walaabutti akkamiin abbaan ijoolleesaanii jaha waliin qormaata kutaa 12ffaa qoraman?

Madda suuraa, Biiroo Barnoota Oromiyaa
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan walqabatee Godina Boorana Bahaa Aanaa Walaabuu Lixaatti kan argamu maatiin Sheek Abdurazaaq Haaji Kadir mudannoo addaa keessummeesseera.
Sheek Abdurazaaq ijoollee isaanii jaha waliin ta’uun waliigala maatii tokko keessaa namootni torba Yunivarsiitii Madda Walaabuutti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramaniiru.
Ga’eessa umrii waggaa 43 kun haadha warraa lama irraa ijoollee 18 godhataniiru.
“Haadha warraa tan jalqabaa irraa ijoollee 11'n qaba. Tan lammaffaa irraammoo ijoollee torban qaba” jechuun waa'ee ijoollee isaanii dubbatu.
ALI bara 1999 Aanaa Madda Walaabuu magaalaa Bidireetti kutaa 10ffaa barachuu kan himan Sheek Abdurazaaq, ijoollee isaanii barsiisuuf jecha barnoota isaanii kutaa 10'ffaatii adda kutuu isaanii BBC'tti himan.
“Hojii hojjechaa ijoollee barsiisaa ture. Qabeenyillee baay’ee waan hin jirreef ijoolluma kiyyan barsiisa jedhee addaan kute” jedhan.
“Olumaa gad deemeen hojii garagaraa hojjedha. Waa daldalee, oyiruullee qotee waanuma garagaraa hojjedhee ijoollee qofa barsiifachaa ture” jechuunis haala ijoollee isaanii itti bariisan himu.
Yeroo ammaattis daa’imman umriin isaanii barnootaf hingeenye sadiin ala kunneen biroo barnoota idileen duraarraa eegalee barumsarra jiru.
Akkamiin erga takkaa qoraman?
Ga'eessi kuni barumsa adda kutan itti fufuun ALI bara 2012 barumsatti deebi’uun Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Warree jedhamutti barnoota kutaa 11ffaa barachuu eegalan.
Waggaa lama dura ALI bara 2013 immoo kutaa 12ffaa xummuruun qormaata biyyaalessaa kan qoraman yemmuu ta’u, gama qabxiitiin garuu osoo hin milkaa’iin hafuu himan.
Kanaafis bara darbe (ALI bara 2014) ijoollee isaanii kutaa 12ffaa xummuran lama waliin qormaata biyyaalessaa irra deebiin qoraman.
“Bara 2013 yemmuun qoramu qofaa koon qorame. Qabxiin narraa gadi bu’ee gaafan bara 2014 irra deebi’ee qoramu ijoolleekoo reefu kutaa 12ffaa xummuran lama waliin qorame” jedhan.
Qormaata bara 2014 qoramaniin isaanis ta’e ijoolleen isaanii lamaan qormaatichaan osoo hin milkaa’in hafuu kan dubbatan Sheek Abdurazaaq, sadeen isaaniitu bara kana maallaqa kanfaluun dhuunfaadhaan qoramuu himan.
Ijoolleen isaanii bara 2015 kana kutaa 12ffaa barachaa turan afur immoo qormaaticha bifa idileen (Regular) qoramuus dubbatan.
Ijoollee Obbo Abdurazaaq kunneen bara kana qormaata biyyaalessaa fudhatan jaha keessaa isheen hangafaa shamarree umrii waggaa 22 yemmuu taatu inni quxisuun immoo waggaa 19 ta’uu himan.
'Barsiisaa ta'uun barbaada'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sheek Abdurazaaq torban darbe keessa ture ijoollee isaanii afur waliin ta’un Yunivarsiitii Madda Walaabuutti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa damee barnootaa Saayinsii Hawaasaan kan qoraman.
Ijoolleen isaanii lama immoo yunivarsiitichatti yeroo ammaa kana damee barnootaa Saayinsii Uumamaan qoramaa jiru.
Qormaatichaaf akkamiin qophaa'aa akka turan akkanaan himu:
“Anillee isaaniif waa barbaaduuf olii gadin joora. Isaan garuu sagantaa qopheeffatanii qophaa’aa turan.
''Haata’u malee, halkan tokko tokko karoora itti qabannee waliin qo'achaa turre,” jechuun deebisan.
“Qormaatni nama gammachiisa. Haata’u malee, yunivarsiitii keessaa naannoon namatti jijjiiramee haaraa yoo namatti ta’een ala qormaatni ulfina hinqabu.
''Nama dubbiseef sirriitti bareedaadha,” jechuunis haala qormaata qoramanii ibsan.
Hanna qormaataa ittisuuf jecha barattoonni Itoophiyaa keessatti argaman yeroo dhihootii eegalee yunivarsitiitti qoramaa jiru.
Sheek Abdurazaaq qormaatichaan milkaa’anii carraa dhaabbata barnoota olaanaa seenuu yoo argatan barsiisaa Seenaa fi Afaan Oromoo ta’uuf fedha akka qaban dubbatan.
Ta'us, carraa argamu mara keessatti ijoollee isaaniif dursa kan kennan ta’uu himan.
“Yoo carraa Rabbi naaf godhee yunivarsiitii kan seenu ta’e anaaf osoo hintaane ilmaan kiyyaaf waan barbaadamu marayyuu godhee yoon dhabellee itti kadhadhee barsiisa.”
Kana malees, “Ijoolleen kiyya yunivarsiitii yoo naaf seenan sirriitti itti gammadeen waan qabu itti fixadha,” jechuunis dubbatan.












