Raashiyaan haleellaa lubbuu 137 galaafateef namoota afur shororkeessummaan himatte

Raashiyaan namoota afur galma konsartii magaalaa Moskoo argamu irratti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate lubbuu namoota 137 galaafatan jette yakka shororkeessummaan himatte.

Namoonni kunneen hundinuu guyyaama haleellaa raawwatu qabaman, harkisaanii duubatti hidhamuun, kaan ammoo teessoo sosso'u (wheelchair) irra taa'uun dhaddachatti dhihaataniiru.

Haleellaa Jimaata darbe raawwatameef gareen Islamic State (IS) ofiin jedhu itti gaafatamummaa fudhateera, viidiyooyyuu waraabee gadhiiseera.

Aanga'oonni Raashiyaa haleellaa mudate kana keessaa Yukireen qooda qabdi jedhan, garuu ragaa hin dhiheessine.

Yukireen garuu kun himannaa ragaan hin deggeramne jechuun soba ta'uu dubbatte.

Namoonni kunneen poolisiidhaan marfamanii dhaddachatti wayita dhihaatan hunduu qaamasaaniirra miidhaan qaqqabeera.

Manni murtii akka jedhetti namoonni kunneen afranuu hanga Caamsaa 22 mana hidhaa turuun, achii deddeebi'anii dhaddachatti dhihaatu.

Namoonni kunneen erga haleellaan magaalaa kaaba Moskootti argamtu, Kiraasnoogorisk keessatti raawwatee sa'atiiwwan muraasa keessatti qabaman.

Yeroo haleellaan raawwatu galma guddaa Kirookas jedhamuufi namoonni sagantaa konsartii keessatti hirmaataa turan 6,000 ta'u.

Namoonni kunneen haleellaa raawwataniin cinatti gamootti abidda waan qabsiisaniif gamoon namootarratti jijjigee miidhaa guddaa geessise.

Aanga'oonni Raashiyaa haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 137 ajjeefamuu fi 100 kan caalan madaa'uu ibsan.

Haleellaan kun raawwatee sa'aatii muraasa keessatti gareen IS haleellaa kana kan raawwate damee isaa Koraasan keessa socho'u, IS-K kan jedhamu ta'uu ibse.

Viidiyoo haleellaa kanaa gareen IS gadhiiseera, BBCn viidiyoon kun dhugaa ta'uu mirkaneesseera.

Haata'u malee, qondaalli mootummaa Raashiyaa yaada kana fudhate hin jiru. Isaan akka jedhanitti haleellaan kun akka raawwatu kan godhe Yukireen, garuu kana jechuusaaniif sababa hin dhiheessine.

Namoonni haleellaa raawwatan kunneen osoo daangaa Yukireen naannawa Biriyaanisk jedhamu seenaa jiranii to'atamuu Raashiyaan ibsiteetti.

Namoonni torba biroon haleellaan akka mudatu gumaachaniiru jedhamuun shakkaman ammoo Raashiyaa keessatti to'ataman.