Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa hidhattoonni Moskootti raawwataniin yoo xiqqaate 115 ajjeefaman
Haleellaa hidhattoonni konsartii muuziqaa dhiheenya magaalaa Moskoo argamuutti bananiin yoo xiqqaate namoonni 115 ajjeefamuu koreen qorachuuf hundaa'e hime.
Namoonni 140 caalanimmoo madaa’uu dhaabbati tika Raashiyaa duratti beeksisee ture.
Viidiyoon BBC’n mirkaneesse akka agarsiisutti hidhattoonni uffata waraanaa uffatan afur haleellaa kana keessa qooda fudhataniiru.
Kanneen haleellaa kana raawwachuun shakkaman afur namoota kaan torba waliin to’atamuu dhaabbati tikaa biyyattii pirezidantii biyyattii gurra buusuu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasaa jiru.
Kanneen ajjeefaman keessaa daa’imman jiru jedhameera. Miniseerri dhimma alaa Raashiyaa wanti raawwate ''haleellaa shororkeessummaati'' jechuun balaaleffate.
Haleellaa kanaaf gareen Islaamik Isteet (IS) itti gaafatama akka fudhatu ibseera. Kanneen haleellaa kana raawwatanis miliquu ibse.
Aangawoonni Ameerikaa gama isaaniin IS Raashiyaa hubuuf akka barbaadu odeeffannoo akka argatan Ameerikaatti michuu BBC kan ta’e CBS’tti himaniiru.
Masaraan Ameerikaa Waayit Haawus jalqaba baatii kana ''bakkeewwan namoonni baay’atanitti'' haleellaan qiyyaafate mudachuu akka danda’u Raashiyaa akeekkachiisuu ibseera.
Galma Kirookas jedhamu kana keessatti yeroo haleellaan raawwatu bashannanatu ture.
Muuziqaa baandii rook Pikniik jedhamu daawwachuuf lammiileen Raashiyaa kuma jaha ta’an galma magaalaa Kirookas keessa turan.
Hidhattoonni galma seenanii dhukaasa akka bananiifi waltajjii gubbaas bahuun isaanii ibsameera.
Akka namni ijaan arge himetti, haleellaan kuni baandichi gara waltajjii bahuu isaan duradha.
Miseensonni baandii kanaas miidhaan irra hin geenye.
Gamoon galmichaa gara caalu ibiddaan kan gubate yoo ta’e, gar tokkommoo baaxiin isaanii diigameera.
Aangawoonni Raashiyaa kanneen haleellaa kana raawwatan adamsanii qabuuf humnoonni nageenyaa bobba’uu ibsanii turan.
Torban lama dura embasiin Ameerikaa Raashiyaatti argamu lammiileen isaa bakkeewwan namoonni baay’atan akka hin deemne akeekkachiisee ture.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin haleellaa kana ilaalchisee ummataaf ergaa dabarsan hin qaban.
Haa ta’u malee, itti aanaan isaanii haleellaa raawwateen kanneen madaa’an dafanii akka fayyan abdii ibsaniiru.
Haleellaan namoota nagaarratti raawwate kuni haleellaa hamaa Raashiyaa keessatti waggoota 20 keessatti raawwatedha jedhameera.