Barattuu Magartuu: 'Abbaa koo boonsuun mul'atakoo ture, naaf milkaa'eera'

Barattuu Magartuu Ayyalaa Yun. Walaayittaa Soddoodhaa barnoota seeraan medaaliyaa warqiifi waancaa fudhatte
Ibsa waa'ee suuraa, Barattuu Magartuu Ayyalaa Yun. Walaayittaa Soddoodhaa barnoota seeraan medaaliyaa warqiifi waancaa fudhatte

Shamarree Magartuu Ayyalaa Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddooti barnoota seeraatiin qabxii olaanaa galmeessuun meedaaliyaa fi waancaa badhaafamteetti.

Godina Gujii Magaala Adoolaa Woyyuutti dhalattee kan guddatte Magartuun, barnoota isheetti sadarkaa gadiitii jalqabuun barattuu cimtuu akka turte himti.

“Kutaa tokkoo hanga 12’tti tokkoffaan bahaa ture. Qorumsa biyyaalessaas qabxii olaanaa galmeessiseen ogummaa seeraa barachuuf Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo seene” jechuun himti.

Sagantaa eebba barattootaa Yunivarsiitichi qopheesse irrattis barnoota seeraatiin qabxii 3.94 fiduun barattoota shamarranii keessaa tokkoffaa, barattoota waliigalaa keessaa ammoo lammaffaa bahuun badhaafamte.

Koorsiiwwan baratte 53 keessaa 30 A+ fiduun akka xumurtes himti.

Abbaankoo anaa fi obboleettiikoo qofa qaba kan jettu Magartuun, barnootaan milkooftee abbaa ishee boonsuun mul’ata ishee yeroo hundaa akka ture himti.

“Abbaankoo barnootarratti baay’ee baay’ee nu gargaara, nujajjabeessa. Haatikoos barsiistuu waan taateef nu deeggarti ture.

‘’Kanaaf jecha hawwii abbaa kiyyaa milkeessee abbaakoo boonsuu qofa ture mul’anni koo. Kunoo naaf milkaa’eera” jechuun miiraa gammachuun dubbatti.

Sagantaa eebbaa yunvarsiitichi qopheesse irrattis yeroo maqaanshee waamamee gara waltajjiitti bahuun meedaaliyaa fi waancaa fudhattu abbaanshii miira gammachuutin akka boohanis himti.

“Yeroon badhaasakoo fudhee deebi’u abbaankoo miira gammachuutiin na hammatee boo’e. Baay’een gammade” jechuun haala ture BBC’tti himte.

Barattuu Magartuun maatiin ishee, isheefi obboleettii ishee malee akka hin qabne dubbatti
Ibsa waa'ee suuraa, Barattuu Magartuun maatiin ishee, isheefi obboleettii ishee malee akka hin qabne dubbatti

Magartuun turtii barnoota yunvarsiitii waggoota shanii keessatti milkaa’inaaf kan ishee gahe yeroo qabdu hunda barnoota qofaaf oolchuu akka ta’e dubbatti.

“Barnootni seeraa kuni ni ulfaata. Ani yeroo kiyya qo’annaaf qofan oolcha. Akka dubartiitti qormaatni baay’ee si mudata.

‘’Hundarra darbeen yerookoo barnootaaf kenneen dubbisa. Dorgommiinkoo dhiirota faana ture” jechuun dubbatti.

Gara fuula duraatti ‘dubartoota dhiibbaa uuman’ keessaa tokko ta’uun mul’atashii akka ta’ee fi ijoolleen shamarranii kaayyoo isaanii irratti qofa yoo xiyyeeffatan milkaa’inni hin qaqqabne hin jiraatu jechuunis dhaamti.