Raashiyaatti kanneen konsartiirratti namoota 133 ajjeesan to'atamuu Puutin himan

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin kanneen Mooskotti konsartiirratti namoota heddu ajjeessaniifi madeessan hundi to'atamuu beeksisan.

Konsartii kanarratti yoo xiqqaate namoonni 133 ajjeefamanii 140 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

Qondaalti biyyattii kanneen haleellaa kanaan shakkaman 11 yoo to'atamanii akka turaniifi namoonni afur haleellicha raawwatan jedhaman afur osoo gara Yukireenitti baqatanii to'annoo jala oolan jedhan.

Gama kaaniin, Itoophiyaan haleellaa lammiilee Raashiyaa heddu galafaate kana balaaleffatteetti. Ministeerri Dhimma Alaa, taatee kana ilaalchisee ibsa baasen, haleellaa gara jabinaafi shororkeessummaa lammiilee nagaarratti raawwate Itoophiyaan akka balaaleffattu beeksise.

Gareen Islaamik Isteet (IS) haleellaa Mooskotti namoota heddu galaafate kana anatu raawwate jedhe.

Samabata, Bitootessa 23, gareen IS toora Telegiraamii isaarratti namoota afur fuulasaanii golganiifi haleellaa Raashiyaarratti hirmaatan jedhe suura isaanii maxxansee ture. Haleellaa IS anatu gaggeesse jedhe kanarratti Raashiyaan homaa hin dubbanne.

Boodarra gareen IS suuraafi viidiyoowwan suukanneessaa bakka haleellaan itti gaggeeffamee gadi fuula Telegiraamiisaarratti maxxanse. Viidiyicha BBCn akka mirkaneessetti, kanneen haleellaa gaggeessan tokko namoota heddutti osoo dhukaasuu mul'ata.

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin karaa foddaa TV haasaa taasisaniin waggaa 20 keessatti ajjeechaa hamaafi "gochaa shororkaa gara jabinaan raawwatame" jechuun balaaleffatan.

Namoonni haleellaa raawwatan gara Yukireenitti baqachuuf akka yaalanis himan.

Yukireen garuu haleellaa kana keessaa karaa ta'een harka qabdi kan jedhu waakkatteetti.

Pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin haleellaa irratti raawwateef "nutti qabachuu barbaada" jechuun Puutin komatan.

"Puutin namni gatii hin qabne kun, waa'ee lammiilee Raashiyaa dhiisee, gaaffiisaanii deebisuu dhiisee, [haleellan erga gaggeeffamee] guyyaa tokko homaa hin dubbatin akkaataa itti Yukireen maqaa balleessu yaadaa ture," jechuun dubbatan Zeleniskiin.

Kaawunsiliin Nageenya Biyyaalessa US "bakka namni heddu itti walitti qabametti" haleellan raawwachuu akka malu Raashiyaa akeekkachiisee akka ture beeksise.

Yeroo sana Raashiyaan "piroppaagaandaa" jechuun akeekkachiisa US fudhachuu diduun akka waan US filannoo Raashiyaa keessa harka galfachuuf karoorsiteetti fudhatte jedhame.

US gamasheen haleellaa lubbuu lammiilee Raashiyaa heddu galaafate balaaleffachuun Islaamik Isteet "garee shororkeessaa diina hunda keenyaati" jette.

Halkan gaafa Jimaataa, Bitootessa 22, namoonni 6,200 ta'an magaalaa Mooskoo bakka konsartiin itti qophaa'etti argamanii turan.

Bakka namoonni kuma heddu walitti qabaman kanatti namoonni meeshaa hidhatan itti seenun namoota heddu ajjeesun kaan madeessan.

Koreen Qorannoo Raashiyaa akka jedhetti namoonni haleellaa gaggeessan waan dhangala'aa abiddaa uumuu danda'us fayyadamuun gamoo bakka konsartichi itti qophaa'etti abiddi akka qabatu godhaniiru.

Pirezidaant Puutin Dilbanni kun guyyaa gaddaa akka ta'uuf labsan. Sagantaawwan garaa garaa sanbattan kanarra turanis haqamaniiru.

Embasiiwwan Raashiyaa biyyoota garaa garaa keessa jiranittis kanneen du'aniif sagantaan yaadannoo akka taasifamu godhameera.