Sochiin garee IS maalirra gahe?

Gareen Islaamik Isteet (IS) yeroo tokko lafa bal’aa kaaba baha Sooriyaarraa kaasee hanga kaaba Iraaq gahu qabatee ture.

Akka ragaan BBC Monitoring walitti qabe agarsiisutti, bara 2023 haleellaan IS haalaan hir’achuu mul’isa.

Sochiin IS kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu harka walakkaa oliin gadi bu'eera.

Hoggansi garee hidhattoota kanaas hubameera.

Gareen hidhattoota IS wajjiin hidhata qabufi Masrii keessa socho’u bara kana ripheera, hidhattoonni kun gartuulee hidhattoota Liibiyaa fi Yaman keessa socho’an birootti makaman.

Gama biraatiin ammoo gartuun IS Afgaanistaanitti hidhata qabu, haleellaa bara darbe raawwate keessaa harka qabaachuu ibse.

Gareen Afrikaa keessatti haleellaa raawwatu haleellaa xiqqaa ta'e raawwachuu hime.

Damee IS kan baha Maaliitti babal’ate, Niijar keessatti haleellaa gurguddaa qaqqabsiisu himate.

Gartuun hidhattoota kana ololaa himuurratti xiyyeeffateera.

Lakkoofsi kun maal nutti hima?

Ji’a Muddee osoo hin dabalatiin IS bara 2023 sadarkaa addunyaatti walumaagala haleellaa 838 raawwachuu kan hime yoo ta’u, bara darbe yeroo walfakkaataatti haleellaa 1,811 qaqqabsiise.

Haleellaan qaqqabu %53'n gadi bu’eera.

Xiinxalli fi argannoon kun lakkoofsa haleellaa IS ifatti raawwachuu amane kan bu’uureffatedha.

Akka kanaan, lakkoofsi sun garmalee dhaadheffamuu ykn yeroo tokko tokko xiqqaate otoo hin himamiin hafuu mala.

Lakkoofsi haleellaa bara 2023 qaqqabe jedhamuun eeramee hundisaa haleellaa Amajjii 1,2023 hanga Sadaasa 30, 2023 gidduutti raawwatame kan agarsiisudha.

Waa'ee haleellaa IS maal beekna?

Yeroo dhiibbaa hidhattoonni kun qaqqabsiisan hammaatetti, IS irra caalaa Sooriyaa fi Iraaq to’achaa ture.

Bara 2017'tti garuu IS lafa to’ate keessaa %95 dhabe.

Bara 2019'tti tumsi waloo sadarkaa idil-addunyaa US fi hidhattoota Kurdiin durfamu mandara Baghuz, maadhee ijoo IS Sooriyaa keessaa qabu to’ate.

Sana booda gareen kun walitti aanse injifatamuun ittuu garicha kuffise.

Yeroo sanarraa kaase IS damee Afrikaatti ijaaruurratti xiyyeeffateera. Sababiin isaas Baha Giddugaleessaa injifatamnaan xiyyeeffannaa gara biraatti naannessuuf karoorfame.

Gareen IS ammallee Iraaq fi Sooriyaa keessatti akka loote seentutti socho’u.

IS yoo xiqqaate Eeshiyaa, Afrikaa fi Baha Giddugaleessaatti gartuu hidhata qaban kudhan ta’an qabu, sochiin isaanii garuu xiiqqaachurratti argama.

Ji'a Bitootessaa keessa IS sababa nageenyaaf jecha haleellaa raawwanne hunda ifatti hin himnu jedhe.

Dameen IS kan Masrii, gammoojjii Siinaa keessa maadheffate barana haleellaan akka hin raawwanne kan hime yoo ta’u, bara darbe haleellaa 102 raawwate.

Haleellaan kun xumura waggaa darbeetti haleellaa naannoo ulaa Suyiz Kanaalitti dhihaatutti raawwate ni dabalata.

Haleellaan IS damee bulchiinsa Korasan jedhamu (ISKP) Afgaanistaan keessatti raawwatus hira'teera.

Sababiin isaas gareen kun bara 2023 haleellaa 20 raawwachuu isaa kan hime yoo ta’u, bara darbe haleelaa 145, bara 2021 ammoo haleellaa 293 raawwate.

Lakkoofsi haleellaa gadi bu'us, lubbuu namoota hedduu darbeera.

Ji’a Adoolessaa keessa ISKP hiriira paartii Islaamummaa ‘Jamiat Ulema-e-Islam-Fazl’, kaaba dhiha Paakistaan keessatti gaggeesserratti boombii dhoosuun yoo xiqqaate namoota 60 ajjeese jedhe.

Iraaq keessatti IS bara 2023tti walumatti haleellaa 141 kan raawwate yoo ta’u, bara darbe yeroo walfakkaataatti haleellaa 401 raawwate , haleellichi %65 gadi bu’eera.

IS Afrikaa keessatti guddachaa jiraa?

IS bara 2019 erga Baaguz dhabee as olola gara biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti "babal'anne" fi "injifannoo arganne" jedhuurratti xiyyeeffate.

IS naannichatti damee shan qaba: Damee Afrikaa Dhihaa (ISWAP) kan Naayijeeriyaarratti xiyyeeffate, RD Koongoo - irratti kan xiyyeeffate, damee Giddugaleessa Afrikaa, kan darbee darbee Yugaandaa seenu, damee Saahel, damee Moozaambiik fi damee Somaaliyaati.

Dameewwan IS keessaa sirriitti socho’u ISWAP yoo ta’u, irra caalaa kaaba baha Naayijeeriyaa fi naannoo haroo Chaad keessa socho’u.

Bara 2023'tti garuu sochiin hidhattoota kanaa gadi bu’eera.

Gareen kun bara 2022'tti haleellaa 470 qaqqabsiise, bara 2023'tti ammoo haleellaa 266 raawwadhe jedhe.

Dameen garee kanaa Giddugaleessa Afrikaa fi Mozaambiik haleellaa xiqqaa raawwachuu hime.

Ta'us, qaama balaa uumuu ijoo ta’anii ittifufan. Gareen lamaanuu humnoota biyya keessaa fi naannoorratti, akkasumas jiraattota mandara Kiristaanarratti haleellaa raawwachuu ittifufu himatu.

IS Giddugaleessa Afrikaa bara kana Yugaandaa keessatti haleellaa afur raawwatuu hime.

Haleellaa kana keessaa tokko turistoota lamaa fi nama isaanitti karaa agarsiisu ajjeese.

Haleellaa lubbuu namaa galaafate biraa baatii Waxabajjii darbe mana barumsaa sadarkaa lammaffaa dhiha Yugaandaarratti raawwachuun balaaleeffatamanis IS ittigaafatamummaa hin fudhatiin hafe.

Walumatti, haleellaan IS damee Afrikaa gammoojjii Saahel walitti qabamee waggaa tokko dura 847 ture, bara 2023tti gara 508tti hir'ate.

Haata'u malee, kun ammallee haleellaa IS addunyaarratti raawwate keessaa %60 ta'a.

Sochiin IS eessatti guddachaa jira?

Akka ragaan BBC Monitoring walitti qabe agarsiisutti, dameewwan IS naannoo Saahel fi Filiippinsitti argaman bara kana caalaatti sochiirra jiru.

Ebla irraa eegalee baha Maalii naannoo Niijarin wal-daangessanitti IS babal’achaa akka jiru himamaa jira.

Guddinni garee kanaa asitti kan mul’ate, jeequmsi siyaasaa fi tasgabbii dhabiinsa biyyoota naannoo Saahel keessatti mul’atutti fayyadamuuf finxaaleyyiin fedhii guddaa waan qabaniifi.

Ji'a Adooleessaa fi Onkoloolessa gidduutti IS gabaasaafi suuraa ''duula'' gareen kun eegalee ''yakka ittisuuf seera haqaa'' tumachuu jedhu gadhiisee ture.

Ololli hidhattota IS naannoo daangaa Maalii fi Niijar gidduutti seera Shari'aa kan jajjabeessu fakkaata.

Niijer keessatti fonqolcha mootummaa ji’a Adooleessaa keessatti raawwatame hordofuun IS haleellaa walitti aansuun loltoota dhiha biyyattii jiranirratti raawwadhe jedhe.

Haleellaan jalqaba Onkoloolessaa keessa raawwateen loltoonni 60 kan ajjeese yoo ta’u, mootummaan Niijer gadda guyyoota sadii akka labsu dirqisiise.

Bara 2014 irraa eegalee IS gareewwan hidhattoota Kibba Baha Eeshiyaa irraas hidhata argachaa jira.

Gareen kun naannicha keessatti hidhata qaban irra caalaa odola kibba Filiippinsii naannoo Muslimoonni itti heddumatan keessa socho’u.

Erga ji'a Adoolessaatii dameen hidhattoota IS kun bara kana haleellaa 20 raawwachuu kan hime yoo ta'u, bara 2022'tti ammoo haleellaa torba raawwate.

IS haleellaa Muddee 3, 2023 kibba Filiippiinsitti mana amantii Kaatolikiirratti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhateera.

Waa'ee hoggantoota IS maal beekna?

Gareen IS yeroo dhiyoo as hoggansa isaa keessatti kasaaraa guddaa mudate.

Waggaa tokkoo ol keessatti hoggantootasaa sadii kan dhabe IS, sadanuu Guraandhala 2022 fi Ebla 2023 gidduutti Sooriyaatti ajjeefaman.

Haleellaa Ameerikaan Onkoloolessa 27 bara 2019 raawwatteen Abu Bakri al-Bagdadii ajeeffamu booda, gareen kun Abu Ibraahim al-Hashimi al-Qureshi nama jedhamuun hogganama ture.

Achii booda Abu al-Hasan al-Qureshiitu hogganaa ta’e, itti aansee gareen IS Abu al-Huseen al-Qurashiin hoogganamaa ture.

Hoggantoonni kun walitti dhufeenya hinqaban – ‘al-Qureshi" jechuun qomoo Nabi Muhaammad, Quresh, Makkaa keessa jiran wajjin walitti dhufeenya qabaachuu agarsiisa.

Erga gareen kun ji'a Waxabajjii 2014 keessa "Kaalifeetota" ofiin jedhee labsee as hoggantoota isaanii "Kaliifaa" jedhanii waamuun ittifufan. Kaliifaan inni jalqabaa al-Bagdaadii ture.

Hagayya 2023 keessa IS hogganaa haaraa Abu Hafsi al-Hashimi al-Qureshi jedhamu dhiheeffate, waa’eesaa garuu waan xiqqootu beekama, amma yoonaatti dhaamsa hoggansaa hin dabarsine.

IS ajajootasaa dursa hiriiran Sooriyaa fi Iraaq keessatti dhabe, irra caalaan isaanii haleellaa gartuu Ameerikaan dursituun ajjeefaman.

Hagayyaa keessa waraanni Mozaambiik ittigaafatamaa IS biyyattii keessa socho’uu ajjeesuu ibse, garuu dhimma "Kaliifaa" fi dubbi-himaa isaarraa kan hafe gareen IS ajjeechaa akkanaarratti yaada baayyee hin kennine.

Waraanni Gaazaa dhiibbaa maalii qaba?

Somaaliyaa, Saahel, naannoo haroo Chaad fi Sooriyaa dabalatee biyyoota muraasa keessatti tarkaanfiin waraanaa IS irratti fudhatamu fi dorgommiin gareewwan IS morkatan gidduutti gaggeeefamu sochiin garichaa akka xiqqaatu gumaachera jedhamee amanama.

Kasaaraan hoggansa garicha mudatee fi eenyumman hooggansa garee IS haaraa dhokachuun - akka sababoota ijootti lakkaa’ama.

Garuu ammallee haleellaan IS dhibbaan lakkaa’amutu jira, keessattuu Afrikaatti, gareen kun biyyoota hedduu keessatti rakkoo siyaasaa, nageenyaa fi hawaasaa da’eeffachuun sochiirra jira.

Waraanni Gaazaa IS fi gareewwan finxaaleyyii birootiif akka "carraatti" ilaalamuu danda'a.

Gartuuwwan kun waraanicha fayyadamuun dallansuu gara diinotasaaniitti karaa itti qajeelchan barbaadu.

Amma erga waraanni kun jalqabee as Gaazaatti namoonni 20,000 ta’an ajjeefamanii, 52,000 ol madaa’uu isaanii gabaafameera.

Kunis erga weerarri Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’elitti raawwachuun namoota 1,200 ajjeesee, namoota 240 butee fudhatee booda.

Gartuun al-Qaayidaa Muslimoonni hidhattoota Filisxeem cina hiriiranii lola kanatti akka hirmaatan kan gaafatu yoo ta’u, gaazexaan torbaniin garee IS maxxansu al-Naba jedhamu gareewwan hidhattoota Filisxeem hin galateeffanne, Musliimonni Hamaas akka deeggaranis hin gaafanne.

IS kanaan dura Hamaas hordoftootasaa Gaazaa keessatti ukkaamsuu himate ture.

IS mootummoota biyyoota Arabaa Israa'el "eegu" jedhuun dabalatee, addunyaa guutuutti haleellaan haaloo ba'insaa akka raawwatamu waamicha dhiyeessurratti xiyyeeffate.